bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 1
Zechariah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 2 →
1
Daariyoos Faarisiin irratti mooyee woggaa lammeesso'oo ji'a saddeetesso'ootitti dubbiin Rabbi Zakkaariyaasii ilma Baraakiyyuu ilma ilma Ido'ootitti dubbate kana.
2
Rabbi Gooftaan banii maraa Zakkaariyaasiin bani'itti ani Rabbi abboota teessan ta duriititti guddisee dheekkamee ture.
3
Amma ammo wonti isiniin jedhu kana; gara kiyya deebi'aa'a anillee gara keessan deebi'aa.
4
Akka abboota teessan ta durii hin ta'inaa'a; raattonni durii isaaniin karaa hamaa keessanii fi hujii hamaa keessan irraa deebi'aa'a jedhanii isaan seeranii turan; abboonni teessan ammo dubbii kiyya hin caqafne; ajaja kiyyallee hin eenne.
5
Abboonni teessan ta durii amma eessa jiran? raattonni baraa haga bara baraa jiraatanii?
6
seeraa fi ajaja ani raattota tiyya ta na tajaajilan abboota teessanitti dabarse waan hin eenneef hin adabamnee? kanaafuu isaan yakka hojjatanitti gaabbanii Rabbi Waandhi banii maraa akkuma ufii karoorfatetti akka hujii keennaatii fi akka jireenna keennaatiin nu adabuun kolba jedhan» jedhii dubbadhu.
7
Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini kudha tokkeesso'oo ka Sheebaax jedhamu seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti dubbiin Rabbii gara Zakkaariyaasii ilma Baraakiyyuu ilma ilma Ido'oo dhufe.
8
Maleekkaan Rabbii ka farda diimaa yaabbateeru arge; inni mukkiin dhedheeraa dhooqa keessa jiran keessa ka dhaabateeru arge faradoo didiimaa'a, farda bulloo'o, hulee ol jedhu irratti isa duubaan deema'aa turan.
9
Anillee «Gooftaa kiyya! faradoon kunniin fakkeenna maali'iiti?» jedhee isa gaafadhe; innillee, «fakkeenni faradoo kanniinii maal akka ta'e sitti mudhisaa.
10
Isaan akka naannaya'aa ardii tooyataniif Rabbi isaan erge» naan jedhe.
11
Isaanillee nu'u ardii maraa irra naannofnee qoranne; ardiin maruu nagaya» jedhanii maleekka'atti himan.
12
Maleekkichillee «Waaqa banii maraa! hennaa ati qachoota Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuuda'aatitti dheekkamte irraa jalqabee woggaan torbaatamaa lufeera; ati ka isaanii araaramuu diddu haga yoomiiti?» jedhee gaafate.
13
Achiin maayessa Rabbi maleekkaa na woliin qaaqa'aa turee dubbii nama gammachiisuu fi nama jajjabeessuun deebii isaa deebise.
14
kanaafuu maleekkichi dubbii Rabbiin gooftaan banii maraa jedhu Ani Yerusaalemii qachattii tiyya woyyu'uu jaalala gudda'aa fi hinaaffaa jabaa qaba.
15
Ani mootota worra Yihuudii hin taanee ka nagaya argatanii cadhisanii jiraatan guddisee loleera; sababaan loleef hennaa ani banii kiyya adabuu dhiise mootonni worra Yihuudii hin taanee sunniin banii kiyya hagaa olitti rakkisaniiran.
16
Kanaafuu ani qachatti'itti araara kiyya mudhisu'uuf gara Yerusaalemii deebi'a; Manni Woyyuun kiyyaa fi qachattiin deebi'anii haarawoomanii ijaaraman› jedhii labsi» naan jedhe.
17
Maleekkichi deebi'ee «Ati Rabbi Gooftaan banii maraa akka qachoota deebisee duroomsuu fi Yerusaalemiinillee akka duriititti akka gargaaru, qachaa ufiillee akka taasifatu dubbadhu» naan jedhe.
18
Mudhata biraa gaafa sanga'aa arfan arge;
19
Ani maleekkicha na woliin qaaqa'aa ture saniin «Gaafni kunniin fakkeenna maali'ii akka ta'an natti himi!» jedheen; innillee «Gaafni sunniin mootota banii Yihuuda'aa, banii Israa'eliitii fi banii Yerusaalemiin akka bittinnaayan godhan» naan jedhe.
20
Achiin maayessa Rabbi worra sibiila bassu ka burussaa afurii harkatti qabataniiran natti mudhise;
21
ani, «Namoonni kunniin maal hojjachu'uuf dhufan?» jedhee isa gaafadhe; innillee «Isaan wonti dhufaniif mootota worra Yihuudota hin taanee ka biyya Yihuuda'aa sirima balleessanii akka baniin isi'ii sirima bittinnaayanii hafan godhan raasu'uu fi kuffisu'uuf» naan jedhe.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14