bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 24
Matthew 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Yesuus uduu mana woyyu'uu bayee deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan.
2
Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhagaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe.
3
Yesuus uduu gaara ejersaa irra taa'ee jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.
4
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a!
5
Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduu hin dogoggorsan.
6
Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; kun ta'uun isaa giddi'i; haa ta'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.
7
Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; beellinii fi sochiin lafaa hulee adda addaatitti hin ta'a.
8
Kun maruu ammo ciniinsuu duraati.
9
«Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan; sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan.
10
Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an; isaan dabarsanii wol kennan; Wolillee hin jibban.
11
Raattonni sobaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan.
12
Sababaa baay'inna hammeennaatiin jaalalti namoota hedduu hin qabbanoofti.
13
Ka haga dhumaa dhaabate ammo hin fayya.
14
Gosa maraaf ragaa akka ta'u Dubbiin Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe.
15
Yesuus ammallee, «Akkuma raattichi Daani'eel dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu!
16
Hennaa san worri biyya Yihuuda'aa keessa jiru gara gaarranii haa baqatuu.
17
Ka gamoo manaa irra jiru waan mana keessaa fudhachu'uuf gad hin bu'in.
18
Namni maasaa keessa jiru uffata fudhachu'uuf gara manaa hin deebi'in.
19
Guyyaa san dubartoota ulfaatii fi ta harma hoosiftu aanne'e!
20
Haa ta'uu ammo bandhi keessan gannaan yookaan guyyaa Sambataa akka hin taane Rabbiin kadhadhaa'a.
21
Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa; rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku; sirimaa deebi'eellee hin ta'u.
22
Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammo guyyoonni sun hin gabaabbatan.
23
Hennaa san, «Eennullee ‹Kunoo! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Inni achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.
24
Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota sobaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.
25
Kunoo ani duraan dursee kana isinitti himeera.
26
Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gad hin bayinaa'a. Yookaan, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a.
27
Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga dhiya biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
28
Hulee randhi jirutti rumichi wol gayan» jedhe.
29
Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjiiwwan samii gubba'aa hin harca'an; hundeen sami'iillee hin raafama.
30
Achiin maayessa malkanni Ilma Namaa samii gubba'atti hin mudhata; hennaa san gofti biyya lafaa maruu banne! banne! jedhan. Ilmi Namaa duumessa sami'iitiin, hunnaa fi ulfinna gudda'aan yoo dhufu hin argan.
31
Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»
32
Yesuus ammallee, «Muka hurbu'uu irraa baradhaa'a! Hennaa damee baaftee baalli isi'ii late bonni akka dhiyaate hin beettan.
33
Maarre akkasuma hennaa waan kana maraa argitan, akka Ilmi Namaa balbalatti dhiyaate beekaa'a!
34
Ani dhugamaan isiniin jedha, haga wonti kun maruu ta'utti dhaloonni kun hin badu.
35
Ardi'ii fi samiin hin baddi; dubbiin kiyya ammo hin badu.»
36
Waan guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa calla'atu beeka malee eennullee hin beeku; maleekkonni sami'iitii fi Ilmillee akkasuma eennullee hin beeku.
37
Akkuma bara Noohiititti ta'e, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
38
Bara san bisaan badi'iitiin dura haga Noohi markaba seenutti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa, heeruma'aa turan;
39
haga bisaan badi'ii dhufee isaan maraa haree deemutti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a.
40
Hennaa san namoonni lamaa maasaa keessatti hujan; tokkochi ol fudhatama, tokkochi hin hafa.
41
Dubartoonni lamaan uduu midhaan daakan takka ol fudhatamti, takka hin hafti.
42
Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a.
43
«Waan kana hubadhaa'a; abbaan manaa halkan keessa sa'aatii kamitti hattuun akka dhuftu uduu beekee, manni isa jalaa haa qotamu'uuf hin dhiisu.
44
Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.»
45
Yesuus ammallee, «Eeganaa hojjataan amanamaanii fi qaroon, ka gooftaan isaa akka inni hojjattoota isaatiif nyaata henna'aan kennuuf, mana ufii irratti muude eennu?
46
Hojjataan gooftaan isaa hennaa deebi'u uduu hojjatu arguun sun ka eebbifame.
47
Ani dhugamaan isinitti hima gooftaan isaa qabeenna ufii maraa irratti isa muuda.
48
Hojjataan hamaan sun ammo yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan hin tura› jedhee yoo
49
Hojjattoota tuma'aa, worra machaayu woliin nyaachu'uu fi dhuguu jalqabe,
50
gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti hin dhufa.
51
Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa; hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa; achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28