bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 3
Zechariah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 4 →
1
Achiin maayessa Rabbi Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ka maleekkaa Rabbii afoo dhaabateeru mudhataan natti mudhise; seexanni Iyyaasuu himatu'uuf gara cinaa mirgaatiin dhaabatee ture.
2
Maleekkaan Rabbii seexanaan «Ati seexanni! Rabbi si haa xixu! Rabbiin Yerusaalemiin jaalatu si haa xixu! namni kun bee akka muka ibidda keessaa hafee bayeetii» jedheen.
3
Iyyaasuun uffata xuraaye uffatee maleekkaa afoo dhaabatee ture.
4
Maleekkichillee worra isa afoo dhaabatanii tajaajilaniin uffata xuraaye kana irraa mulqaa'a! jedhee isaan ajaje; Iyyaasu'uttillee gara galee «Ani yakka kee sii dhiiseera; uffata ulfinnaa haarawa sitti uwwiseera» jedheen.
5
Maleekkichi worra isa tajaajilaniin, «Marata qulqulluu mata'atti godha'aafii'i!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; uduu maleekkaan Rabbii achi dhaabateeru tajaajiltoonni isaa uffata haarawa Iyyaasu'utti uwwisan.
6
Achiin maayessa maleekkichi Iyyaasuu seeree,
7
Rabbi Gooftaan banii maraa yoo jireenni kee akka ani fedhu ta'e, waan si ajaju maraa yoo goote, mana woyyumma'aa kiyya keessatti bulchiinsa, bayima baniin kiyya itti wol gawu irrattillee baallii guddaa sii kenna; akka ati maleekkota as dhaabatan woliin na afo'otti seena'aa bawuu dandeettu baallii sii kenna.
8
Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa! kana dhagayi; isin worri isa woliin gadumma'aan tajaajiltanii fi waan mishaa durana ta'uufillee malkata taatan waan kana dhagayaa'a; ani tajaajilaa kiyya ka ‹Damee› jedhamee waamamu duranaa hin erga.
9
Ani afoo Iyyaasu'uutitti dhagaa tokko ka roga torbaa qabu dhaaba; isa irratti barreeffama mudhatu barreessa; ani yakka biyya tanaa guyyaa tokkoon balleessa.
10
Guyyaan sun yoo gaye isin keessaa namni gariin biqiltuu woyini'iitii fi biqiltuu muka hurbu'uu jalatti ollaa ufii nyaachisa waama'aa gammada'aa usheexxa jedha» jedheen.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14