bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 10
Zechariah 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 11 →
1
Isin akka Rabbi rooba badheessaa isinii roobu kadhadhaa'a; duumessa rooba baate Rabbitu erga; roobaa fi biqiltuu raasa'aa maraa ka kennu isa.
2
Waaqoleen tolfamaan waan bu'aa hin qabne dubbatan; worri moran mudhata sobaa argan; eebjuu sobaa ta sobaa argan; eebjuu sobaa dubbatan; kanaafuu baniin akka hoolota tissee hin qabnee raantayan; jajjabeenni isaanii duwwa'a; duwwama nama jajjabeessan.
3
Rabbi akkana jedha, «Dheekkamsi kiyya jabaan bulchoota banii kiyyaa irratti bu'a; ani Waandhi banii maraa waan banii kiyya Yihuudaa eeguuf bulchoota isaanii hin adaba; banii Yihuuda'aa akka farda kiyya arreedaa lolaa isaan taasisa.
4
Banii Yihuuda'aa keessaa akka dhagaa dhaaba manaa akka xiribbaa daase'ee, bulchoota akka buundhee lolaatii fi worra loltoota ajajantu baya.
5
Baniin Yihuuda'aa diintota ufii akka loltoota jajjabaa dhiitanii dhoqqee kara'aatiin wolitti makanii ta'an; Rabbi waan isaan woliin jiruuf jabaatanii lolanii worra fardaan lolanillee uduu hin hambifne maraa mooyatan.
6
Ani banii Yihuuda'aa hin jabeessa; banii Israa'eliillee hin oolcha; waan isaanii garaalaafuuf isaan maraa gara biyya isaanii isaan deebisa isaan akka ani armaan dura isaan gatee hin beenne ta'an; Ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef kadhaa isaanii hin dhagaya.
7
Baniin Israa'elii akka loltoota jajjaba'aa ta'an; akka nama daadhii woyini'ii dhugeetitti gammadan; ijoolleen isaaniillee mootee kana qaabata'aa gammadan; Rabbiinillee hin burraaqan.
8
Ani banii kiyya waamee wolitti isaan qaba; isaan oolchalle'e; akkuma armaan duraatitti isaan baay'isa.
9
Ani uduu banii keessallee isaan bittinneessee biyya fago'oo ka keessa jiraatan keessa taa'anii na qaabatan; isaanii fi ijoolleen isaanii hafanii gara biyya ufii deebi'an.
10
Ani biyya Misiriitii isaan deebisa; biyya Asoorii keessaallee wolitti isaan qaba; haga lafti isaan hanqattutti Gala'aadii fi Libaanosiin keessattillee akka quphatan isaan taasisa.
11
Hennaa galaana rakkinnaa keessa lufan; ani Rabbi dambalii dhaya; lanni Abbaayii guddaan sunillee hin goga; biyyi Asoorii ta uf jajjullee hin salphatti; biyyi Misiriillee ulee mootummaa ufii hin dhabdi.
12
Ani Waandhi isaanii isaan jabeessa; isaanillee dubbii kiyyaa hin ajajaman» ka waan kana dubbate ana Rabbi.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14