bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 19
Matthew 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Yesuus haga waan kana raawwateen maayessa Galiilaa deemee, gara godina Yihuuda'aa Yoordaanosiin gama dhaqe.
2
Gumiin hedduu isa faana deeman; Innillee achumatti isaan fayyise.
3
Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haa ta'uu haadha manaa ufii gad dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan.
4
Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.»
5
« ‹Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa; haadha manaa ufiitiin wol ta'a; lamaanuu foon tokko ta'an› ka jedhu hin dubbifnee?
6
Maarre isaan ammaa achi foon tokko malee, lamaa miti. Kanaaf waan Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin.» jedhe.
7
Isaanillee, «Eegasuu Muuseen, ‹abbaan manaa woraqata hiikka'aa kenneefii akka isii hiiku› maaf ajaje ree?» jedhaniin.
8
Yesuus deebisee, «Sababa mata jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, dur akkasii miti» jedheen.
9
Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara.»
10
Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkana ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin.
11
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.»
12
«Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf taasisanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe.
13
Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka Waaqa kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammo daa'imman teedeffatan.
14
Yesuus ammo, «Jeennanni sami'ii ta worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe.
15
Inni harka ufiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.
16
Achiin maayessa namni tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! jireenna bara baraa argachuuf wonti mishaan ani godhuu na barbaachisu maali'i?» jedheen.
17
Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; yoo jireenna sanitti galuu feete ammo ajaja eegi» jedheen.
18
Dargaggeessillee, «Ajaja kamiin?» jedheen. Yesuus deebisee, « ‹Hin ajjeesin; hin seebarin; hin hatin; sobaan ragaa hin bayin;
19
Abbaa fi haadha tee kabajji; goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu sanniin fa'a» jedheen.
20
Dargageessillee deebisee, «Ani seerran kanniin maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera; amma ammo maaltu na irraa dhidhata? jedheen.
21
Yesuus deebisee, yoo guutuu ta'uu feete deemii waan qabdu maraa gurgurii meetii hiyyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi» jedheen.
22
Dargaggeessi sun hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna hedduu waan qabuuf gadda'aa deeme.
23
Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.
24
Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe.
25
Darasoonni isaa hennaa waan kana dhagayan guddisanii maalalanii, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan.
26
Yesuusillee gara isaanii laalee, «Wonti kun namaaf hin danda'amu; Rabbiif ammo maruu hin danda'ama» isaaniin jedhe.
27
Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra; eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen.
28
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti hennaa Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra taa'u, isinillee ammo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.
29
Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana, yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan Abbaa, yookaan haadha, yookaan ijoollee, yookaan qonna ufii dhiise maruu dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.
30
Hedduun isaanii ka duraa duuba; ka maayessaa ammo dura ta'a.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28