bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 14
Zechariah 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
1
Guyyaan murtii Rabbii gayeera; hennaa san uduu ijji teessan argitu saamtonni waan isin irraa fudhatan qoodaman.
2
Yerusaalemiin akka woraanan Rabbi banii wolitti qabee fida; qachattiin hin qabamti; manniin hin saamaman; dubartoota hunnaan qabanii gudeedan; banii keessaa wodhakkaa booji'anii fudhatan; worri hafan ammo qachattii keessaa hin bayan.
3
Achiin maayessa Rabbi akkuma hennaa lolaa lolu bani'iin lolu'uuf ka'a.
4
Guyyaa san Rabbi gaara Ejersaa ka Yerusaalemiin gara baya biiftu'uutiin jiru irra dhaabata; gaarri Ejersaa baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu hulee lamatti qoodamee dhooqa badhaa ta'a; kanaafuu wodhakkaan gaaraa gara kaabaa, wodhakkaan hafe ammo gara kibbaatiin achi fagaata.
5
Isin gaara hulee lamatti qoodamee haga Atsaalii gaye dhooqa kana keessa dheessitanii baatan; bara Ooziyaan Yihuudaa irratti mooyee lafti sochoote akkuma abboonni teessan ta durii itti dheessanitti dheessitan; Rabbi Waandhi kiyya woyyoota hiriirsee dhufa.
6
Bara san qorrinii fi hurriin dukkanaa sirima hin jiraatu.
7
Guyyaan Rabbiin biratti beekkame tokko wol faana dhufa; halkan waan ifti ifuuf halkanii fi guyyaan hin jiru.
8
Guyyaa san Yerusaalemiin keessaa bisaan jireennaatitu burqa; wodhakkaan bisaan sanii gara baya biiftu'uutiin gara galaana du'aa; wodhakkaan isaa ammo gara dhiya adu'uutiin gara galaana Meditiraaniyaanii yaa'a; bonaa fi ganna woggaa guutuu yaa'a'aa jiraata.
9
Hennaa san Rabbi adunyaa maraa irratti mooya; namoonnillee Waandhi akka isa callaa ta'e amanan; maqama isaa callaa waaman.
10
Godinni Gibi'a'aa gara kaabaatii jalqabee Yerusaalemiin gara kibbaatiin lufee haga Rimoonii jiru lafa diriiraa ta'a; Yerusaalem lafa naannoo isi'ii jiru caalaa ol jetti; qachattiinillee balbala Biiniyaamiitii jalqabee kolba balbala duraaniitii haga balbala dhaaba manaa; akkasuma dallawa dhaga'aa ka Hanaani'eeliitii jalqabee haga hulee woyinii itti cuunfan ka mana mootumma'aa ol jettee jabaattee jiraatti.
11
Yerusaalem ta baniin keessa jiraattu taati; ammaa achi badiin isii irra hin gawu; baniin isi'ii sodaa malee nagayaan jiraata.
12
Banii Yerusaalemiin woraanu'uuf ka'an irratti Rabbi dhukkuba nama fixu isaanitti fida; isaan uduu lubbu'uun jiran foon isaanii shama; ijji isaanii moora isaanii keessatti, arrabni isaanii afaan isaanii keessatti shama.
13
Hennaa san Rabbi raafamaa fi sodaa waan isaanitti gad dhiisuuf namni maruu nama isa bira jiru qabee balaa itti buusa.
14
Namoonni Yihuuda'aa Yerusaalemiin uf irraa dhooggu'uuf lolan; qabeenna mootota naannaya isaanii jiran maraa booji'anii fudhatan; worqii'i, birri'ii fi uffata hedduu booji'anii fudhatan.
15
Dhukkubni hamaan akkasii busaawaa, faradoo, gaangiiwwan, gaallanii fi harriin diintota naannoo isaanii jiran maraa irratti dhufa.
16
Achiin maayessa mootota Yerusaalemiin woraanan keessaa worri badii irraa hafan Waaqa mootii banii maraatii sagadu'uu fi ayyaana daase'ee kabajju'uuf wogga wogga'aan gara Yerusaalemii bayan.
17
Baniin Waaqa mootii banii maraatii hin saganne yoo jiraatan lafa isaaniititti roobni hin roobu.
18
Worri Misiriillee ayyaana kabajju'uuf gara Yerusaalemii dhaqanii yoo Rabbiin afoo dhiyaachuu didan mootota nu'u gara Yerusaalemii ol baanee ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan irratti dhukkubni nama fixu hin dhufa.
19
Worri biyya Misiriitii fi mootonni biraa yoo ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan adabbiin isaan irra gawu kana.
20
Hennaa san malkata barreeffamaa bilbila qillisu ka morma faradoo maraa irra jiru irratti «ka Rabbiif fooyame» jedhutu barreeffama; otteen waa itti affeelan ka mana woyyumma'aa keessa jiru akka gabatee hulee ciinca'aa jiruutitti woyyooma.
21
Otteen biyya Yerusaalemiitii fi biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu ka Waaqa banii maraatii fooyame ta'a; namoonni ciincaa dhiyeessan maruu ottiin sanniinitti foon ciinca'aa diqqoo affeelan; hennaa san namni mana woyyuu Rabbii Gooftaa banii maraa keessatti daldalu hin argamu.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14