bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 20
Matthew 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
«Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti.
2
Saantibii guyyaa tokkootiin haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge.
3
Sa'aatii sadihitti bayee namoota biraa worra hujii hin qabne ka raasaa dhaabata'aaran arge;
4
Inni isaaniin, ‹Maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aatii hojjadhaa'a! Waan isin barbaachisu ani isinii kennaa› isaaniin jedhe. Isaan achi dhaqan.
5
Inni gara sa'aatii jahaatii fi gara sa'aatii sagaliitittillee bayee akkasuma godhe.
6
Gara sa'aatii kudha tokkootitti bayee namoota biraa ka dhaabataniiran argee, ‹Maaf guyyaa guutuu hujii malee as dhaabattan?› isaaniin jedhe.
7
Isaan, ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argattanii.› isaaniin jedhe.
8
Hennaa aduun dhiite abbaan maasaa woyinii sanii ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti mindaa isaanii kaffaliif› jedheen.
9
Worri gara sa'aatii kudha tokkeesso'ootitti hujii galanillee dhufanii marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan.
10
Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, waan isaan caalaa guddaa fudhatan seeyan; isaan ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan.
11
Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman.
12
‹Hojjattoonni duuba irra qaxaraman sa'aatii tokko callaa hujan; ati ammo nu worra aduu keessatti gubata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wol qixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman.
13
Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan akkana jedhe, ‹Jaalalloo kiyya! si hin yakkine, gatii guyyaa tokkootiin wolii hin gallee?
14
Ani ka maayessaa kanaallee akkuma sii kenne kennu'uufii fedha; gayaa kee fudhadhuutii deemi; ani horii kiyyaan waan fedhe godhuu hin danda'uu?
15
Yookaan ati waan ani arjoomeef hinaaftaa?› jedhe.
16
Achiin maayessa Yesuus, «Worri maayessaa afoo'o; worri afo'oo maayessa ta'an; worri waamame heddu, worri filatame ammo hago'o» jedhe.
17
Yesuus uduu gara Yerusaalemii deema'aaru karaa irratti hojja isaanii darasoota gara ufii waamee,
18
«Kunoo! nu gara Yerusaalemii baya'aarra; ilmi namaa bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatitti dabarfamee kennama; isaan murtee du'aa itti murteessan.
19
Achiin maayessa isaan itti baldan; hin dhaanan; akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe.
20
Achiin maayessa haati ijoollee Zabdewoosii ijoollee ufii woliin gara Yesuusii dhuftee isa afo'otti jilbiiffattee waan tokko akka isi'ii godhuuf isa kadhatte.
21
Yesuus, «Maal barbaadda?» jedheen. Isiin, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan; tokko bita'aan akka taa'an naa godhi» jetteen.
22
Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan; mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu'u; cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaan, «Ee hin dandeenna!» jedhanii deebisaniif.
23
Yesuus, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan; cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan; ka mirgaa fi bitaa kiyya teessisu ammo anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe.
24
Darasoonni kudhanii hennaa waan kana dhagayan obboleeyyan lamaan sanitti aaran.
25
Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti, gugurdoonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan.
26
Isin biratti akkasii miti; isin keessaa ka guddaa ta'uu fedhu hojjataa keessan haa ta'uu.
27
Isin keessaa ka afoo ta'uu fedhu, hojjataa keessan haa ta'uu.
28
Akkasuma ilmi namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee akka isa tajaajilaniif hin dhufne» jedhe.
29
Yesuus hennaa Iyyaariko'oo bayee deemu, gumiin hedduu isa faanaa deeman.
30
Namoonni ija jaama'aa lamaan uduu karaa irra taa'aniiran akka Yesuus karaa san irra lufa'aaru dhagayanii, «Gooftaa! Ilma Daawitii! nu fayyisi» jedha'aa iyyan.
31
Gumiin akka isaan cadhisan teedeffatan; isaan ammo ittuma caalchisanii laagaa gudda'aan, «Gooftaa'a! Ilma Daawitii! nu fayyisi!» jedha'aa iyyan.
32
Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe.
33
Isaan deebisanii, «Gooftaa'a! ijji teenna akka banamtu barbaanna!» jedhaniin.
34
Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee isaanillee isa faanaa deeman.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28