bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 9
Zechariah 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 10 →
1
Ijji namootaatii fi ka gosa Israa'elii maruu gara Rabbii laalti; kanaafuu Rabbi qachoota Hadiraakiitii fi qachoota Damaasqo'ootitti hin murteessa.
2
Dubbiin murti'ii kun lafa Hamaatii daangaa Hadraakii jirtu worra qachoota Xiroosiitii fi Siidonaa keessa jiraatan ka ogummaa hedduu qaban irrallee hin gaya.
3
Xiroos kushee ufiin eeddu heddu qopheeffatteerti; meeti'ii fi worqii akka daara'aatii fi akka biyye'ee baay'atu kuufatteerti.
4
Ammo wonti isiin wolitti qabatte maruu isii irraa fudhatama; qabeenna isi'ii galaanatti jalaa gata; qachattiinillee ibiddaan gubattee daaraa taati.
5
Qachaan Asqaloona'aa kana argitee sodaatti; qachaan Gaaza'aallee kana argitee guddiftee raafamti; Eeqiroonillee akkasuma abdii kutattti; Gaazaan mootii ufii dhabdi; Asqaloonaan lafa onaa taatee hafti.
6
Ashdoodiin keessa namni wolitti makamee jiraata; Rabbi akkana jedha, «Ani worra Filisxeemii ka uf jaju kanniin hin salphisa.
7
Isaan ammaa achi foon dheedhii dhiiga qabu yookaan nyaata dhooggame kamiinuu hin nyaatan; worri isaan irraa hafe banii kiyyatti makame gosa Yihuuda'aa woliin tokko ta'an; baniin Eeqaroonii akkuma banii Iyyaabusii akkasuma banii kaawwaniin wolitti makaman.
8
Achiin maayessa ani naannaya biyya kiyyaa marsee eega; hunna loltoota waa marsanii keessa lufanii hin taatu; baniin kiyya hagam akka rakkate waan argeef ammaa achi worri isii rakkisu isii hin qabatan.»
9
Tsiyoon! gammadi! Yerusaalem! gammachu'uun ililfadhu! amma kunoo mootichi kee gara laafessa ta'ee, harrattii jechuun ilmoo harre'ee yaabbatee moote'een gara kee dhufa.
10
Rabbi akkana jedha, «Ani gaarii fardaa Israa'eliin keessaa, faradoo lolaa Yerusaalemiin keessaa hin balleessa; buundhee lolaa hin caccabsa; mootichi kee akka banii keessa nageenni jiraatu godha; bulchiinsi isaa galaanaa haga galaanaatii fi laga gudda'aa jalqabee haga qaccee lafaa ta'a.
11
Ani waan ciincaa dhiigaatiin si woliin waadaa galeef boolla bisaan hin jirre keessaa worra kee ka hidhaman bilisa baasa.
12
Isin worri booji'amtan ka abdii qabdan! ani adha waan qara qabdan caalaa waan abdii isinii kennuuf hulee keessanitti deebi'aa'a.
13
Yihuudaa akka buundhe'eetitti Israa'eliin ammo akka ebo'ootitti itti fayyadama; Ani ijoollee biyya Giriikii woraanu'uuf ijoollee Tsiyyoonii ta dhiiraa akka guraade'ee godhee isaan erga» jedhe.
14
Rabbi banii caalaa mudhata; buundheewwan isaa akka bakakka'aatitti darbaman; Rabbi Waandhi laagaa xurumba'aa dhageessisa; akka haboonbolattii kibbaa dhufuutitti lufa.
15
Rabbi Gooftaan banii maraa banii irraa ittisa; isaanillee diintota ufii hin fixan; furaanfurrisa diinni dhaga'aan darbatullee irra deeman; akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayeetitti wocan; dhiinni diintota isaanii akka dhiiga ciinca'aaf dhiyaatuu ka gabatee guutee irra jiguutitti jiga.
16
Yoo guyyaan sun gaye akkuma tisseen hoolota balaa jalaa hambisu akkasuma Rabbi Waandhi isaanii banii ufii hin oolcha; akkuma meeshaan faayaa ka gulloo irra jiru ifuu, akkasuma isaanillee ardii Rabbii irratti hin ifan.
17
Mishummaanii fi bareeddinni ardi'ii akkam ka nama maalalchiisu ta'a! midhaanii fi daadhiin woyini'ii ka isii keessatti argamu ka'imman dhiiraatii fi intalaa hin qananiisa.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14