bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 10
Romans 10
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
1
Yaa obboleeyyan! Onnee kiyya keessa ka jiru hawwii ol aana'aa fi kadhannaan gara Waaqaa dhiyeessu, Israa'eeloonni akka fayyaniif.
2
Qajeelatti beekkomissa ta'uu dhabuu isaati malee, isaan Waaqaaf hinaaffaa hafuuraa akka qaban, ani mataa kiyyaa raagaa ni baya.
3
Karaa Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssu beekuu dhabuu isaaniitiin, karaa isaanii ka qulqullaawomaa ni horddofan malee, qulqullummaa Waaqaa hin horddofinne.
4
Naminni marrinuu amanti'iin akka qulqullaayomuuf, seerri Kristosiin raawwatamee jira.
5
Seera horddofu'uun waayee qulqullaawoma arigamuutiif Museen ka barreesse, «Seera ka raawwatu marrinuu lubbu'uun ni jiraata» ka jedhu.
6
Waaqinni namoota amanti'iin waayee isaan qulqullaawomssu garuu, akkana jedhamee barreeffamee jira, «Onnee kee titti gara sami'ii eennutu baya?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin buusu'uuf,
7
yookiin onnee kee titti, «Gara siioolii titti eennutu bu'a?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin du'aa kaasu'uuf.
8
Akkuma kana akkana jedhamee barreeffamee jira, «Dubbiin Waaqaa si bira ni jira, gonkumaa afaan keetii fi onnee tee keessa ni jira» Dubbiin kun'llee, ka nu'u lallabunnu dubbii amanti'iiti.
9
Yesus Gooftaa ta'uu isaa afaan keetiin yoo ragaa baatee fi Waaqinni du'aa akka isa kaase'llee, onnee tee titti yoo amanitte, ni fayyita.
10
Naminni onnee isaa titti yoo amane ni qulqullwoma, afaaniin isaatiin'llee ragaa yoo baye ni fayya.
11
Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, «Ka isatti amanu marrinuu hin saalfatu.»
12
Eegaa Gooftaan tokkochi Gooftaa maraa waan ta'eef Yihudichaa fi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jidduu garaa garummaan woyiituu hin jiru, inni'llee worra isa kadhatan maraaf, eebba isaa baayi'essee ni kenna,
13
«Ka Maqaa Goofta'aa waamu marrinuu ni fayya» jedhamee jiraatii.
14
Garuu uduu itti hin amanin attamitti isa waamu'uuniif danda'an? Waayee isaa'llee uduu hin dhagayin, attamitti amanan? Barsiisaa male'llee ammo attamitti dhagayuu danda'an?
15
Barsiisonni yoo hin ergamin hoo attamitti dubbii isaa barsiisu'uuf danda'an ree? Kun'llee, «Lallabddoonni oduu Gammachu'uu dhufuun isaanii, attam nama gammachiisaa!» jedhamee akkuma barreeffame.
16
Garuu Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Dubbii dubbanne eennutu nurraa fuudhe?» jedhee akkuma dubbatetti, marrinuu dubbii gammachu'uu hin fudhanne.
17
Kanaaf, amantiin ka argamu dubbii gammachu'uu dhagayu'uun, dubbiin gammachu'uu'llee ka argamu, waayee Kristosii barsiisaa dubbatu irraayyi.
18
Mee si haa gaafadhuu, eegasuu dubbii isaa hin dhageenne jechu'u ree? Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Qooniqqi isaanii arddii mara irratti ni dhagayame, dubbiin isaanii'llee haga daangaa arddi'ii ni gaye» jedhamee akkuma barreeffame, dhugamaanuu dhagayanii jiran.
19
Akkuma kana Israa'eeloonni dubbii isaa hin beekinne, jechu'uu moo? Kun ammoo akka hin jedhamnneef Museen durssee, «Ummata tufatameen hinaafsisee, isin ni dallanisiise, ummata hin hubanneen'llee, isaan ni dallanisiisa» jedhee jira.
20
Isaayaas'llee, «Worra ana hin barbaadiniif ni argame, ‹Waaqinni eessa jira?› jedhanii worra ana hin gaafatanitti'llee, ni muldhadhe» jechu'uun, uggee dubbatee jira.
21
Waayee Israa'eelootaa garuu, «Ka hin ajajaminnee fi ummanni hamaaleyyiin gara kiyya akka dhufuuf, guyyaa guutuu harka kiyya ni hiixadheef» jedha.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16