bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 1
Romans 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Tajaajilaa Yesus Kristosii ka ta'e, ergamittumma'aaf ka waamame, wongeela Waaqaa'llee barsiisu'uuf ka filatame, Phaawulosiin irraa ka ergame.
2
Wongeelli kun'llee ka Waaqinni karaa nabiyyootaatiin kitaabban Qulqulluu keessatti durssee ka kenne, dubbii abddi'iiti.
3
Wongeelichi'llee Ilmi Waaqaa karaa nama ta'uutiin fiixaa Daawiitii irraa dhalachuu isaa ka dubbatu,
4
akkuma kana Gooftaan keenna Yesus Kristos hafuura qulqullummaa isaatiin du'aa ka'uu isaatiin Ilma Waaqaa ta'uun isaa, huminna ol aana'aan ni beekame.
5
Waayee maqaa Kristositiif ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka amananii fi akka ajajaman taasisu'uuf karaa isaatiin, kennaa isaa ka bilisaa ka ergamitumma'aaf isaan geessu fudhannee jirra.
6
Isin'llee ka Yesus Kristosii akka taataniif, worra Waaqinni waamee jiddu'uu turttan.
7
Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
8
Maqaan amantii keessan biyya lafaa mara irratti waan dhagayameef, waan maraa durssee karaa Yesus Kristositiin, waayee mara keessaniitiif Waaqa kiyya ni galateeffadha.
9
Yeroo maraa kadhannaa kiyyaan akka isin yaadadhu, wongeela waayee Ilma isaa dubbatu'llee barsiisu'uun, Waaqinni onnee tiyya guutu'uun tajaajilu, ragaa kiyya.
10
Akkuma kana amma muummee irratti gara keessan dhufu'uuf, fedhii Waaqaa ta'ee karaan kiyya akka naa qajeeluuf, yeroo mara ni kadhadha.
11
Amanti'iin akka jabaattan ka isin taasisu kennaa hafuuraa akka isinii qooduuf, isin arguu ni hawwa.
12
Kana'llee jechuun kiyya ani amantii keessaniin, isin'llee amantii kiyyaan, ufii keennaa akka wol jajabaasnuuf.
13
Yaa obboleeyyan tiyya! Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne kaanniin jiddu'utti amanttoota baayi'ee akka argadhe, akkuma kana isin jiddu'utti'llee amanttoota argachu'uuf barbaadee ture, garuu gara keessan dhufu'uuf yeroo baayi'ee karoorfadhee haga ammaa titti naaf ka hin guutin ta'uu isaa akka beekittaniif ni jaaladha.
14
Ka ammayyaayanii fi hin ammayyaayin'llee, ka baratan ta'ee ummata hin baratin ka Giriikii'llee dirqqama barsiisu'uu titu narra jira.
15
Kanaaf isin worra Roomaa jiraattaniif'llee, wongeela isin barsiisu'uuf ni hawwa.
16
Ani dubbii Wongeelaa titti hin saalfadhu, dubbiin wongeelaa jalqaba Yihudota, itti aansee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, akkuma kana namoota amanan maraa fayyisu'uuf ka danda'u, huminna Waaqaati.
17
Naminni qulqullaayomaan amanti'iin jireenna ni argata jedhamee barreeffamee jira, qulqullummaan Waaqaa'llee huji'iin waan muldhateef jalqabaa hanga muumme'ee titti naminni ka qulqullaawomu amanti'iin.
18
Namoonni hammeenna isaaniitiin dhugaan akka hin beekkaminne ni taasisan, Waaqa sodaachuu dhabuu isaaniitii fi waayee hammeenna isaaniitiin'llee, mara irrattuu dheekkamissi Waaqaa sami'ii ni muldhata.
19
Isaan ka adabuuf'llee waayee Waaqaa beekuu waan qaban, Waaqinni mataan isaatuu isaaniif ibisee, ni beekan waan turaniif.
20
Biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee namootatti ka hin muldhanne amalli Waaqaa, kun'llee huminni isaa ka bara baraatii fi Waaqummaan isaa, karaa wonittoota inni uumeetiin ifa ta'ee waan muldhateef, balleessaa namoonni balleessaniif sababa hin qaban.
21
Isaan Waaqa beekaniinii uduu jiran, isaaf akka Waaqummaa isaatiin ulffinnaa fi galata isaa malu hin kennineef, yaada isaaniitiin'llee tasa ni ta'an, onneen isaanii ka hin hubanne'llee ni dukkanaaye.
22
«Nu'u ogeessota» uduu jedhan gowwoota ni ta'an.
23
Bakka Waaqa hin dabrrne kabaju'uu irra dabrraa ka ta'e fakkii ilma namaatiin, sinbiraan, beeyiladoota miila afurii qabaniit, bifa bineensota lafa irra harkifataniitiin fakkii hojjatameef, ulfinna ni kennan.
24
Kanaaf ufii isaaniitii qaama mataa isaanii irratti gochoota saalfachiisaa akka raawwataniif, Waaqinni hawwii isaanii hamaa ka battummaan keessa guuteef, bitamoota akka ta'an isaaniif ni dhiise.
25
Kun'llee ka ta'eef dhugaa Waaqaa sobaan waan jijjiiraniif, bakka Waaqa uumaa ta'ee uumama waan waaqeffatanii fi waan tajaajilaniif, Waaqinni garuu bara baraaf ka galateeffame! Amen.
26
Namoonni sababa kana raawwachuu isaaniitiin Waaqinni waan hin malle hawwii qaanessa'aaf dabarssee isaan ni kenne, dubarttoonni isaanii'llee wol qunnamittii uumamaan baratame dhiisanii, ka hin barataminiin ni jijjiiran.
27
Akkuma kana worri dhiiraa'llee wol qunnamittii saalaa ka baratame dubarttootaan woliin raawwachuu dhiisanii, ufii isaaniitii wolitti kajeellaa sagaagala isaaniitiin ni gubatan, kanaaf dhiironni dhiirotaan woliin waan qaanessaa ni raawwatan, sababa dogoggora isaaniitiin'llee adabbii isaaniin malu foon isaaniitiin ni fudhatan.
28
Namoonni Waaqa beeku'uuf waan hin barbaadiniif waan qaanessaa akka raawwataniif, Waaqinni waan hin fayyadineef sammuu isaan dabarssee ni kenne.
29
Kanaaf balleessa'aan, hammeennaan, dondhumma'aan, dabaan, hinaafumma'aan, lubbuu ajjeefttumma'aan, woldhabaan, sobdumma'aan, hawwii hamaa maraan ka guuttaman, akkuma kana hamattoota,
30
maqaa namaa ka balleessan, Waaqa ka jibban, nama ka salphisan, ufi tuulttota, ufi dhaddota, hameenna raawwachu'uuf toofitaa ka barbaadan, maatii isaaniitii ka hin ajajaminne,
31
ka hin hubanne, woliigalttee ka diigan, jaalala ka hin qabnne, gara jabeeyyi'i.
32
«Wonittoota kanniin ka raawwatan marrinuu, du'atu isaaniin mala» ka jedhu seera Waaqaa uduu beekan, kana maraa ni raawwatan, raawwachuu qofa'llee uduu hin ta'in, namoota'llee akka kana raawwataniif ni jajabeessan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16