bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 12
Romans 12
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
1
Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.
2
Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa.
3
Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima.
4
Qaama keenna tokko irra kutaalee baayi'eetu jira, tokkoon tokkoon kutaallee qaamaa'llee, hujii addaa ni qaba.
5
Akkuma kana nu baayi'eewwan taanee uduma jirru Kristosiin qaama tokko, kutaalee qaama tokkoo akka ta'uu keennaatiin'llee, ufii keennaa wolitti maraaramnnee jirra.
6
Kanaaf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin ka nuuf kenne, kennaa adda addaa hujii irra haa oolichinuu, kennaan teenna dubbii Waaqaa labissuu yoo ta'e haga amantii keennaatiin, dubbii Waaqaa haa labissinuu.
7
Kennaan teenna kaanniin tajaajiluu yoo ta'e, jabaatiinssaan haa tajaajilluu, kennaan teenna barsiisuu yoo ta'e, akka ta'utti haa barsiifinnu.
8
Kennaan teenna gorssuu yoo ta'e haa gorssinuu, kennaan teenna arjjoomuu yoo ta'e onne'een haa arjjoomnnuu, kennaan teenna bulchuu yoo ta'e, jabeennaan haa bulchinuu, kennaan teenna garaa laafnna yoo ta'e, kanuma gammachu'uun haa raawwannuu.
9
Fakkeessitummaa ka hin qabnne jaalala dhuga'aa qabaadhaa, waan hamaa jibbaa, waan mishaa horddofaa.
10
Ufii keessan jaalala obboleeyyumma'aatiin wol jaaladhaa, ufii keessanii'llee wol kabaju'uuf wol dorgomaa,
11
uduu hin dadhabin hafuura oo'e horddofu'uun Gooftaa tajaajilaa.
12
Abddi'iin gammadaa, yeroo rakkinnaa titti obissaa, yeroo maraa kadhadhaa.
13
Amanttoota obboleeyyan ta'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaraa, keessumumma'aan worra dhufan'llee ufitti fudhadhaa.
14
Worra isin ari'an'llee eebbissaa, eebbisaa malee isaan hin abaarnaa.
15
Worra gammadan woliin gammadaa, ka booyan woliin'llee booyaa.
16
Ufii keessan yaada tokkoon wolii gala'aa jiraadhaa, mataa keessan ol qabuu irra ufi tuulummaa dhabamissiisa'aatii hiyyeessotaan woliin tokkumma'aan jiraadhaa, ufii keessan beekittota ufiin hin jedhinaa.
17
Nama mara duranatti waan mishaa ta'e raawwadhaa malee, namoonni waan hamaa yoo isin irratti raawwatan, isin'llee deebifittanii waan hamaa isaan irratti hin raawwatinaa.
18
Ka danddeettan yoo taate nama mara woliinuu nagayaan jiraachu'uuf, gara keessaniin'llee waan isin barbaachisu maraa raawwadhaa.
19
Yaa obboleeyyan! Dallanissuu Waaqaaf dhiisaa malee, ufii keessan gadoo hin bayinaa, «Ka haloo bayuu fi gatii haloo'llee ka kafalu ana, jedha Gooftaan Waaqinni» jedhamee, barreeffamee jira.
20
Waayee kanaa fudhachuu irra diinni kee yoo beelaye nyaachisiin, yoo dheebote'llee obaasiin, kana yoo raawwatte ibidda saalfi'iitiin ni gubddaan.
21
Kanaaf waan hamaa waan misha'aan injifadhu malee, waan hama'aan hin injifatamin.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16