bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 23
Matthew 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
1
Achiin maayessa Yesuus gumi'ii fi darasoota ufiitiin akkana jedhe,
2
«Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran.
3
Maarre waan isaan isin ajajan maraa godhaa'a, eega'alle'e; haa ta'uu ammo isaan waan barsiisanuu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujan hin hujinaa'a.
4
Isaan ba'aa ulfaata'aa fi ka baadhachu'uuf hin danda'amne hidhanii gurmuu nama biraa irra kaayan; ufii ammo qubaanuu tuquu hin fedhan.
5
Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii Rabbiin kadhatanillee hin dheereffatan.
6
Lafa cidhaatitti hulee ulfinnaa; mana woyyuu Yihuudotaa keessatti barcumaa ulfinaa,
7
Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan.
8
Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.
9
Isin Abbaa tokkocha Sami'itti waan qabdaniif, biyya lafaa irratti eennuunillee ‹Aabbaa› jettanii hin waaminaa'a.
10
Hayyuun keessan Kiristoosii tokkocha waan ta'eef, ‹Hayyuu› jedhamtanii hin waamaminaa'a.
11
Isin keessaa ka isin maraa caalu hojjataa keessan haa ta'uu.
12
Namni boonu maruu hin salphata. Namni gad uf qabu maruu hin kabajjama.»
13
Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii waan namatti cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan; worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [
14
Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisota Rabbiin kadhatuu dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.]
15
Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan; isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e!
16
«Bulchoota ija jaamtota, isin aanne'e! Isin, ‹Namni tokko yoo mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; namni tokko yoo worqii mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
17
Isin gowwootaa fi worra ijaan hin argine! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala?
18
Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haa ta'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
19
Isin jaamaa attamiiti! kennaa mo'o mi'a kennaa woyyoomsutu caala?
20
Maarre namni mi'a kenna'aatiin kakatu marti mi'a kenna'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata;
21
Ka mana woyyu'uun kakatu isaa fi ka isa irra jiruun kakata.
22
Namni sami'iin kakatullee teessoo Rabbiitii fi ka teessoo san irra taa'eeruun kakatan.
23
Isin barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Isin urgoo gurraattii, daalattii, Sokorataa fi daraaraa caarotaa keessaa kurneessoo hin kennitan; haa ta'uu ammo waan ijoo Seera keessatti argamu hin dhiiftan; wonti kunniinillee murtii dhuga'aa, dhiifamaa fi amanamumma'a; isin kaawwanillee uduu hin dhiifne, waan kanniinillee godhutu isin barbaachisa.
24
Isin bulchoota jaamtota! Isin waan dhuddan keessaa bookee hin dhimbiibdan, waan akka gaalaa ammo hin liqimsitan.
25
Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! miju'uu fi qorii gubbaa hin qulqulleessitan; keessi ammo saamichaa fi dondhumma'aan guuttameera.
26
Ati Fariisicha ijaan hin argine! gubbaan isaa akka bareedu, dura dursiitii keessa qori'iitii fi sabaree qoraasi.
27
«Isin barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! gubbaan keessan bareedee mudhata; keessi keessan ammo awwaala noora'aan dibame; lafee worra du'eetii fi waan battii maraan guuttame waan fakkaatuuf isin aanne'e!
28
Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan; keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera.
29
«Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Waan awwaala raattotaa ijaartanii fi awwaala qajeellotaallee bareechiftaniif.
30
Isin, ‹Uduu bara abbootii teennaa jiraannee, nu dhiiga raattotaa dhangalaasuu keessatti isaan woliin hin hirmaanne waan jettaniif› isin aanne'e!
31
Akkasiin isin ilmaan worra raattota ajjeesee akka taatan uf irratti ragaa baatan.
32
Isinillee akkasuma hujii cubbuu abbootii teessanii guuta'aa fixaa'a.
33
Isin bofa! ijoollee buuti'ii attamiin murtii asaabaa jalaa baatan?
34
Kanaafuu raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan; kaan hin fanniftan; worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.
35
Dhiiga Aabeelii nama qajeela'aa irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu isa isin mana woyyu'uu mi'a kenna'aa irratti ajjeeftan, dhiiga qajeellotaa ka lafatti jige maraafuu hin gaafatamtan.
36
Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti kun maruu dhaloota bara kanaa irratti hin ta'a» jedhe.
37
Yesuus ammallee, «Ee! Yerusaalem! Yerusaalem! qachaa raattota ajjeeftuu fi worra gara kee ergame dhaga'aan tumtu! Akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu, anillee hennaa meeqa ijoollee tee wolitti qabuu barbaade; isin ammo hin diddan.
38
Kunoo, manni keessan ona ta'ee hafe.
39
Ani akkana isiniin jedha, ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi deebitanii na hin argitan» jedhe.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28