bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 7
Zechariah 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 8 →
1
Daariyoos mooyee woggaa arfeesso'oo jiini salgeesso'oo ka Kisluu jedhamu seenee guyyaa arfeesso'ootitti dubbiin Rabbi Zakkaariyaasitti dubbate kana.
2
Worra Beeteeliin keessa jiraatan Saari'etseenii fi Reegemeelekiin namoota isaan woliin jiran woliin gara mana woyyummaa Rabbii isaan ergan; wonti isaan erganiifillee akka eebbi Rabbii bu'u akka kadhataniif.
3
Gadoota mana woyyumma'aatii fi raattota, nu'u haga ammaa waan woggaa hedduuf goone ji'a shaneesso'oo keessa waan diiggama mana woyyu'uu sooma'aa; gadda'aa turruu?» jedha'aa akka gaafataniif ture.
4
Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe kana;
5
Banii biyya maraatii fi gadootaa Isin wonti woggoota torbaatamaa ka lufe ji'a shaneesso'ootii fi ji'a torbeesso'oo keessa sooma'aa gadditaniif na kabajju'uufii?
6
Isin hennaa waa nyaattanii fi waa dhuddan ufuma calla'aafii mitii?» isaaniin jedhi.
7
Yerusaalem hennaa duroomtee baniin isi'ii baay'atu bara gandiin naannaya qachatti'ii jiranitti callaa uduu hin taane hennaa baniin hedduu kutaa gara kibbaatii fi ladda tulloota gara dhiya adu'uu jala jiraatan keessa dubbiin Rabbi raattota duriitiin dubbate kanuma.
8
Rabbi Zakkaariyaasitti akkana jedhee dubbate
9
«Ajanyi ani Rabbi Waandhi banii maraa kenne kana, Isin dhuga'aan murteessaa'a; maruu wolii araaramaa'a; garaa wolii laafaa'a.
10
Dubartoota abbaa worraa hin qabne, worra isinitti galanii jiraatanii fi worra rakkatanii isin keessa jiraatan hin hucuucinaa'a; wol miidhu'uuf hin yaadinaa'a.
11
Isaan garuu kana dhagawuu didanii morkatan; dhagawuu didu'uuf gurra ufii cufatan.
12
Isaan garaa ufii akka dhagaa qarsa'aatitti jabeeffatan; seera ani Waandhi banii maraa raattota duriitii Hafuura kiyyaan isaanii kenne maraa morkatanii dhagawuu didan; kanaafuu ani Waandhi banii maraa dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buuse.
13
Ani hennaa isaanitti dubbadhu, ‹hin caqafnu› waan jedhaniif hennaa isaan na kadhatan deebii isaanii hin deebifne jedha Waandhi banii maraa.
14
Ani akka haboonbolatti'ii haree isaan fuudhee biyya ormaa ka isaan hin beenne keessa akka jiraatan isaan taasisa; biyyi michuun tun ona eennullee keessa hin jiraanne taatee hafte; biyyi bareedduun sunillee ona taate» jedhee itti dubbate.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14