bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 3
Romans 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Eegaa Yihudichi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka caaluu maali'iin? Faayiddaan gadoomu'uu hoo maal'i?
2
Dhugamaanuu Yihudicha ta'uun karaa baayi'e'een caalmaya ni qaba, wonitti ijoon Waaqinni dubbii isaa Yihudotaaf yaboo kennuu isaati.
3
Eegaa, Yihudota keessaa tokko tokko amanamoota ta'anii yoo argamuu dhabaatan, amanamoota ta'uu dhabuun isaanii amanammummaa Waaqaa ni hanbbisaa ree?
4
Gonkumaa hin hanbbisu! «Dubbima kee irraa ka ka'een dhugaalessa ni taata, mormmataa kee'llee murti'iin ni injifatta» jedhamee akkuma barreeffame, naminni marrinuu ka dharaa yoo ta'e'llee, Waaqinni dhugaalessa.
5
Garuu cubbuun keenna qulqullummaa Waaqaa ka muldhisu yoo ta'e, eegaa maal jenna ree? Waaqinni waayee cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murtteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu moo? Asi irratti ka dubbadhu akka yaada namaa titti.
6
Gonkumaa miti! akkanaa yoo ta'e ammoo Waaqinni biyya lafaa irratti attamiin murtteessa?
7
Garuu ka dharaa ta'uun kiyya dhugaa Waaqaa ibssu'uun, baayi'inna ulfinna isaa ka muldhisu yoo ta'e eegaa, ana irratti akka cubbama'aa titti ka murtteeffamu maali'iitiif ree?
8
Namoonni tokko tokko «Waan mishaa akka argannuuf waan hamaa haa raawwanuu» jedha'aa waan barsiisuu fakkeesanii ana ni himatan, kanaaf worra akkana jiran irratti murttiin murtteeffamu, ka sirri'iiti.
9
Eegaa, nu'u Yihudonni Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni caalla jechu'uu moo? gonkumaa miti! Namoonni marrinuu Yihudota ta'anii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, cubbamoota ta'uu isaanii durssee hubachiisee jira.
10
Akkan jedhamee akkuma barreeffame, «Tokko'llee naminni qulqullaayomaan hin jiru, tokkoo hin jiru,
11
hubataan'llee'llee hin jiru, Waaqa ka barbaadu tokko'llee hin jiru.
12
Marrinuu karaa isaaniitii bayanii jiran, tokkumma'aan ta'anii dogoggoranii jiran. Hujii mishaa ka hojjatu naminni tokko'llee hin jiru.
13
Nama ka miidhu dubbii badaa dubbachu'uuf, afaan isaanii akka awwaalaa titti ka baname, haasofnni afaan isaanii'llee akka summii bofaa titti, ka miidhu,
14
afaan isaanii'llee abaarssaa fi hadhaayummaan, itti guutee jira.
15
Miilli isaanii nama ajjeesu'uuf ka dadafe,
16
karaa isaanii titti ka argamu, balleessa'aa fi hiyyumma'a.
17
Karaa nagayaa hin beekan,
18
Waaqa gonkumaa hin sodaatan.»
19
Ajajinni seeraa ka laalu worra seera jala jiran akka ta'e ni beekinna, waayee kanaan'llee namoonni waan itti sababatan dhabanii ni caldhisan, biyyi lafaa marri'llee murtii Waaqaa jala ni ta'a.
20
Kanaaf naminni kumi'llee Waaqa duranatti seera raawwachu'uun hin qulqullaayomu, seerri ka muldhisu naminni marrinuu cubbamaa ta'uu isaati.
21
Amma garuu karaan Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssuun seera malee ta'uun muldhatee jira, kun'llee seera Muse'eetii fi nabiyyootaan ragaan bayamee jira.
22
Kanaaf Waaqinni daloo woyiituu uduu hin taasisin, Yesus Kristostti worra amanan maraaf, qulqullaawoma ni kenna.
23
Namoonni marrinuu cubbuu hojjatanii jiran, ulfinna Waaqinni isaanii kenne'llee dhabanii jiran.
24
Kanaaf namoonni hujii Yesus Kristos raawwateen hujii fayyisumma'aa, kennaa Waaqaa ka bilisaa qofaan ni qulqullaawan.
25
Waaqinni Yesus Kristosiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen worri isatti amanan marrinuu dhiiga isaatiin dhiifama cubbu'uu isaanii akka argataniif, Waaqinni kana raawwachuun obissa isaatiin cubbuu isaa ka duraanii akka waan hin jirree taasisu'uun, murttii mataa isaa qajeelaa muldhisu'uuf.
26
Bara ammaa titti'llee Waaqinni mataan isaatuu qulqullaawomaa ta'uu isaa ka muldhisu, worra Yesusitti amanan maraa qulqullaawomssu'uun.
27
Eegaa wonitti ittiin dhaadannu maalttu jira? Womaanuu hin dhaadannu! Waayeen hin dhaadanneef hoo maal'i? Waan seera raawwanuufii moo? miti, garuu amanti'iin.
28
Kanaaf Waaqinni nama ka qulqullaayomssu, naminni hujii seeraa waan raawwateef uduu hin ta'in, amanti'iin ta'uu isaa ni hubanna.
29
Yookiin Waaqinni Waaqa Yihudotaa qofa ree? Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii mitii ree? Dhugamaan Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetile'e.
30
Waaqinni tokko, Yihudotaaf'llee ta'ee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef'llee, amanti'iin ka qulqullaawomssu isa.
31
Eegaa waayee amanti'iitiin seera ni diiginna jechu'uu ree? Miti, gonkumaa seera jabeessinee ni qabanna.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16