bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 6
Romans 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
1
Eegaa maal jenna ree? Kennaan Waaqaa ka bilisaa akka baayi'atuuf cubbu'uun jabaannee haa jiraannuu ree?
2
Miti! nu'u haga waan du'aan fooyamu'uu titti cubbuu irraa ka fooyaminne taanee uduu jirru, attamitti cubbu'uun jabaannee jiraanna ree?
3
Yesus Kristositiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamnne marrinuu, qoodamtoota du'a isaa'llee ta'u'uuf cuuphamuu keenna hin beekittan moo?
4
Cuuphamaan isa woliin yeroo awwaalaminnetti qoodamtoota du'a isaa'llee taanee jirra, kanaaf Kristos ulfinna Waaqa Abba'aatiin du'aa akkuma ka'e, nu'llee jireenna haarawaan ni jiraanna.
5
Du'aan isaatiin isa woliin akkana tokko yoo taane, akkuma kana du'aa ka'iinssaan isaatiin'llee, isa woliin tokko ni taana.
6
Cubbamaan qaaminni keenna akka dhabamuu fi garbroota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuuf, qaaminni keenna moofaan Kristosiin woliin fannifamuu isaa ni beekinna.
7
Naminni du'e cubbu'uuf bitamuu irraa bilisa.
8
Eegaa Kristosiin woliin duunee isaan woliin lubbu'uun akka jiraannu, ni amanna.
9
Kristos sababa du'aa ka'uu isaatiin deebi'ee akka hin duunee fi duuti'llee isa irratti aangoo akka hin qabnne, ni beekinna.
10
Inni yeroo du'etti cubbuun isa irratti aangoo akka hin qabaanneef haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko du'ee jira, amma'llee lubbu'uun yoo jiraatu Waaqaaf ni jiraata.
11
Eegaa isin haga waan du'iinsaa titti cubbuu irraa akka fooyamittaniitii fi karaa Yesus Kristositiin garuu, Waaqaaf lubbu'uun akka jiraattan yaadaa.
12
Kanaaf cubbuun qaama keessan ka du'u irratti aangoo akka qabaatuu fi fedhaaf'llee bitamaa akka isin hin taasfinneef, hin eeyyamina'aafii.
13
Akkuma kana kutaalee qaama keessanii meeshaa hujii hama'aa taasfttanii, cubbu'uuf akka bitamu hin taasisinaa, garuu du'aa kaatanii jiraattota akka taatan taasisu'uun mataa keessan Waaqaaf dhiyeessaa, kutaalee qaama keessan maraa'llee meeshaa qulqullumma'aa taasfittanii, Waaqaaf bitamisiisaa.
14
Isin amma ka jiraattan kennaa Waaqaa ka bilisaatii gadi malee seeraa gadi waan hin ta'iniif, cubbuun isin bituun hin malu.
15
Eegaa maal jenna ree? seeraa gadi ta'uun keenna hafee kennaa bilisaatii gadi waan taaneef, cubbuu haa hojjannu jechu'uu ree? Gonkumaa miti!
16
Nama tokkoof tajaajilttoota taatanii ajajamu'uuf mataa keessan yoo dhiyeesitan, nama ajajamttaniif sanii tajaajilttoota ta'uu keessan ni beekitan, akkuma kana cubbu'uuf yoo ajajamittan du'a cubbuu isin irratti fiduuf tajaajilttoota ni taatan, Waaqaaf yoo ajajamittan garuu qulqullaayoma ni argattan.
17
Isin durssitanii garboota cubbu'uu ni turttan, amma garuu barnnoota fudhattaniif onne'een ajajamuu keessaniin, Waaqaaf galanni haa ta'u.
18
Garbummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii, tajaajilttoota qulqullaawomaa taatanii jirttan.
19
Ani akkana namaaf afaan galuun ka dubbadhu dadhabbinna yaada keessan irraa ka ka'een, durssa kutaawwan qaamota keessan battumma'aa fi tajaajilaa marri hama'aa taasfttanii akkuma dhiyeessitan mara, akkuma kana kutaawwan qaama keessan akka qulqullaayan tajaajilttoota qulqullaayomaa taasisa'aatii dhiyeessa.
20
Garboota cubbu'uu yeroo turttanitti dirqamnni qulqullumma'aa raawwachu'uu isinitti hin dhagayamu ture.
21
Eegaa, yeroo sanitti faayiddaa maal argattan ree? waan amma isin saalfachiisu malee faayiddaa woyiituu hin ariganne, muummeen waan kanaa'llee du'a.
22
Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.
23
Cubbuu irraa gatiin argamu du'a, kennaan Waaqa irraa kennamu garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ka argamu, jireenna bara baraati.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16