bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 14
1 Corinthians 14
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Eegaa jaalala horddofaa, kennaawwan hafuura Qulqullu'uun, keessummaanuu kennaawwan keennaa waan Waaqinni namatti hime dubbachu'uu jabeennaan barbaadaa.
2
Afaan adda addaatiin ka dubbatu Waaqaaf malee namaaf hin dubbatu, waan dhossaa ta'e huminna hafuura Qulqullu'uutiin waan dubbatuuf, jecha inni dubbatu ka beeku hin jiru.
3
Waan Waaqinni itti hime ka dubbatu garuu kaaniin dhaabu'uuf, cimssu'uu fi jajabeessu'uuf namootatti ni dubbata.
4
Naminni afaan adda addaatiin dubbatu ufi qofa ijaara, waan Waaqinni itti dubbate ka dubbatu garuu, woldaya amantootaa ni ijaara.
5
Marri keessanuu afaan adda addaatiin uduu dubbattanii ni jaaladha ture, caala'atti ka jaaladhu garuu waan Waaqinni isinitti hime yoo dubbattan, woldeenni amanttootaa akka ijaaramuuf afaan adda addaatiin waan dubbatamee ka hiiku yoo hin jirree, nama afaan adda addaatiin dubbatu irraa, nama waan Waaqinni itti hime dubbatutu caala.
6
Eegaa yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufutti, afaan adda addaatiin dubbata'aa yoo dhufee maal isin fayyada? Kana irra ka isin fayyadu dhossaa Waaqaa ibisuu, waayee beekkomissaan raaga dubbachu'uu, barumisa isinii qabee yoo dhufe.
7
Ka akka ululle'eetii fi akka kiraaraa ka jiran meeshaawwan sirbaa ka lubbuu hin qabinnee, sirraayinna qoonqqa addaa ka hin qabinne qoonqqi sirbaa ka kennan, maal ta'uun isaa attamitti beekkamaa?
8
Xurunbbaan qooniqqa hin beekkamineen yoo afuufamee, lolaaf eenutu qophaaya?
9
Akkuma kana isin afaaniin woliin yoo dubbattan jechoota ifa ta'aniin yoo dubbachuu dhabaattan, waan isin woliin dubbattan eennutu beeku'uuniif danda'a? Akka waan bubbe'etti dubbattanii ni taatan.
10
Biyya lafaa irra afaanonni baayi'een ni jiran, afaan hiikkaa hin qabnne'llee hin jiru.
11
Eegaa ani afaan dubbatamu hiikkaa isaa ka hin beekinne yoo ta'e nama dubbateef keessummaa ni ta'a, inni'llee anaaf keessummaa ta'a.
12
Isin'llee kennaawwan Hafuura Qulqullu'uu akka jabaa waan barbaadaniif, caala'atti barbaaduu ka qabddan kennaawwan kristaanonni ittiin ijaaraman, akka isaaniif baayi'ataniif.
13
Kanaaf afaanota adda addaatiin naminni dubbatu danddeettii hiiku'uu akka qabaatuuf haa kadhatu.
14
Afaanota adda addaatiin yoo kadhadhe hafuurri kiyya ni kadhata malee, sammuun kiyya firii dhabeessa.
15
Eegaa, maal raawwachuu ana barbaachisa? hafuura kiyyaan ni kadhadha, sammuu kiyyaan'llee ammoo ni kadhadha, hafuura kiyyaan ni faarsa, sammuu kiyyaan'llee ammoo ni faarsa.
16
Akkana ta'uu yoo dhabaate ammoo ati hafuuraan Waaqa yoo galateeffattu, waan ati jettu ka hin beekinne naminni keessummaan kadhannaa kee ka galataatiif, «Ameen» jechuu, attamitti danda'a ree?
17
Dhugamaanuu kadhannaan galataa ka ati dhiyeesite haala misha'aan, garuu naminni bira'aa ittiin hin ijaaramu.
18
Ani isin mara caala'atti afaan adda addaatiin waan dubbadhuuf, Waaqa ni galateeffadha.
19
Garuu afaanota adda addaatiin jechoota kuma baayi'etti laakkayaman dubbachuu irra, kaanniin barsiisu'uuf jecha woldaya amanti'ii titti, afaan jechoota shan beekuun, sammu'uun dubbachuu ni jaaladha.
20
Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa.
21
Kun'llee, «Afaan adda addaatiin namoota dubbatanii fi afaan namoota biyya bira'aatiin ummata kanatti ni dubbadha, kana'llee ta'ee naa hin dagayan, jedha Waaqinni Gooftaan» jedhamee, seeraan barreeffamee jira.
22
Kanaaf afaanota adda addaatiin dubbachuun malikata ka ta'u namoota hin amanneef malee namoota amananiifii miti, dubbii raagaa dubbachu'uu garuu malikata ka ta'u, namoota amananiif malee namoota hin amanneefii miti.
23
Kristaannonni yeroo wolitti qabamanitti tokkoon tokkoon kritaanaa afaan adda addaatiin yoo dubbatee fi worri hin beekinne yookiin namoonni hin amanne uduu dhufanii dubbattoonni, «Namoonni kunniin maraatanii jiran» hin jedhanii ree?
24
Garuu tokkoon tokkoon dubbii waan Waaqinni himee uduu dubbateetii ka itti hin amanne yookiin naminni hin beekinne uduu dhufee, jecha dhagayu maraanuu ni gilndifama, akkuma kana jecha dhagayu maraanuu itti ni murttaaya.
25
Onnee isaa keessatti wonitti dhoffame'llee ni muldhatta, kallacha isaatiin'llee gonbbifamee, «Dhugamaanuu Waaqinni jidduu keessan ni jira!» jechu'uun, Waaqaaf ni sagada.
26
Yaa obboleeyyan! Eegaa maal raawwachuu qabnna? Kadhanna'aaf yeroo wolitti qabamittanitti isin keessaa tokko kennaa faarffanna'aa ni qaba, ka bira'aa kennaa barsiisu'uu ni qaba, tokko waan dhossaa ta'e ibisu'uuf kennaa ni qaba, tokko kennaa afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni qaba, ka bira'aa kennaa hiiku'uu ni qaba, eegaa kennaan kun marrinuu ka kristaanota ijaaru ta'uu qaba.
27
Afaan adda addaatiin ka dubbatan yoo jiraatan lama yookiin yoo baayi'ate sadihi ta'anii tartiibaan haa dubbatan, waan isaan dubbatan'llee naminni bira'aa haa hiiku.
28
Naminni hiiku yoo jiraachuu dhabaate garuu, afaan adda addaatiin worri dubbatan woligayii irratti haa caldhisan, mataa isaaniitii fi Waaqa qofatti haa dubbatan.
29
Waan Waaqinni hime worri dubbatan lama yookiin sadihi ta'anii haa dubbatan, kuunniin garuu waan dubbate dhageeffataniii ufi eegganna'aan haa madaalan.
30
Woligayii irratti ka argamu nama bira'aatiif muldhanni tokko yoo itti muldhate, dubbataan jalqabaa haa caldhisu.
31
Tokkoon tokkoon akka baratuu fi akka jajabaatuuf marri keessanuu tartiibaan, ergaa Waaqaa dubbachu'uuf ni dandeettan.
32
Hafuurri waan Waaqinni hime ka nabiyyootaa nabiyyootaaf ni ajajama.
33
Woldaya ummata Waaqaa mara birattuu akkuma raawwatamu, Waaqinni Waaqa nagayaati malee Waaqa jeequmssaatii miti.
34
Dubarttoonni yeroo woligayii kadhanna'aa haa caldhisan, akkuma Seerri ajaju akka ajajamaniif malee akka dubbataniif isaanii hin eeyyamaminne.
35
Waan tokko tokko beeku'uuf yoo barbaadan abbootii worraa isaanii mana isaanii titti haa gaafatan, yeroo woligayii kadhanna'aa titti dubarttiin dubbatuun waan maluu miti.
36
Haa ta'u malee dubbiin Waaqaa ka dhufe isin irraayyi moo? Yookiin dubbiin Waaqaa ka gaye gara keessa qofa moo?
37
Ani nabiyyi'i yookiin ani kennaa hafuuraa ni qaba naminni jedhu yoo jiraate, kun ka isinii barreesse ajaja Goofta'aa ta'uu haa beeku.
38
Kana ka hin beekinne yoo jiraate, inninuu hin beekkamin.
39
Kanaaf yaa obboleeyyan! waan Waaqinni hime dubbachu'uuf ciminnaan barbaadaa, afaan adda addaatiin dubbachuu'llee hin dhooginaa.
40
Garuu wonitti marrinuu akka tolutti seeraan haa ta'u.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16