bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 25
Matthew 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
1
Yesuus itti aansee, «Hennaa san jeennanni sami'ii durba kudhanii ta ibsaa isaanii qabatanii idaayyaa reebbatu'uuf bayan fakkaatti.
2
Isaan keessaa shanan ceem'aaleeyyi'i; shanan ammo qalbi qabeeyyi'i.
3
Ceem'aaleeyyiin shanan ibsaa ufii qabatan malee sayitii ibsa'atti buufatan hin qaban.
4
Qalbi qabeeyyiin ammo ibsaa ufii woliin sayitii bilille'etti qabatan.
5
Idaayyaan uduu hin dhufin turraan isaan maruu muganii rafan.
6
Hennaa halkan qixxee ta'e laagaa gudda'aan, ‹Idaayyaan Kunooti! Isa reebbachu'uuf bayaa'a!› jedhu dhagayame.
7
Hennaa san babbareeddan sunniin maruu ka'anii ibsaa ufii qopheeffatan.
8
Worri ceem'aaleeyyiin sunniin worra qalbi qabeeyyi'iin, ‹Ibsaan keenna waan dhaama'aaruuf sayitii keessan irraa diqqoo nuu kennaa'a› isaaniin jedhaniin.
9
Qalbi qabeeyyiin ammo deebisanii, ‹Wa'a! Ka nu'uu fi isinii gayu hin jiru. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadhaa'a!› jedhaniin.
10
Hennaa isaan bitatu'uuf deeman idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan balbalti hin cufame.
11
Maayessa worri hafan babbareeddonni turanii dhufanii, ‹Gooftaa! Gooftaa! Nuu bani!› jedhaniin.
12
Inni ammo deebisee, ‹Ani dhugaa isiniin jedha, ani isin hin beeku› jedhe.
13
Eeganaa guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe.
14
Yesuus ammallee, «Jeennanni sami'ii nama biyya biraa deemu'uuf ka'ee hojjattoota ufii waamee qabeenna qabu amaanaa isaanitti kennate tokko fakkaatti.
15
Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof saantibii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaaniillee kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme.
16
Ka saantibii worqi'ii kuma shan fudhate yoma san ittiin daldalee saantibii worqi'ii kuma shan bu'aa keessaa buufate.
17
Akkuma san ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee kuma lama bu'aa keessaa buufate.
18
Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhate ammo dhaqee boolla qotee saantibii worqi'ii ta goofta'aa san awwaale.
19
Bara hedduun maayessa gooftaan hojjattoota sanniinii galee isaan tooyate.
20
Ka saantibii worqi'ii kuma shanii irraa fudhate gara isaa dhufee saantibii worqi'ii kuma shanii kennee, ‹Gooftaa'a! ati saantibii worqi'ii kuma shanii natti kenniteerta; kunoo, ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma shanii bu'aa irraa buufadheera› jedhe.
21
Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote; ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen.
22
Ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee dhufee, ‹Gooftaa'a! ati saantibii worqi'ii kuma lama natti kennitee turte; kunoo ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma lamaa bu'aa buufadheera› jedhe.
23
Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote; ati hojjataa amanamaa'a! waan diqqo'otti amanamteerta hedduu irratti si muuda gammachu'uun gara hulee gooftaan sii qopheessee seeni› jedheen.
24
Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhatellee gara isaa dhufee, ‹Gooftaa'a! ati bakka itti hin facaafnee akka haamattu, bakka itti hin bittinneessinee akka wolitti qabattuu fi nama hamaa ta'uu kee waan beekuuf;
25
si sodaadhee, dhaqee saantibii worqi'ii kee boollatti awwaale; kanaaf saantibiin worqi'ii kee kunooti› jedheen.
26
Gooftaan isaa ammo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aaleessa! uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneessine akka walitti qabadhu hin beettaa?
27
Ati saantibii worqi'ii kiyya worra saantibii worqi'ii dhalaan fudhatutti kennu'utu si barbaachisa. Anillee dhufee waan qabu bu'aa woliin silaa hin fudha.
28
Maarre saantibii worqi'ii irraa fuudha'aatii ka saantibii worqi'ii kuma kudhanii qabuuf kennaa'a.
29
Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baay'ataafille'e; ka hin qabne ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.
30
Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qaraa» jedhe.
31
Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa hennaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.
32
Worri Yihuudota hin taane maruu isa afo'otti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya.
33
Hoolota mirga ufiititti, Re'iin ammo bitaa ufiitiin dhaabsisa.
34
Worra mirga isaa jiraniin mootichi akkana jedhaan, «Isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa! koottaa'a! Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a!
35
Beelayee na nyaachiftaniirtan; dheebodhee na obaaftaniirtan; keessummaa ta'ee na keessummeessitaniirtan,
36
daaree daara na baaftaniirtan; dhibamee na gaafattaniirtan; hidhameellee na gaafattaniirtan.
37
Balchoonni deebi'aniiti akkana isaan jedhan, ‹Gooftaa'a! beeloftee yoom si arginee si nyaachifne? Yookaan dheebottee arginee yoom si obaafne?
38
Keessummaa taatee arginee yoom si keessummeessine? Yookaan daartee arginee yoom daara si baafne?
39
Yoom dhibamtee, yookaan hidhamtee arginee si gaafanne?» jedhaniin.
40
Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootaniiti!» isaaniin jedhe.
41
Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a!
42
Beelayee na hin nyaachifne, dheebodhee na hin obaafne,
43
Keessummaa ta'ee na hin keessummeessine, daaree daara na hin baafne, dhibamee, hidhameellee na hin gaafanne› jedha.
44
Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a! beeloftee, yookaan dheebottee, yookaan keessummaa taatee, yookaan daartee, yookaan dhukkubsattee, yookaan hidhamtee si arginee yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin.
45
Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise.
46
Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28