bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 2
Zechariah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 3 →
1
Mudhata biraa ka nama haada waa bikkaniin harkatti qabateeru arge.
2
Ani «garam deema'aarta?» jedhee isa gaafadhe; innillee «dheerinna Yerusaalemiitii fi badhinni isi'ii hagam haga gawu bikku'uuf deema'aara» naan jedhe.
3
Achiin maayessa ani maleekkaa na woliin qaaqa'aa ture uduu inni gara afo'oo deemu maleekkaan biraa ka isaan wol gawu arge.
4
Maleekkaan duraa ka lammeesso'ootiin akkana jedhe, «gara ka'imticha haada waa bikkaniin harkatti qabateeruu fiigii ‹Yerusaalemiin keessatti waan baniin hedduutii fi busaawaan hedduu argamuuf dalloofni dhaga'aa kanniin maraa wolitti qabchuu hin danda'u› jedhii itti himi.»
5
Rabbi akka qachattii naannaya isi'ii akka dallawa ibiddaa ta'ee akka isii eeguu fi ulfinna ufiitiin akka achi jiraatu abdii kenneera.»
6
Rabbi akkana jedha, «Ani gara kallattii arfanittuu isin facaasee ture; amma garuu isin biyya gara kaabaatii ka'a'aatii dheessaa'a.
7
Isin worri baqattanii Baabilooniin keessa jiraattan gara Yerusaalemii deebi'aa'a»
8
Namni isin tuqe akka nama ija isaa tuqeetitti laallama; dubbiin hennaa Gooftaan ulfinnaa banii isin saametti na erge dubbate kanniin.
9
Ani amma harka kiyya isaanitti hiixadha; isaan worra isaan booji'anii bulcha'aa turanii garboota ta'an; achiin maayessa isin akka Waandhi banii maraa na erge beettan.
10
«Banii Yerusaalemii ani waan dhufee isin keessa jiraadhuuf! faarfadhaa'a! gammada'alle'e! jedha» Rabbi.
11
Hennaa san gofti worra Yihuudota hin taanee heddu Rabbiin wolii galanii ka isaa ta'an; inni isaan keessa jiraata; isin ka ana erge akka isa ta'e hubattan.
12
Inni biyya woyyoomte keessatti Yihuudaa ristii ufii taasifata; Yerusaalemiinillee deebi'ee filata.
13
Rabbi hulee jireennaa woyyuu ufiitii dhufu'uuf waan ka'eef isin maruu isa afo'otti cadhisaa'a.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14