bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 4
Zechariah 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
1
Maleekkaan na woliin qaaqa'aa ture sun deebi'ee natti dhufee akka nama hirribaa dammassaniititti na dammasse.
2
Wonti ati arga'aartu maali'i jedhee na gaafate; anillee akkana jedhee deebiseef «Ani baattuu ibsa'aa ka ibsaa torbaa qabu arga; gubbaa isaa irra ottee sayitii ejersaatitu jira; ibsaan torbanuu qaawa miseensa jirbi'ii ibsa'aa keessa darbu qaba.
3
Baattuu ibsa'aa biratti mukkiin ejersaa lamaan ottee bita'aa fi mirgatti mudhata» jedhee isaa deebise.
4
Anillee maleekkaa na woliin qaaqa'aaru san akkana jedhee gaafadhe, «Gooftaa kiyya! kunniin fakkeenna maali'iiti?»
5
Innillee «Wonti kunniin maal akka ta'e hin beettuu? naan jedhe; anillee «Gooftaa kiyya! ani hin beeku» jedheen.
6
Dubbiin Waaqa banii maraa akka ani Zarubaabelitti himuuf maleekkaan natti hime kana; Ati mooyachuu ka dandeettu Hafuura kiyyaan malee hunnaa fi jabeenna keetiinii miti.
7
Wonti si gufachiisu ka akka gaaraa si afoo dhaabate maruu hin ka'a; Mana Woyyuu deebiftee ijaarta; hennaa ati dhagaa dimdimaataa hulee isaatitti deebiftee dhaabde baniin attam attam bareeda!» jedha'aa laagaa gammachu'uu dhageessisan.
8
Rabbi ammallee akkana naan jedhe,
9
«Harki Zarubaabeelii bu'uura Mana Woyyu'uu dhaabeera; harki isaa ijaaree raawwata; isin hennaa san Waandhi banii maraa ana akka gara keessan na erge hin beettan.
10
Namni guyyaa wonti diqqoon itti hojjatamu tuffate, yoo tumbii dhaaba mana ittiin bikkan harka Zarubaabeeliititti arge hin gammada; baattuun ibsa'aa torban kunniin ija Rabbii ta adunyaa tana maraa argitu»
11
Ani ammallee akkana jedhee isa gaafadhe, «Munni ejersaa ka baattuu ibsa'aa bita'aa fi mirgaan dhaabatan kunniin fakkeenna maali'iiti?»
12
Mukkiin ejersaa lamaan boobaa worqi'ii lamaan ka dhadhaan ejersaa keessaa jigu ladda jiran dameen muka ejersaa lamaan fakkeenna maali'iiti? jedhee gaafadhe.
13
Innillee wonti kunniin maal akka ta'e hin beettuu?» anillee «Gooftaa kiyya hin beeku» jedheen.
14
Innillee, «Kunniin namoota lamaan Rabbi muudee Gooftaa ardii maraa afoo dhaabatanii tajaajilan» naan jedhe.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14