bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 1
1 Corinthians 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ta'u'uuf ka waamame Phaawulosii fi obboleessa keenna Sostenesiin irraa,
2
Magaalaa Qorontoosii titti ta argamttu woldaya amanti'ii ka Waaqaatiif, keessa isi'ii titti'llee Kristos Yesusiin worra qulqullaayanii fi worra qulqullaayomota akka ta'aniif waamamaniif, akkuma kana bakka marattuu isaanii fi nu'uu Gooftaa ka ta'e, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristosii worra waaman maraaf,
3
Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
4
Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaa waan isinii kenneef sababa keessaniin, yeroo maraa Waaqa ni galateeffadha.
5
Waan maraanuu haasayaan ta'ee beekkomissaan, Kristosiin duroomitanii jirttan.
6
Ragummaan waayee Kristositiif isinitti himnne, isin biratti cimee dhaabattee jira.
7
Kanaaf muldhachuu Gooftaa keenna Yesus Kristosii eeggachu'uun yeroo jiraattantti, kennaan hafuurayaan woyiituu isin irraa hin dhidhatu.
8
Deebi'ee dhufaatii Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ashaa malee taatanii akka arggamttaniif, inni haga muumme'ee titti jabaattanii akka jiraattan isin ni taasisa.
9
Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname.
10
Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha.
11
Yaa obboleeyyan! Jidduu keessan wol dhabbiin jiraachuu isaa, maatii Kole'ee irraa dhagayee jira.
12
Kun'llee, isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phaawulosiiti, ani ka Apholosiiti, ani ka Phexirosiiti, ani ka Kristositi» ni jettan.
13
Eegaa Kristos garagar qoodamee jiraa ree? Phaawulos hoo waayee keessaniif fannifamee jiraa ree? Yookiin ka cuuphamttan, maqaa Phaawulosiitiin moo?
14
Ani Qeeriisphosii fi Gaayosiin malee isin keessaa eennuun'llee waan hin cuuphiniif, Waaqa ni galateeffadha.
15
Kanaaf, «Ana maqaa Phaawulosiitiin cuuphamttanii jirttan» jedhee, dubbachuu ka danda'u hin jiru.
16
(Dhuga'a, maatii Isxifaanosiin'llee cuuphee jira, kanniiniin ala ani naminni cuuphe, jiraachuu isaa hin yaadadhu,)
17
Kristos ka ana erge dubbii wongeelaa akka barsiisuuf malee akka cuuphuufii miti, fannoon Kristos tasa ta'ee akka hin hafinneef dubbii wongeelaa ka barsiisu, ogummaa haasaya namaa irraa argameenii miti.
18
Dubbiin fanno'oo namoota badaniif akka gowwumma'aa titti ni laakkayama, worra fayyinu nuu'uuf garuu huminna Waaqaati.
19
«Ogummaa worra ogeessotaa ni balleessa, beekkomissa worra falaasamootaallee ni dhabamissiisa» jedhamee barreeffamee jira.
20
Eegaa, ogeessi eessa jira? barsiisaan seeraa eessa jira? qorataan hoo eessa jira? Waaqinni ogummaa biyya lafa tanaa gowummaa taasisee hin jiruu ree?
21
Namoonni biyya lafa tanaa ogummaa mataa isaaniitiin Waaqa beeku'uuf akka hin dandeenne Waaqinni ogummaa isaatiin isaanitti ni cufe, garuu akka gowumma'aa titti ka laakkayamu wongeela nu'u barsiifinnutti worra amanan fayyisu'uuf, fedhiin Waaqaa ta'ee jira.
22
Yoomuu Yihudonni baasa argu'uuf ni barbaadan, namoonni Giriikii ammoo ogummaa ni barbaadan.
23
Nu'u garuu, Kristosii waayee keennaaf fannifamuu isaa ni barsiifnna, kun'llee Yihudotaaf gufanna'a, namoota Giriikiitiif ammoo gowumma'a.
24
Worra Waamamaniif garuu Yihudotaa fi ta'ee namoota worra Giriiki'iitiif'llee, Kristos huminna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaati.
25
Gowummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu ogummaa namaa ni caala, dadhabummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu'llee, huminna namaa ni caala.
26
Yaa obboleeyyan! Waaqinni yeroo isin waametti namoota attamii akka turttan yaadadhaa, akka yaada namaa titti isin jiddu'uu baayi'eewwan ogeessota yookiin jajaboota yookiin namoota guguddoota hin turre.
27
Waaqinni ogeessota saalfachiisu'uuf biyya lafaa titti akka gowootaa titti namoota laakkayaman ni filate, jajaboota'llee saalfachiisu'uuf jecha biyya lafaa keessatti worra akka dadhabddootaa titti laakkayaman filate.
28
Waaqinni namoota biyya lafaa biratti ni jiran jedhamanii wonittoonni muldhatan akka waan hin jirree taasisu'uuf, biyya lafaa titti ka salphatee fi ka tuffatame tasa'llee ta'ee ka muldhatu ni file.
29
Kana'llee ka taasiseef naminni kum'llee Waaqa duratti akka ufi hin dhaadanneef.
30
Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen.
31
Eegaa akkuma kitaaba keessatti barreeffameen, «Ka ufi dhaadu Goofta'aan ufi haa dhaadu.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16