bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 16
Romans 16
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Feebeen woldaya amanti'ii magaalaa Keenkiryaa titti ta tajaajilttu, obboleettii teenna amanamittuu ta'uu isi'ii, akka beekittan ni jaaladha.
2
Isiin anaa fi kaanniin'llee namoota baayi'ee ta gargaaritte waan taateef, amanittoota keessummoota ufitti fudhachuun akka bifa isin irra jiruu titti, maqaa Goofta'aatiin waan isaan barbaachisu maraanuu, akka isii gargaarttaniif yaboo ni jedha.
3
Hujii Yesus Kristositiin hirmmaattota kiyya ta'uuf Phrisqiila'aa fi Aqiilaa, nagaya naa dhiyeessaa.
4
Isaan bakka kiyyaaf du'umaaf'llee ka qophaayan ni turan, kanaan'llee yeroo maraa isaan ni galateeffadha, ana qofa uduu hin ta'in ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gara kristaanumma'aa amanttoonni deebi'an'llee dabalataan, isin ni galateeffatan.
5
Amanittoota mana isaanii titti wolitti qabamaniif'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Kutaa konyaa biyya Asiya'aa titti jalqaba Kristostti ka amanee ka jaaladhu Epheenexoostti, nagaya naa dhiyeessaa.
6
Isiniif'llee baayi'ee ka dadhabidde, Maariyaamtti'llee, nagaya naa dhiyeessaafii.
7
Ana woliin hidhamanii worra turanii fi ergamittoota jiddu'utti'llee firoota kiyya Yihudota beekkamittoota turaniif, Anronikosii fi Yuniyaasiif nagaya naa dhiyeessaa, isaan Kristostti amanu'uun ana durssa.
8
Goofta'aan ka isa jaaladhu Amphiliiyaaxosiif'llee nagaya kiyya naa dhiyeessaa.
9
Hujii Kristositiin hirmmaataa keenna ka ta'e, Urbaanoosii fi Isxaakisii jaaladhuuf'llee, nagaya naa dhiyeessaa.
10
Kristosiin ta'uu isaa qormaatamee ka ragaayeef Aphelesiif nagaya naa dhiyeessaa, maatii Arisxobuloosii worra ta'aniif'llee, nagaya naaf dhiyeessaa.
11
Fira kiyya ka Yihudicha ta'e Heerodiyoniif'llee nagaya naa dhiyeessaa, maatii Naarksosii keessaa Goofta'atti worra amananiif'llee nagaya naa dhiyeessaa.
12
Tajaajila Goofta'aatiin worra dadhaban Truufaayinne'ee fi Truufosaaf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Tajaajila Goofta'aatiin haalaan ta dadhabiddee fi ta Kristosiin jaaladhuun, Pharsiisiif nagaya naa dhiyeessa.
13
Gooftaa tajaajilu'uun haalaan ka beekkame Ruufoosiif'llee nagaya naa dhiyeessi, ana akka finna isi'ii titti ana jaalatti ta turtte, haadha isaatiif'llee nagaya naa dhiyeessaa.
14
Asinkriixosii fi Fileegoon, Hermeesiif'llee, Phaaxrobaasiif, obboleeyyan isaan woliin jiraniif'llee, nagaya naa dhiyeessaa.
15
Filologoosiif, Yuliya'aaf, Neryoosii fi obboleettii isaati'iitiif'llee nagaya naa dhiyeessaa, akkuma kana olimphaasii fi amanittoota isaan woliin jiran maraaf, nagaya naa dhiyeessaa.
16
Akkaataa wol dhungoo Qulqullaawome qabuun nagaya wol gaafadhaa. Woldeenni Kirstosii ka amanti'ii marrinuu nagaya isaaniif ni dhiyeessan.
17
Yaa obboleeyyan! barsiisa fudhattaniif Mormmitoota ta'uun jidduu keessantti, garagar qoodamu'uu fi rakkinna namoota fidan irraa ufi eeggadhaa, isaan irraa'llee fagaadhaa!
18
Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban.
19
Dubbii Wongeelaatiif ajajamittoota ta'uun keessan namoota mara birattuu waan beekkameef gammade'llee, garuu waan misha'aaf ogeessota, waan hama'aaf garuu gara laafeyyii akka taataniif ni barbaada.
20
Kana yoo raawwattan Waaqinni nagayaa dadafee sheexana miila keessan jalatti, isiniif ni cacabssa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.
21
Hirmmaataan hujii kiyyaa Ximotewos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, akkuma kana Yihudonni firoota kiyya ka ta'an, Luuqiyoosii fi Iyaason, Sosiiphaaxrosin'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan.
22
Ergaa kana ka barreesse ani Xerxiwos'llee Goofta'aan, nagaya isiniif ni dhiyeessa.
23
Anaa fi woldaya amanti'ii ka asi jiru maraa ka keessummeessu Gaayos nagaya isinii ni dhiyeessa, qarshii qabaa magaalatti'ii ka ta'e Erasxos, obboleessi keenna Qaarxoos'llee, nagaya isinii ni dhiyeessa.
24
Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin mara woliin haa ta'u. Ameen.
25
Dubbii gammachu'uu ka ani lallabuun ergaan waayee Yesus Kristositiif dabarffamuu fi bara duriitii jalaqabee dhokatee ka ture, amma garuu ka muldhate karaa dhossaa dhuga'aatiin, inni amantii keessaniin akka dhaabattan isin taasisu'uuf ni danda'a.
26
Amma garuu dhugaan kun muldhatee jira, ajaja Waaqeffannaa bara baraatiin marrinuu amananii akka ajajamaniif karaa kitaabban nabiyyootaatiin, ummattoonni marrinuu akka isa beekaniin taasfamanii jira.
27
Inni qoftti ogummaa ka qabu Waaqa tokkoof, Yesus Kristosiin bara baraaf galanni haa ta'u! Ameen.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16