bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Zechariah 11
Zechariah 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
1
Yaa Libaanoos! akka ibiddi mukkiin kee gubu balballan kee bani!
2
Mukkiin Libaanoosii waan kufaniif isin mukkiin birbirsaa; «banne!» jedha'aa booyaa'a; mukkiin gaachena qaban maruu badaniiran; bosonni jaamaan waan cirameef isin qilxuuwwan baasaanii «banne!» jedha'aa booyaa'a.
3
Worra tisse'ee jalaa margi lalisaan waan badeef hennaa isaan «banne!» jedha'aa booyan caqasaa'a; waan bosonni laga Yoordaanosii bira jiru badeef Leencan hennaa gadda'aa aadan caqasaa'a.
4
Rabbi Waandhi kiyya akkana naan jedhe, «Mee ati tika hoolotaa ka qalmaaf qophaayan bobbaasi.
5
Namoonni hoolota bitatan hoolota sanniin qalani'iif hin adabaman; namoonni gurguratanillee galanni Rabbiin haa gawu duroomneerra jedhan; worri tisse'eetuu garaa isaanii hin laafu naan jedhe.
6
Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi nama lafa irra jiraatuu womaa garaa hin laafu; ani nama maraa olla'aa fi mootii isaatitti dabarsee kenna; isaan lafa balleessan; anillee isaan jalaa isaan hin oolchu» jedha.
7
Ani worra hoolota bita'aa gurguraniif gati'iin tissee hoolota qalmaaf qophaayanii ta'e; hennaa hoolota tissu'uuf baye ulee lama harkatti qabadhe; ulee tokko «jaalatamaa'a» jedhee waame; ulee kaan ammo «tokkummaa'a» jedhee waame.
8
Tisseen sadiinuu waan na aarsanii na jibbaniif ji'a tokko keessatti isaan balleesse.
9
Achiin maayessa ani tika hoolotaatiin, «ani ammaa achi tissee keessan hin ta'u; ka du'u haa du'uu; ka bade haa baduu; worri hafanillee ufumaa wol fixanii haa dhumanii» isaaniin jedhe.
10
Ani kanatti aansee ulee jaalatamaa jedhame fuudhee cabse; ani hennaa waan kana godhu waadaan ani Rabbiin woliin gale akka cite mudhisu'uuf.
11
Akkaataa kanaan waadaan guyyama san diiggame, daldaltoonni hoolotaa ka hennaa ani waan kana godhu na laala'aa turan wonti kun akka dubbii Rabbii ta'e beekan.
12
Ani isaaniin «Yoo fedha keessan ta'e mindaa kiyya naa kennaa'a; yoo fedha keessan hin taane dhiisaa'a» isaaniin jedhe isaanillee gatii dadhabbii hujii kiyyaa birrii soddomaa naa kennan.
13
Rabbillee «Saanduuqa birrii keessa kaayan ka mana woyyumma'aa keessa buusi» naan jedhe; kanaafuu ani birrii soddomaa ka isaan mindaa gaya'a jedhanii naa kennan san fuudhee ottee namicha faara dhawuu keessa buuse.
14
Achiin maayessa ulee Tokkummaa'a jedhame ka lammeesso'oo san fuudhee cabse; wonti ani waan kana godheef obbolummaan Yihuuda'aatii fi Israa'eliin jidduu jiru akka bade mudhisu'uuf.
15
Rabbi kanatti aansee akkana naan jedhe, «Ati ammallee akka tissee bu'aa hin qabneetitti uf laali.
16
Ani amma biyyatti'ii tissee tokko ka banii kiyya eegu kaasa; inni waan kana godhuu caalaa worra badanii hin yaadu; worra badan hin soqu; worra hokkolan hin fayyisu; worra fayyaa qaban hin nyaachisu; inni waan kana godhuu caalaa ka furdate qala'aa nyaata; koroony'oo isaanii hin mummura.
17
Tisseen hoolota ufii ganu ka bu'aa hin qabne ka akkanaa kanaa hobbaasi! irreenii fi ijji isaa ka mirgaa guraade'een haa dhayamu; irreen isaa sirima haa gogu; ijji isaa ka mirgaa sirima haa badu» naan jedhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14