bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 2
1 Corinthians 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufetti waayeen Waaqaa ragaa ka baye, dandeettii haasaya kiyyaatii fi ogummaa falaasamaa kiyyaa muldhisu'uunii miti.
2
Isin woliin yeroo turetti Yesus Kristosiin malee, keessummaanuu fannoo irratti fannifamee du'uu isaatiin alatti, waan bira'aa womaayyuu beekuu dhabu'uuf murtteessee ture.
3
Kanaaf isin woliin yeroo turetti dadhabaa ta'ee soda'aa fi hollata baayi'ee irra ni ture.
4
Haasofnni kiyyaa fi lallabnni kiyya'llee ogummaa namaatii fi haasayaa midhaassu'uun uduu hin ta'in, huminna Hafuura Waaqaatiin ka irkifame ture.
5
Kana'llee ka raawwadheef amanitiin keessan ogummaa namaa irratti ka hundeeffame uduu hin ta'in, huminna Waaqaatiin ka irkifame akka ta'uuf.
6
Garuu jireenna hafuuraatiin worra bilchaataniif dubbii ogumma'aa ni dubbanna, haa ta'u malee ka dubbannu ogummaa biyya lafa tanaa yookiin badii muumme'ee titti ka ta'u, ogummaa beekittota biyya lafa tanaatii miti.
7
Nu'u ka dubbannu garuu Waaqinni durssee barootaan duranatti, ulfinna keennaaf ka qopheessee fi dhokatee'llee ka ture, dhokissaa ogummaa Waaqaati.
8
Bittoota biyya lafa tanaa jiddu'uu ogummaa kana ka beeke eennu'llee hin jiru, beekaniinii ka jiraatan uduu ta'eetii Gooftaa ulfinnaa kana hin fannisaniiniiyyu ture.
9
Haa ta'u malee kitaabanni, «Ijji namaa ka hin ariginiin, gurri namaa'llee ka hin dhagayin, onneen namaa'llee ka hin yaadin, Waaqinni worra isa jaalatuuf qopheessee jira» jedha.
10
Nu'uuf garuu Waaqinni karaa Hafuura isaatiin dhossaa isaa nuuf ibisee jiraa, Hafuurri Waaqaa gad fagoo ka ta'e dhossaan Waaqaa uduu hin hafin, waan maraayyuu ni qorata.
11
Waayee namaa ta'ee yoo ta'e hafuura mataa isaa malee, isa keessa yaada jiru ka beeku eennu? Akkuma kana Hafuura Waaqaa malee yaada Waaqaa ka beeku, eennu'llee hin jiru.
12
Waaqa biraa waan nuuf kenname akka beekinuuf Hafuura Waaqaati malee, nu'u hafuura biyya lafa tanaa hin fudhanne.
13
Kanaaf nu'u waan hafuurayaa namoota hafuurayootaaf ka barsiifnnu ogummaa nama irraa argannuun uduu hin ta'in, ogummaa Hafuura Waaqaa irraa argannuun.
14
Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata.
15
Hafuura Waaqaa ka qabu garuu waan maraa qorachuu ni danda'a, inni mataa isaa garuu eennuun'llee hin qoratamu.
16
Kun'llee, «Yaada Goofta'aa eennutu beekuu danda'a ree? gorssuunii ka danda'u'llee eennu?» jedhamee, akkuma barreeffame. Nu'u garuu onnee Kristosii ni qabnna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16