bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 4
Matthew 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
1
Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide.
2
Inni haga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa soomeen maayessa hin beelaye.
3
Achiin maayessa ataabtichi gara isaa dhufee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen.
4
Inni deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayu maraan jiraata malee xoroshoo calla'aan hin jiraatu jedhamee barreeffameera» jedheen.
5
Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe.
6
Barreeffamni Woyyuun, ‹lutti tee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii ajaja› «Ati yoo Ilma Rabbii taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.
7
Yesuusillee deebisee, «Barreeffamni Woyyuun, ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen.
8
Ammallee daabiloos gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootolee biyya lafaatii fi ulfinna isaaniillee itti mudhisee,
9
«Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen.
10
Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen.
11
Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; achii maleekkonni dhufanii isa tajaajilan.
12
Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye gara Galiila'aa deeme.
13
Qachaa Naazireetii gad dhiisee Zaabiloonii fi Niftaalemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.
14
Wonti Isaayyaas raattichi raage,
15
«Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii, karaa galaana Yoordaanosiitiin gama; Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti!
16
Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaaddidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.
17
Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalqabe.
18
Yesuus uduu qarqara galaana Galiila'aatiin lufa'aaru obboleeyyan lamaan Simoonii Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas, obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qabu turan.
19
Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen.
20
Yoma san siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman.
21
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan uduu yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo midhaaffatan argee isaan waame;
22
Isaanillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman.
23
Yesuus manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa naannaya'aa ture.
24
Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan; Yesuus isaan fayyise.
25
Achiin maayessa gumiin hedduu Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamu keessaa, Yerusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28