bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Corinthians 11
1 Corinthians 11
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
1
Ani Kristosiin akkuma fakkaadhu, isin'llee ana fakkaadhaa.
2
Yeroo maraa waan ana yaadachiifttanii fi barsiisa isiniif kenne'llee jabeesitanii waan qabdaniif, isin galateeffadha.
3
Garuu mataan maraa Kristos, mataan dubartti'ii dhiira, mataan Kristosii'llee Waaqa Abbaa ta'uu isaa akka beekittan jaaladha.
4
Mataa isaa haguugatee ka kadhatu yookiin dubbii raagaa dhiirri dubbatu marrinuu, mataa isaa ni salphisa.
5
Akkuma kana mataa isi'ii uduu hin haguuggatin ka kadhattu yookiin dubarttiin dubbii raagaa dubbattu, dhiira dubarttii irratti aangoo qabu ni salphiftti, dubarttiin mataa isi'ii hin haguugganne, akka waan rifeenissa mataa isi'ii haadattee titti ni laakkayamtti.
6
Dubarttiin mataa isi'ii ka hin haguugganne yoo ta'e rifeenissa isi'ii haa murattu, garuu rifeenissa isi'ii muruun yookiin haadachuun waan isii salphisu yoo taate, mataa isi'ii haa haguuggattu.
7
Dhiirri bifitti Waaqaatii fi ulfinni Waaqaa'llee ka isa irratti muldhatu waan ta'eef, mataa isaa titti haguuggachuun isaan hin malu, dubarttiin garuu ulfinna dhiiraati.
8
Dubarttitu dhiira irraa argame malee dhiiritti dubarttii irraa hin argaminne.
9
Akkuma kana dubarttitu dhiiraaf uumame malee, dhiirtti dubartti'iif hin uumaminne,
10
sababaa kanaa fi waayee malyikkootaatiin'llee, dubarttiin mallattoo aangoo ka ta'e, haguuggata mataa isi'ii irratti haa marattu.
11
Jireenna Goofta'aan qabnnuun dubarttiin dhiira malee hin jiraattu, dhiirri'llee dubarttii malee hin jiraatu.
12
Dubarttiin dhiira irraa akkuma argamitte akkuma kana dhiirri ka dhalatu dubarttii irraayyi, garuu dhiira ta'ee dubarttii ka bira'aa marrinuu ka argamu, Waaqa biraayyi.
13
Mee isin mataan keessanuu murteessaa, dubarttiin mataa isi'ii uduu hin haguugatin, gara Waaqaa kadhannaa dhiyeessuun isi'ii, barbaachisa'aa ree?
14
Dhiirri rifeenissa mataa isaa yoo dheeresse akka qaanii itti ta'u, uumamittoonni mataan isaatuu isin barsiisaa mitii?
15
Dubarttiin garuu rifeenissi mataa isi'ii ka isi'iif kenname ufi ittiin haguuggu'uuf waan ta'eef, rifeenissa mataa isi'ii yoo dheerssite ulfinna isi'iiti.
16
Waayee kana mormmu'uuf naminni barbaadu yoo jiraate, nu taanee yookiin kunniin woldayoonni Waaqaa, aadaa kanaan alaa hin qabnnu.
17
Yeroo wolitti qabamttanitti wonitti raawwattan waan hamaa malee waan mishaa hin ta'iniif, barumisa amma isinii kennuun kanaa isin hin galateeffadhu.
18
Waan maraan duranatti yeroo tokkumma'aan yoo wolitti qabamttanitti, jidduu keessan gargar bayiinssi akka jiru dhagayee jira, wonitti dhagaye'llee cina'aan dhugaa ta'uu isaa ni amana.
19
Sirrii ka ta'an eennuun fa'a akka ta'an addaan bayanii akka beekkamaniif, jidduu isaan gargar bayiinssi jiraachuun isaa dirqama.
20
Tokkumma'aan yoo wolitti qabamittanitti, ka nyaattan Irbaata Goofta'aatii mitii.
21
Yoo nyaattan tokko tokko uduu hin eegin adda ufii titti ni nyaata, haala kanaan tokko yoo beelayu kuun ni machaaya.
22
Haa ta'u malee mana itti nyaatanii fi itti dhugiddan hin qabddan moo? Yookiin Mana woldaya Waaqaa ni tuffattan moo? Yookiin rakkatoota womaayyuu hin qabnne ni saalfachiifttan moo? Eegaa maal haa isiniin jedhu? Waayee kanaaf isin haa galateeffadhu moo? Gonkumaa isin hin galateeffadhu!
23
Ka Gooftaa irraa fudhadhee fi isiniif'llee barnnoonni dabarsse kana, halkan Gooftaan dabarffamee kennametti, hibsttii qulqulluu ol ni fuudhe,
24
kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti'llee kukkutee, «[Hoo'aa nyaadhaa,] Kun foon kiyya ka isiniif ta'u, kana'llee yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa» jedhe.
25
Akkuma kana irbaataan duubatti'llee Duloo ol fuudhee, «Duloon kun dhiiga kiyyaan ka hundaayu waadaa haarawa, yeroo dhugiddan marattuu kana yaadannoo kiyyaaf taasfadha'aanii» jedhe.
26
Hibsittii qulqullaawome kana yeroo nyaattanii fi duloo tana'llee yeroo dhugiddan marattuu, haga yeroo Gooftaan dhufuu titti, du'a isaa ni dubbattan.
27
Naminni kumuu ka isaan hin malin ta'ee uduu jiru hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, foon Goofta'aatii fi dhiiga Goofta'aa diqqeessuu isaatiin, itti ni gaafatama.
28
Kanaaf naminni kumi'llee hibsttii qulqulluu kana nyaachu'uu fi duloo tana'llee dhugu'uun duranatti, mataa ufii qorachuu qaba.
29
Naminni kumi'llee foon Goofta'aa maal ta'uu isaa addaan baasee uduu hin beekin hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, mataa isaa irratti murtii ni fida.
30
Isin jiddu'uu baayi'eewwan ka dadhabanii fi ka dhukkubsatan, tokko tokkoo'llee ka du'an, sababuma kanaan.
31
Mataa keenna irratti murtteesine uduu jiraannee, nutti hin murtteeffamu ture.
32
Garuu maa'ii biyya lafaa woliin akka hin murtteeffamnneef, amma murtteessee Gooftaan nutti baanata.
33
Kanaaf yaa obboleeyyan! Irbaata Goofta'aatiif yeroo wolitti qabamttanitti, ufii keessan wol eeggadhaa.
34
Wolitti qabamuun keessan murti'iif akka hin taane jidduu keessan naminni beelaye yoo jiraate, mana isaa titti haa nyaatu. Waayee waan hafeetiif yeroo ani achi dhufutti, qajeelcha dabalataa isiniif ni kenna.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16