bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 7
Matthew 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
1
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Rabbi akka isinitti hin murteessine, isin namatti hin murteessinaa'a.
2
Murtima isin namatti murteessitaniin isinittillee murteeffama. Safartuma isin namaaf safartaniin isiniifillee safarama.
3
Huuba ija obboleessa keetii keessa jiru maaf laalta! utubaa ija tee keessa jiru maaf arguu dadhabde?
4
Uduu utubaan ija tee keessa jiru attamitti obboleessa keetiin, ‹Huuba ija tee keessaa sii baasa› jettaan?
5
Ati nama fakkeessitu! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf midhaassitee arguu dandeettaa.
6
«Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti gara galanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!»
7
«Rabbiin kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa.
8
Ka kadhatu maruu hin fudhata; ka barbaadu hin argata; ka balbala dhadhayuufillee hin banama.
9
Isin keessaa ilmi isaa yoo xoroshoo kadhate ka dhagaa kennuuf eennu?
10
Yookaan yoo qurxummii kadhate bofa kennaafii?
11
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii yoo ijoollee teessanii kennaa mishaa kennuu beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra Isa kadhataniif attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree?
12
Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a; seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.»
13
«Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef; worri karra saniin seenu heddu.
14
Karaan gara jireennaa fidu qadho'o; karri dhiphoo waan taateef; worri karaa jiru'uu san argatu hago'o.»
15
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Raattota sobaa worra hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii isinitti dhufan; ka keessi isaanii ammo akka Yayyii waa butuu ta'an irraa uf eegaa'a.
16
Isaan daraaraa hujii ufiitiin beekkaman; qoree irraa woyinii, qummuudduu irraa hurbuu hin guuranii?
17
Akkasuma munni mishaan maruu daraaraa mishaa daraara; munni badaan daraaraa badaa daraara.
18
Munni mishaan daraaraa badaa daraaruu, yookaan munni badaan daraaraa mishaa daraaruu hin danda'u.
19
Munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama.
20
Kanaaf daraaraa isaaniitiin isaan beettan.»
21
Yesuus, «Nama fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatutu jeennata sami'ii gala malee ka, ‹Gooftaa! Gooftaa!› jedhee na waamu marti hin galu.
22
Guyyaa san namoonni hedduu, ‹Gooftaa! Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan.
23
Ani ammo, ‹Isin dhartoota sirimaa isin hin beeku; na irraa fagaadhaa'a› jedhee isinitti rageessa.»
24
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu maruu namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata.
25
Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe; manni ammo lafa qarsaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.
26
«Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra hin oolchine ammo, namicha gowwaa mana ufii shasharee irratti ijaarate fakkaata.
27
Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee mana san dhiibe; manni sun jigee akka malee butute.»
28
Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, gumiin barumsa isaa hin baaseffatan.
29
Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28