bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 15
Matthew 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhiyaatanii,
2
«Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin.
3
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii maaf seera Rabbii kabajjuu diddan?
4
Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookaan haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa!› jedhee seere.
5
Isin ammo, ‹Namni tokko abba'aan yookaan haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen,
6
inni abbaa fi [haadha ufii] kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii seera Rabbii diiddan.
7
Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,
8
‹Baniin kun afaaniin na kabajja, garaan isaanii ammo na irraa guddaa fago'o;
9
Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammo, duwwama na waaqeffatan› ka jedhe dhuga'a» jedhe.
10
Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e:
11
Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe.
12
Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin.
13
Yesuus ammo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a.
14
Waan isaanii dhiisaa'a; isaan worra ijaan hin argine ka worra ijaan hin argine masakku. Namni ijaan hin argina nama ijaan arguu hin dandeenne yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe.
15
Pheexroos ammo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen.
16
Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee?
17
Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gad lufee nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii?
18
Wonti afaan keessaa bayu ammo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa.
19
Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu, kanniin fa'atuu baya.
20
Wonti nama batteessu waan kana malee, uduu harka hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen.
21
Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme.
22
Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii! Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf naa fayyisi» jedha'aa iyyite.
23
Inni ammo womaa isi'ii hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin waan iyya'aa nu duukaa deema'aartuuf isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan.
24
Yesuus deebisee, «Ani banii Israa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.
25
Isiin ammo dhuftee isa afo'otti jilbiiffattee, «Gooftaa'a! na gargaar» jettee sagaddeef.
26
Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun hin ta'u» jedhe.
27
Isiin deebitee, «Ee; Gooftaa kiyya! sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
28
Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantiin kee gudda'a! Akkuma hawwii keetii sii haa ta'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite.
29
Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee gaara irra bayee achi taa'e.
30
Gumiin hedduu naaftota, worra ijaan hin argine, worra duudotaa fi worra biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise.
31
Kanaafuu worri duudaan hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, worri ijaan hin argine hennaa argan maalalfatanii Waaqa Israa'elii galatoonfatan.
32
Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu isaan garaa na nyaatan; Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gad dhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe.
33
Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin.
34
Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin.
35
Yesuus gumii marga irra akka taa'an ajaje.
36
Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galatoonfatee cabsee darasootatti kenne. Darasoonni gumi'ii kennan.
37
Isaan maruu nyaatanii quufanii hambaa hafe gindoo torba guutuu kaasan.
38
Laakkobsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakkayamne dhiirti callaan kuma afur.
39
Yesuus haga gumii geegesseen maayessa yabala keessa seenee gara biyya Magedoolii dhufe.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28