bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 15
1 Corinthians 15
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Amma ammoo yaa obboleeyyan! Dubbiin wongeela ka isin barsiise isin yaadachiisu'uuf ni barbaada, kun'llee dubbii wongeelaa ka isin fudhattanii fi jabaattanii ka ittiin dhaabattan.
2
Ka isin barsiise dubbii wongeela jabeesitanii yoo qabattan isaan ni fayyitan, yoo kana ta'uu dhabaate garuu, ka amanttan tasaan.
3
Ani ka fudhadhee sadarkkaa jalqabaa waan jiru isiniif dabarssee jira, wonitti isiniif dabarsse'llee kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, Kristos waayee cubbuu keennaatiif ni du'e,
4
ni awwaalame, kitaabban Qulqulluu keessatti akkuma barreeffametti'llee, guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'e ka jedhu.
5
Inni Phexirositti ni muldhate, maa'ii'llee ergamittoota kudha lamaantti ni muldhate.
6
Horddofttoota isaa ka dhibba shan caalanitti'llee yeroo tokkoon ni muldhate, isaan keessaa'llee baay'een isaanii haga amma titti lubbu'uun ni jiran, tokko tokko garuu du'anii jiran.
7
Saniin duubatti'llee Yaaqoobitti ni muldhate, ergamittoota maratti'llee ni muldhate.
8
Muummee irratti'llee anaa nama saldheessa akka hanqinna dhalatee jiruu titti'llee ammoo, ni muldhate.
9
Ani woldaya Waaqaa ka ari'e waan ta'eef ergamittoota maraayyuu gad ka hanqadhee fi ergatamcha'llee jedhamee waamamuun ka naan hin malle.
10
Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti.
11
Eegaa ana ta'ee isaan'llee ka barsiifnnu isuma kana, isin'llee ka amanttan kanuma.
12
Garuu Kristos du'aa akka ka'e ka barsiifnnu yoo ta'e, isin jiddu'uu tokko tokkoo du'aa ka'iinssi hin jiru attamitti jedhan?
13
Du'aa ka'uun yoo ka hin jiree Kristos du'aa hin muldhanne jechu'u,
14
Kristos du'aa yoo hin ka'in barsifinni keenna ta'ee amantiin keessan'llee, tasa ta'uu isaati.
15
Deebi'ee'llee Waaqinni Kristosiin du'aa kaaseenii jira jennee barsiisuu keennaan, ragoota Waaqaa dharttoota taanee jirra akka jechu'uutti, eegaa namoonni du'an du'aa hin ka'in Waaqinni Kristosiin du'aa hin kaafnneen jechu'u.
16
Namoonni du'an du'aa yoo hin ka'in, Kristos'llee hin kaafnne jechu'u.
17
Kristos du'aa hin muldhanne yoo ta'e amantiin keessan tasa, amma'llee cubbuu keessa ni jiraattan jechu'u,
18
Kristostti'llee amananii worri du'an badanii jiran jechu'u.
19
Kristosiin abddii ka taasfannu jireenna biyya lafaa kana qofaaf yoo ta'e, namoota mara irra caala'atti ka nuuf gaddamu ta'uu keenna.
20
Garuu Kristos worra du'aaniif du'aa ka'uun hangafa ta'ee, dhugamaanuu du'aa ka'ee jira.
21
Duuti ka dhufe nama tokko waayee Addaamiitiin akkuma ta'e, du'aa ka'iitiin'llee ka dhufuun karaa nama tokko Kristositiin.
22
Waayee Addaamiin naminni marrinuu akkuma du'u, akkuma kana waayee Kristositiin naminni marrinuu jireenna ni argata.
23
Kun'llee ka ta'u tokkoo tokkoofuu tartiibaan, Kristos du'aa ka'uun fakkeenna jalqabaati, maa'ii yeroo Kristos dhufutti ka isaa worri ta'an du'aa ni ka'an.
24
Itti aanssee'llee Inni kuta'aa bulichu, aangoo fi humnna mara'llee balleessee mootummaa Waaqa Abba'aatiif yeroo kennutti, muummeen biyya lafaa ni ta'a.
25
Waaqinni diinota isaa maraa aangoo isaa jala haga isaaf taasisuufitti, Kristos mootomuun ni malaan.
26
Injifatamee muummee irratti diinni dhabamisiifamu du'a.
27
«Waaqinni waan maraa aangoo isaa jala taasiseefii jira» ka jedhu, barreeffamee jira, garuu, «Wonitti marrinuu aangoo isaa jala ta'ee jira» yoo jedhamu, waan maraa aangoo isaa jala ka isaa taasiseef Waaqa Abbaa hin dabalatu.
28
Wonitti marrinuu aangoo Kristosii jala eega ta'een duubatti, Waaqinni Abbaan mara waan maraan akka ta'uuf, Ilmi mataan isaa waan maraa aangoo isaatiin jala ka isaa taasiseef, aangoo Waaqa Abba'aa jala ni ta'a.
29
Eegaa, namoonni du'an ka hin muldhanne yoo ta'e waayee namoota du'aniitii fi ka cuuphaman marrinuu, bu'aan isaanii maali'i? Namoonni du'an gonkumaa ka hin muldhanne yoo ta'an, namoonni bakka isaanii maali'iif cuuphaman?
30
Nu'llee taanaan saa'aatimaan galtte'eef saaxilama'aa ka jiraannu maaliif?
31
Yaa obboleeyyan! Ana guyyama guyyaan du'atu ana qunnama, kana'llee ka isinitti himu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddiin isin irratti qabu, dhugaa waan ta'eef.
32
Akka yaada namaa ani Efesoonitti, bineenssa bosonaatiin woldhaanu'uf faayiddaan kiyya maali'i? Worri du'an du'aa ka hin muldhanne yoo ta'e ammoo, «Boru waan duunuuf kootaa haa nyaannuu, haa dhuginnuu» akka jedhame ta'uu isaati.
33
Hin sobaminaa, «Waahelli hamaan amala mishaa ni balleessa.»
34
Gara qalbbii teessanii deebi'aa, cubbuu'llee hin hojjatinaa, isin jiddu'uu tokko tokko ka Waaqa hin beekinne ni jiran. Kana'llee ka jedhuuf akka saalfattaniif jedheeti.
35
Naminni tokko, «Namoonni du'an ka ka'an attamittii? Du'aa yoo ka'an'llee qaaminni isaan qabaatan hoo bifa kami?» jedhee, ni gaafata ta'a.
36
Ati gowwaa! Midhaan facaafttuu yoo hin du'in, lubbuu hin qabaatu,
37
Ati yoo facaafttu'llee sanyii qamadi'ii yookiin midhaan bira'aa qofa ni facaaftta malee, biqilttuu maa'ii irra bayuu miti.
38
Waaqinni garuu sanyi'iif akka barbaadetti qaama ni kennaaf, tokko tokkoo sanyii isaaniitiifuu qaama adda addaa ni kennaaf.
39
Foon marrinuu bifa tokkoo miti, foon namaa'llee bifa tokko, foon beeyiladaa bifa bira'aati, foon sinbirrootaa bifa bira'aati, foon qurxummi'ii bifa bira'aati.
40
Akkuma kana qaaminni sami'ii ni jira, qaaminni ka lafaa'llee ni jira, garuu qaaminni sami'ii ulfinni isaa bifa tokko, qaaminni ka lafaa'llee ulfinni isaa bifa bira'aati.
41
Ulfinni adu'uu bifa tokko, ulfinni ji'aa bifa bira'aati, ulfinni urjjiiwwan'llee bifa bira'aati, urjjiin tokko urjjii bira'aa irraa ulfinna addaa ta'e ni qaba.
42
Haalli namoota du'aa ka'anii'llee kanuma fakkaata, qaama du'u ka badu ta'ee ka facaafame, qaama hin badinne jiraataa ta'ee ni ka'a.
43
Salphinnaan ka facaafame ulfinnaan ni ka'a, dadhabaa ta'ee ka facaafame jabaataa ta'ee ni ka'a,
44
qaama foonayeessa ta'ee ka facaafame qaama hafuuraayaa ta'ee ni ka'a. Qaaminni foonayaan yoo jiraate, qaaminni hafuurayaan'llee ni jira.
45
Kanaaf, «Naminni jalqabaa Addaam uumama jiraataa ni ta'e» jedhamee barreeffamee jira, Addaamiin maai'ii Kristos garuu, hafuura jireenna kennu ni ta'e.
46
Garuu jalqaba ka dhufe foonaya'a malee ka hafuuraatii miti, ka hafuuraa ka dhufe ka fooniitiin duuba irratti.
47
Naminni jalqabaa Addaam ka uumame lafa irraa waan ta'eef ka lafaat, Naminni lammaffaa ka dhufe samii irraayyi.
48
Lafaa irraa ka ta'an akkuma ka lafa irraa uumamaniiti, sami'ii ka ta'an akkuma isa ka sami'ii dhufeeti.
49
Akkuma bifa nama biyya lafaa fakkaannutti, bifa nama sami'ii'llee ni fakkaanna.
50
Yaa obboleeyyan! wonitti isinitti himu kana, foonii fi dhiiginni Mootummaa Waaqaa hin dhaalan, akkuma kana qaaminni du'uu ka badu ka hin badinne, qaama hin banne jiraataan ka hin badinne hin dhaalu.
51
Kunoo, dhossaa tokko isinitti ni hima. Nu'u marri keennaa hin duunu, garuu marri keennaa ni jijjiiraminna.
52
Ka jijjiiraminnu'llee xurunbbaan laali'ii ka muumme'ee yeroo afuufamutti akka limsata ijaa yeroo tokkotti. Xurunbbaan laali'ii ni afuufama, namoonni du'an'llee ka hin badinne jiraattota ta'anii ni ka'an, nu'llee ni jijjiiraminna,
53
Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune uffachuu ni qaba.
54
Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune yeroo itti uffatutti, «Duuti injifanno'oon moo'atamaan ni liqimfame!» jedhamee, ka barreeffame ni raawwatama.
55
Akkuma kana, «Yaa du'a, injifattee moo'uun kee eessa jira? Yaa du'a! Humnniti kee ka nama ittiin miitu eessa jira!» jedhamee jira.
56
Huminni duuti ittiin iddamu cubbu'u, huminni cubbu'uun'llee seera.
57
Garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin injifannoo ka nuuf kennu, Waaqaaf galanni haa ta'u!
58
Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16