bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 6
Zechariah 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 7 →
1
Mudhata biraa gaariin fardaa afurii gaarran lamaan sibiila diima'aa jiddu'uu hennaa bayan arge.
2
Gaariin jalqabaa faradoo didima'aan harkifama; gaariin lammeesso'oo faradoo gugurra'aan harkifama.
3
Ka sadeesso'oo faradoo adiidi'iin harkifama; ka arfeesso'oo ammo faradoo odole'een harkifama; isaan maruu jajjabaa turan.
4
Ani maleekkaa na woliin dubbata'aa ture saniin «Gooftaa kiyya gaariin fardaa kunniin fakkeenna maali'iiti?» jedhee isa gaafadhe.
5
Innillee, «Kunniin maruu qilleensa kallattii arfaniiti; isaan gooftaa ardii maraa afoo dhaabatanii tajaajilan biraa amma reefuu baya'aaran» naan jedhe.
6
Gaariin fardaa ka faradoo gugurra'aan harkifamu gara biyyoota kaabaa, gaariin fardaa ka faradoo adiidi'iin harkifamu gara dhiya adu'uu, ka faradoo odole'een harkifamu ammo gara kibbaa deema'aa turan.
7
Faradoon jajjabaan hennaa bayan biyyoota tooyatu'uuf ariifata'aa turan; maleekkichi isaaniin «Deema'aa biyya tooyadhaa'a!» jedhe; isaanillee biyya tooyatan.
8
Achiin maayessa maleekkichi Faradoon gara biyyoota kaabaa deeman akka dheekkamsi Rabbii qabbanaayu godhan» jedhee gara kiyya iyye.
9
Rabbi akkana naan jedhe,
10
«Ati meeti'ii fi worqii worri baqatan Eelhaadaayi, Xoobbiya'aa fi Yidaa'iyyaan kennan fuudhii uduu hin turre ammuma qabii gara mana Iyyoosiyaasii ilma Sofoniyaasii deemi; namoonni kunniin maruu worra booji'amanii Baabiloonii dacha'an.
11
Meeti'ii fi worqii isaan kennan irraa gulloo ulfinnaa hojjadhuu mataa Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqii gadicha bulchaa gadootaatitti godhi.
12
Waandhi banii maraa akkana jedha jedhii isatti himi, «Haafni hulema ufiititti waan babadhatuuf namni maqaan damee qaba jedhamee waamamuu kana; inni hulema jirutti biqilee beekkamaa ta'a; inni mana woyyuu Rabbii deebi'ee ijaara.
13
Namni mana woyyummaa Rabbii bulchu isa; inni ulfinna mootumma'aa uffatee teessoo ulfinnaa ufii irra taa'ee bulcha; gadichi tokko teessoo isaa ka ulfinnaa ladda dhaabata; isaan lamaanuu wol ta'anii nagayaan hojjatan»
14
Gulloo ulfinnaa sun mana woyyummaa Rabbii keessatti yaadannoo Heeleem jedhamu Heeldaayii, Xoobbiyaa, Yidaa'iyya'aa fi ulfinna Iyyoosiyaasii ilma Sofoniyaasii ta'ee taa'a» naan jedhe.
15
Hennaa san namoonni fagoo jiraatan hennaa manni woyyumma'aa haarawoomu gargaaru'uuf dhufan, hennaa manni woyyumma'aa haarawoome isin akka Rabbi Gooftaan banii maraa gara keessan na erge beettan; kun maruu ka raawwatamu yoo isin dubbii Rabbii Waaqa keessaniitii garaa guutu'uun ajajamtan.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14