bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 8
Matthew 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Yesuus hennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduu isa faana deeman.
2
Yoo san namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee, «Gooftaa kiyya! Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedha'aa sagadeef.
3
Yesuus harka ufii diriirsee qabeenii, «Ee hin fedhaa fayyi!» jedheen; hennama san namichi dhukkuba irraa fayye.
4
Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; garuu deemii gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee akka nama maraaf ragaa ta'u fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.
5
Yesuus hennaa qachaa Qifirnaahoomii seene ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhiyaatee akkana jedhee isa kadhate,
6
«Gooftaa kiyya! Tajaajilaan kiyya guddisee dhukkubsatee laamshayee mana ciiseera.»
7
Yesuus, «Ani dhufee isa fayyisa» jedheen.
8
Ajajaan dhibbaa sun ammo akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! Ati mana kiyya seenu'uuf ani nama malee miti; dubbima takkattii callaa dubbadhu tajaajilaan kiyya hin fayyaa.
9
Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira; loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon yoo ‹deemi› jedhe inni hin deema; kaaniin yoo ‹koottu› jedhe inni hin dhufa; Hojjataa kiyyaan yoo ‹kana huji› jedheen innillee hin hojjata.»
10
Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa Israa'eliin keessatti nama amantaa guddaa akkanaa qabu tokkochallee hin argine.
11
Ani akkana isiniin jedha namoonni heddu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biiftu'uutii dhufanii jeennata sami'ii keessatti Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;
12
worri jeennata keessa taa'uu malan ammo hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe.
13
Achiin maayessa Yesuus ajajjaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma amantii keetii sii haa ta'u» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaa yoma san fayye.
14
Yesuus hennaa mana Pheexroosii dhaqe soddaatiin Pheexroosii oo'aa fi haxaxxe'een dhibamtee ka ciifteertu arge.
15
Inni harka isi'ii hennaa qaqqabe haxaxxeenii fi oo'i isii dhiise; isiinillee kaatee isaan tajaajilte.
16
Haga aduun dhiiteen maayii namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan; Inni dubbii ufiitiin jinnoota baasee worra dhibame maraa fayyise.
17
Wonti Isaayyaas raattichi, «Inni dadhabbii keenna nu irraa fudhate; Dhukkuba keennallee baate» jedhe haa raawwatamu'uuf kana godhe.
18
Yesuus namoonni hedduu akka isa marsan argee, akka gama ceeyan darasoota ufii ajaje.
19
Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisaa'a! bakka ati dhaxxu maraa si faana deema» jedheen.
20
Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee goom'ee qabdi; Ilmi namaa ammo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
21
Darasoota isaa keessaa tokko Yesuusiin, «Gooftaa'a! Duraan dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedheen.
22
Yesuus ammo, «Ati na faana koottu! Du'aan du'aa ufii haa awwaalatuu» jedheen.
23
Hennaa Yesuus gara yabalaa seenu darasoonni isaallee isa faanaa deeman.
24
Dambaliin yabala liqimsuu geennaan guddisanii raafaman; hennaa san Yesuus hin rafeera.
25
Darasoonni gara Yesuusii dhaqanii, «Maal bannee Gooftaa keenna! Nu hambisi» jedha'aa isa dammassan.
26
Yesuus deebisee, «Isin bada worra amantii dhidhu'uu maaf sodaattan?» isaaniin jedhe. Achiin maayessa inni ol ka'ee bubbe'ee fi dambalii teedeffate; dambaliin yoma san cadhise.
27
Kana irratti namoonni maalalfatanii, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun nama attamiiti?» jedhan.
28
Hennaa Yesuus gama ceeyee biyya Gergesenoonii dhufe, namoonni lamaan jinniin dhayeeru bakka awwaalaatii bayanii itti dhufan; isaan guddisanii hammeeyyii waan turaniif haga namni karaa saniin lufuu dadhabutti sodaachisa'aa turan.
29
Isaan, «Yesuus Ilma Rabbii! maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan.
30
Gobbuun booyye'ee heddu isaan irraa fagaatanii bobbayanii dheeda'aaran.
31
Jinnoonni, «Yoo ka nu baaftuu gara gobbuu booyyotaa san nu ergi» jedhanii isa kadhatan.
32
Yesuus, «Dhaqaa'a!» isaaniin jennaan jara keessaa bayanii booyyotatti galan; gobbuun booyye'eellee ededa irraa gugatanii gara galaanaa ariifata'aa garba keessatti liqimfamanii dhuman.
33
Worri booyyee tissan baqatanii qachaa seenanii waan ta'ee fi waan namoota seexanni qabeeru irratti ta'e maraa achitti odeessan.
34
Achiin maayessa namoonni qachaa san keessaa maruu Yesuusiin argu'uuf bayan; isaan hennaa dhufanii isa argan akka inni biyya isaanii keessaa bayee deemu isa kadhatan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28