bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 8
Zechariah 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 9 →
1
Waandhi banii maraa akkana jedhee natti dubbate;
2
«Ani banii isi'ii waan jaaladhuuf Yerusaalemiin hin gargaara; wonti ani diintota isi'iititti dheekkameef sababa isii jaaldhuuf.
3
Ani isii keessa jiraatu'uuf gara qachaa tiyya woyyittii Yerusaalemii hin deebi'a; isiin qachaa amanamtuu taatee beekkamti; gaarri ani Waandhi banii maraa irra jiraadhu gaara woyyoome jedhamee waamama.
4
Namoonni umurii dheeraa waan jiraataniif jaarsonninii fi jaartoleen bordoo qabatanii deemanii bayima itti bayan ka Yerusaalemiititti deebi'anii taa'an.
5
Karaa isi'ii maraa keessa ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa ta taphattutu deebi'ee guuta.
6
Guyyaa kanniin keessatti worri banii irraa hafan wonti kun waan hin danda'amne yoo fakkaatellee amma wonti naaf dadhabamu hin jiraa?
7
Ani banii kiyya biyya gara baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutitti baqatanii keessa jiraatan keessaa isaan oolcha.
8
Ani deebisee isaan fidee akka Yerusaalemiin keessa jiraatan isaan taasisa; isaan banii kiyya ta'an; anillee dhuga'aa fi qajeellumma'aan Waaqa isaanii ta'a.
9
Isin worri dubbii raattonni waan manni woyyummaa Rabbii akka deebi'ee ijaaramuuf bu'uurri buufame dhageettan hin sodaatinaa'a; jabaadhaa'a.
10
Guyyaa sanniiniin dura namoota gatii dadhabbii isaanii, hori'iifillee gatiin hin kennamu ture; isaan namoonni maruu ollaa ufiititti akka diinumma'aan ka'an waan godheef namni maruu hennaa baya'aa galan nagaya hin qaban.
11
Amma garuu worra banii kana irraa hafan akka durii san isaan irratti hin godhu.
12
Isaan midhaan ufii nagayaan facaafatanii ka gaye wolitti qabatan; biqiltuuwwan isaaniillee hin daraaran; roobni gayaan waan roobuuf lafti midhaan gayaa kenniti; ani banii baqa irraa hafe eebba kana mara kennaaf.
13
Isin banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'elii ka banii biraa biratti akka worra abaarsaatitti isin laalan! ani isin oolcha; worra eebbaaf ta'u isin taasisa; kanaafuu hin sodaatinaa'a! jabaadhaa'a» jedhee natti dubbate.
14
Waan kana ana Waaqa banii maraatitu dubbate; hennaa abboonni teessan ta durii na aarsan uduu garaa isinii hin laafne isin adabu'uuf murteesse.
15
Ani banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatii waan mishaa godhu'uuf waan murteesseef jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a.
16
Wonti godhuu isin barbaachisu kana; isin dhugaa wolitti dubbadhaa'a; abboota murti'ii teessan afo'otti murtii dhuga'aa ka nagaya fidu murteessaa'a.
17
Isin wol miidhu'uuf dhara wolitti hin yaadinaa'a; sobaan hin kakatinaa'a; ani waan kana maraa hin jibba» jedha Rabbi.
18
Waandhi banii maraa akkana naan jedhe,
19
«Soomni isin ji'a arfeesso'oo, shaneesso'oo, torbeesso'ootii fi kudhaneesso'ootitti eega'aa turtan maruu banii Yihuuda'aatii ayyaana qanani'iitii fi ayyaana gammachu'uu isaanii ta'a; isin garuu dhuga'aa fi nagaya jaaladhaa'a»
20
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaan banii biraatii fi namoonni qachoota hedduu keessa jiraatan gara Yerusaalemii hurrisan hin dhufa.
21
Worri qachaa tokko keessa jiraatan gara qachaa biraa deemanii ‹koottaa'a!› Waaqa banii maraa arjummaa kadhannaa; nullee achi dhaquu hin oolluu!» isaaniin jedhan.
22
Akkaataa kanaan Rabbi Gooftaan banii maraatii sagadu'uuf, eebba isa irraa argatu'uuf, kadhatu'uuf namoonni hedduu fi baniin gugurdaan gara Yerusaalemii dhufan.
23
Guyyoota sanniin keessa namoonni kudhanii ka biyya biraa gara nama Yihuudi'ii tokko dhiyaatanii qaccee handaara uffata isaa qabatanii ‹Akka Rabbi isin woliin jiru waan dhageenneef isin woliin deemna› jedhaniin» jedha.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14