bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 22
Matthew 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.
2
«Jeennanni sami'ii mootii ilma ufiitiif cidha godhe tokko fakkaatti.
3
Worri gara cidha fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himu'uuf mootiin sun hojjattoota ufii erge; Isaan ammo dhufuu didan.
4
Deebi'ee hojjattoota biraa erge; ‹Worra waamamaniin, «Kunoo, cidha kiyya ka fuudhaa fi heerumaa qopheesseera; kormaa fi horiin coomnillee qalameera; maruu qophaayeeraa gara cidha fuudhaa fi heerumaa koottaa› jedha'aa itti himaa'a» jedhe.
5
Worri waamaman sun ammo lash jedhanii tokko gara qonna ufii, kuun gara daldala ufii deeme;
6
Worri hafan ammo hojjattoota isaa qabanii akka malee rakkisanii isaan ajjeesan.
7
Mootiin lolee loltoota ergee worra lubbuu namaa ajjeese sanniin fixe. Qachaa sanillee hin gube.
8
Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin, ‹Ciini qophaayeera; worri waamaman ammo worra cidha kanaaf malee miti.
9
Eegasuu gara karaa qaxxaammuraa dhaqa'aatii, nama argitan maraa gara cidhaa waamaa'a› jedhe.
10
Hojjattoonni isaa sunniin gara kara'aa bayanii nama argan maraa worra hama'aa fi mishaallee wolitti qaban; namni mana cidhaa ol guute.
11
«Mootichi namoota taa'an laalu'uuf hennaa seene ammo nama uffata cidhaa hin uffanne tokko achitti arge.
12
Namichaan, ‹Jaalalloo kiyya! attamitti uffata cidhaa uduu hin uffanne as seente?› jedheen. Inni hin cadhise
13
Mootiin sun hennaa san tajaajiltoota ufiitiin, ‹Harkaa fi luka isaa hidha'aatii gara dukkanaatitti gad baasaa'a. Achi booyu'uu fi ilkaan qaru'utu jiraa› jedhe.
14
Worri waamaman heddu; worri filataman ammo hago'o» jedhe.
15
Kanaafuu Fariisonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan.
16
Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a! akka ati dhugaa taate dhugamaan akka karaa Rabbii barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.
17
Eeganaa maal sitti fakkaata? Mootii Qeesaariitiif gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin.
18
Yesuus ammo hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan?
19
Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee saantibii tokko itti fidan.
20
Inni, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuuti?» jedhee isaan gaafate.
21
Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aati» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf waan mooti'ii mooti'iif; waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.
22
Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman.
23
Hennaa san worri Saduuqootaa ka «du'aa ka'iinsi hin jiru» jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan.
24
«Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.
25
Ilmaan haadhaa torbatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e; ka lammeesso'oollee isii dhaalee uduu hin uumanne du'e.
26
Sadeesso'oo haga torbeesso'ootitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an.
27
Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute.
28
Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?»
29
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef isin hin dogoggortan.
30
Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee hin fuudhan; hin heeruman.
31
Waan du'aa ka'uu worra du'ee, waan Rabbi isiniin jedhe isin hin dubbifnee? Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraattotaati malee Waaqa worra du'ootaatii miti» isaaniin jedhe.
33
Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan.
34
Fariisonni akka inni Saduuqoota cadhisiise hennaa dhagayan wol gayan.
35
Isaan keessaa namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee,
36
«Barsiisaa'a! Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate.
37
Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu›
38
Ajanyi guddaan duraa kana.
39
Lammeessoonillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu.
40
Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe.
41
Uduu Fariisonni wol gayanii jiran Yesuus akkana jedhee isaan gaafate,
42
«Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhanii deebisaniif.
43
Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyu'uutiin masakkamee ‹Gooftaa'a› jedha'aa isa waama, ‹Rabbi Gooftaa kiyyaan, haga ani diintota kee luka kee jala sii galchutti, Mirga kiyya taa'i› jedheen yoo jedhu Ayyaanaan Gooftaa jedhee isa waama'aaraa?
45
Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe.
46
Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28