bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 9
Romans 9
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Kristosiin dhugaa ni dubbadha, hin sobu'lle'e, sammuun kiyya ka Hafuura Qulqullu'uun eemaramu'llee, akka ani hin sobinne naaf ragaa ni baya.
2
Gaddi gudda'aa fi sarddaminni addaan hin cinne'llee, onnee tiyya keessa ni jira.
3
Waayee namoota fooniin worra kiyya ta'aniitiif jecha, ani Kristosiin irraa fooyamee abaarssi Waaqaa uduu narra gaayee, ni jaaladha ture.
4
Isaan Israa'eeloota, Waaqinni'llee isaan ijoollee isaa ni taasise, ulfinna isaa isaaniif ni ibise, waadaa'llee isaaniif ni aseene, seera isaaniif ni kenne, seera Waaqeffannaa dhuga'aa'llee isaanitti ni muldhise, dubbii abddi'ii'llee isaaniif ni kenne.
5
Isaan dhaloota isaaniitiin abbootii gosaa irraa ka dhufan, Kristos'llee fooniin ka dhufe fiixaa isaanii irraayyi, inni ka maraayyuu oliiti, bara baraaf'llee Waaqa eebbifame, Ameen.
6
Haa ta'u malee dubbiin Waaqaa diigamee jira jechu'uu miti, fiixaan Israa'eelii marrinuu Israa'eeloota dhuga'aatii miti.
7
Akkuma kana fiixaan Abrahaamii marri'llee ijoollee Abrahaamiiti jechu'uu miti. Waaqinni Abrahaamiin, «Fiixaan kee ka siif bayu Yisihaaqiin» waan isaan jedheef.
8
Kanaaf fooniin worri dhalatan ijoollee Waaqaatii miti, garuu fiixaa ta'anii ka isaaf laakkayaman, ijoollee dubbii abddi'ii qofa.
9
Dubbiin abddi'ii ka Waaqinni kenne kun'llee, «Woggaa adhaa yeroo kanatti ni dhufa, Saaraan'llee ilma dhiiraa ni deetti» ka jedhu ture.
10
Kana qofa'llee uduu hin ta'in Ribqaan abbaa gosa teennaa ka'e Yishaaqiin irraa ijoollee lakkuu yeroo ulfoofttetti,
11
filannoon Waaqaa huji'iin uduu hin ta'in waamichaan ta'uu isaa ibisu'uuf, ijoolleen lamaan dhalachuu isaaniitii fi hamaa ta'ee mishaa raawwachuu isaaniitiin duranatti,
12
Waaqinni Ribqa'aan, «Hangafnni maandha'aaf bitamaa ni ta'a» jedheen.
13
Kun'llee, «Yaaqoobiin ni jaaladhe Esaawuuniin garuu ni jibbe» jedhamee, akkuma barreeffame.
14
Eegaa maal jenna ree? Waaqinni ni dala jechu'uuf ni dandeenna ree? Waaqinni ni dala jechu'uuf gonkumaa hin danddeennu!
15
Waaqinni Muse'een, «Ka dhiifama isaa taasisuu barbaaddeef ni dhiifama ni taasisaaf, ka gara laafu'uufii ka barbaadee'llee garaa ni laafaaf» jedheenii jira.
16
Kanaaf filannoon Waaqaa ka argamu fedhii namaatii fi hujii namaatiin uduu hin ta'in, dhiifama Waaqaatiin.
17
Sababa kanaan kitaaba qulquluu keessatti waayee nugusa Gibxii, «Si'iin huminnaa kiyya muldhisu'uu fi maqaan kiyya'llee arddii mara irratti akka beekamu taasisu'uuf, si mootomssee jira» dubbiin jedhu, barreeffamee jira.
18
Kanaaf Waaqinni ka barbaadu ni qorataan, ka barbaade'llee morkkataa ni taasisaan.
19
Kanaaf, «Fedhii Waaqaa mormmuu eennu'llee hin danda'u, eegaa, inni namoota hujii hamaa isaaniitiin maali'iif isaan gilndisa?» jettee, ana ni gaafatta ta'a.
20
Ati yaa nama! Waaqaan woliin wol mormmu'uuf mirga maal qabdda? Meeshaan faaraa hojjataa isaatiin, «Maali'iif akkana taasfittee ana hojjatte?» jechu'uuniif, ni danda'aa ree?
21
Faara hojjataan dhoqqee faaraa bifa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, ka bira'aa ammoo tajaajila salpha'aaf akka oolu taasisee hojjachu'uuf, aangoo hin qabuu moo?
22
Waaqinni dheekkamissa isaa muldhisu'uu fi huminna isaa'llee argisiisu'uuf barbaadee, ballesa'aaf ka qophaayan meeshaa dallansu'uu, baayi'ee isaanii obissee yoo jiraate maal beekkita?
23
Kana'llee ka raawwate durssee ulfinnaaf ka isaan qopheesse, meeshaawwan dhiifamaatiif, baayi'inna ulfinna isaa muldhisu'uuf.
24
Nu'u meeshaa isaa ka dhiifamaa'llee Yihudota qofa irraa uduu hin ta'in, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne keessaa'llee nu waamee jira.
25
Kun'llee nabiyyicha Hoose'ii akkuma jedhame, «Ummata kiyya ka hin turin, ‹ummata kiyya!› jedhee, ni waamaan, ummata hin jaalatamin'llee, ‹ka jaalatame› jedhee, ni waamaan,
26
isaan, ‹ummata kiyyaa miti› bakka jedhamantti, ‹ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanii, ni waamaman.»
27
Isaayaas'llee akkana jechu'uun waayee Israa'eelii qoonqqa isaa ol fudhatee ni dubbata, «Laakkofssi ijoollee Israa'eelii akka cirracha garba ciisa'aa titti yoma baayi'ate'llee, isaan keessaa ka fayyan muraasonni qofa.
28
Gooftaan uduu hin turin dadafaan biyya lafaa irratti, murtii ni kenna.»
29
Akkuma kanaan Isaayaas, «Gooftaan hooma'aa fiixaa nuuf hanbbisuu uduu dhabaateetii, magaalonni Sodoomiitii fi Gamora'aa akkuma badan, nu'llee ni banna ture» jechu'uun, durssee dubbatee jira.
30
Eegaa maal jenna? Qulqullaawoma ka hin horddofin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne qulqullaawoma ni argatan, qulqullaawomnni kun'llee ka amantii irraa argamu.
31
Garuu seera qulqullaawomnni argamisiisu Israa'eeloonni ni horddofan turan, seera raawwachuu dadhabuu isaaniitiin, gara qulqullaayomssaa hin geenne.
32
«Waayee maali'iitiif gara qulqullaawoma hin gayin?» yoo jedhame, isaan qulqullmmaa argachu'uuf ka barbaadan amanti'iin uduu hin ta'in huji'iin waan ta'eef, kanaaf dhagaa gufanna'aatii ni gufatan.
33
Kana'llee, «Kunoo, dhagaa namoota gufachiisu Xiyoon ni kaaya, dhagaan kun'llee namoota gufachiisu'uun, siidaa dhaga'aa ka kuffissu, ka isatti amanu garuu, hin saalfatu» jedhamee, akkuma barreeffame.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16