bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 12
1 Corinthians 12
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Yaa obboleeyyan! Amma ammoo waayee kennaawwan Hafuura Qulqulu'uu akka beekittaniif ni barbaada.
2
Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne yeroo turttanitti, waan hin beekinneen eemaramittanii gara waaqolee dubbachu'uuf hin dandeenne, ka harkaan hojjatamanii ni fudhatamittan akka ture ni beekittan.
3
Kanaaf Hafuura Waaqaatiin eemaramee Yesusiin ka abaaru eennu'llee hin jiru, akkuma kanaan'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee yoo ta'e malee, «Yesus Goofta'a!» ka jedhu, eennu'llee akka hin jirre isinitti ni hima.
4
Kennaawwan adda addaa ka Hafuura Qulqullu'uu ni jiran, Hafuurri Qulqulluun garuu tokko.
5
Tajaajiloonni adda addaa ni jiran, Gooftaan garuu tokko.
6
Bifitti hujii adda addaa'llee ni jiran, garuu maraa maraan ka raawwatu Waaqa tokko.
7
Tokko tokkoofuu kennaa Hafuura Qulqulluu ibisu'uun ka kennamuuf, faayiddaa wolittiitiif.
8
Hafuurri Qulqulluun nama tokkoof danddeettii ogumma'aan dubbachu'uu ni kennaaf, nama bira'aatiif ammoo Hafuurrummaan sun danddeettii beekkomisaan dubbachu'uu ni kennaaf,
9
Hafuurrummaan sun tokkoof amantii ni kennaaf, ka bira'aatii'llee kennaa Fayyisu'uu ni kennaaf.
10
Akkuma kanaan'llee tokkoof huminna baasa taasisu'uu ni kennaaf, ka bira'aatiif dandeettiin dubbii raagaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo kennaawwan Hafuura Qulqulluu irraa ta'uu isaanii yookiin hafuurota battiiwwan irraa ta'uu isaanii, dandeettiin addaan baasee beeku'uu ni kennaaf. Akkuma kana tokkoof danddeettii afaanota adda addaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo waan afaanota adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf danddeettii ni kennaaf.
11
Haa ta'u malee kana maraa ka raawwatu Hafuuruma Qulqulluun tokko san, Hafuurri Qulqulluun akka fedhe, nama tokkoo tokkoof kennaa adda ta'e ni kennaaf.
12
Naminni tokko kutaawwan qaamaa baayi'ee ni qaba, kutaawwan qaamaa baayi'ee ta'anii uduu jiran, ka argaman achuma qaamuma tokkoo san irratti. Akkuma kana Kristos kutaawwan baayi'ee qaamaa akka qabu, akkuma qaama tokkooti.
13
Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.
14
Qaaminni tokko ka hojjatame kutaawwan qaama baayi'ee irraa malee, kutaa qaama tokkoo qofa irraa miti!
15
Miilli, «Ani harka waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti!» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun isaa ni hafaa ree?
16
Gurri'llee, «Ani ijaa waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun ni hafaa ree?
17
Qaaminni tokko guutuun ija qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin dhagayuun danda'ama ture? qaaminni tokko guutuun gurra qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin ulachuun danda'ama ture?
18
Amma garuu Waaqinni akka barbaadetti tokkoo tokkoon kutaa qaamaa, qaama keessatti bakka barbaachisaa qabatee akka argamu isa taasisee jira.
19
Marri isaaniituu kutaa tokko qofa ta'ee uduu jiraatee, qaaminni guutuun eessatti argama ture!
20
Amma garuu kutaawwan qaama baayi'een yoo jiraatan'llee, qaaminni garuu tokko qofa.
21
Ijji harkaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u, mataan'llee miilaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u,
22
gonkumaa haalaan dadhabiddoota fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaa, isaan barbaachisoota.
23
Ulfinna diqqaa ka qaban fakkaatanii ka muldhatan Kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna isaaniif ni kennina, laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna kennineefii isaaniif ufi ni eegganna.
24
Ija duranatti ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif garuu kun marrinuu isaaniif hin barbaachisu, Waaqinni garuu isaan laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii kutaawwan qaamaa ka muldhatan, ulfinna caalaa ta'een akka qabaman taasisee, kutaawwan qaamaa wol qabsiisee jira.
25
Kana'llee ka taasise kutaawwan qaamaa jidduu adda fooyamuun uduu hin jiraatin, ufii isaaniitii akka wolii yaadaniif.
26
Kutaan qaama tokkoo yoo makkaraaru kutaawwan qaamotaa kaanniin marrinuu woliin ni makkaraaran, kutaan qaamaa tokkochi yoo kabajamu, kutaawwan qaamotaa kuunniin'llee isa woliin ni gammadan.
27
Isin'llee qaama Kristositi tokkoon tokkoon keessan'llee, kutaa qaama isaati.
28
Kanaaf Waaqinni tokkoon tokkoon namaa Mana Waaqeffanna'aa keessatti tajaajila adda ta'e akka qabaatu taasisee jira, bu'ura kanaan'llee jalqaba ergamittoota, lammaffaa nabiyyoota, sadaffaa barsiisota muudee jira. Itti aanssee'llee baasaa worra raawwatan, itti aanssee'llee kennaa fayyisu'uu worra qaban, namoota gargaaru'uuf worra kennaa qaban, bulchitootaa fi afaanota adda addaatiin namoota dubbatan ramadee jira.
29
Marrinuu ergamittootaa ree? Marrinuu nabiyyootaa ree? Marrinuu barsiisotaa ree? Marrinuu baasa worra raawwatanii ree?
30
Marrinuu kennaa hafuuraa worra qabanii ree? Marrinuu afaan adda addaatiin dubbachu'uuf worra danddeettii qabanii ree? Marrinuu waan afaan adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf worra dandeettii qabanii ree?
31
Kanaaf kennaawwan haalaan caalan argachu'uuf barbaadaa. Amma ammoo karaa maraa caalu, isinitti ni muldhisa.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16