bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 2
Romans 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Nama bira'aa irratti ka murtteessitu ati mataa keetii waan itti sababattu ka hin qabddu, nama bira'aa irratti yoo murtteessitu, mataa kee irratti ni murtteessita, ati nama bira'aa irratti murtteessa'aa, waan naminni itti murtteessite sun raawwatu ni raawwatta.
2
Namoota kana raawwatan irratti Waaqinni waan isaaniin malu, akka isaanitti murtteessu ni beekinna.
3
Nama nana! Namoota akkana raawwatan irratti murtteessa'aa, waan isaan raawwatan yoo raawwattu, murtii Waaqaa jalaa waan baatu sitti ni fakkaata ree?
4
Yookiin mishumma'aa fi danda'iinsa Waaqaa baayi'inna obissaa ta'uu isaa'llee ni tuffatta ree? Waaqinni mishummaa isaa ka si baayi'ise si gara dhiifama Waaqaa titti eemaru'uuf akka ta'e, hin beekittuu ree?
5
Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta.
6
Waaqinni tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ni kennaaf.
7
Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.
8
Faayiiddaa ufii worra barbaadan, dhuga'aaf worra hin ajajaminne, worra jeeqamaa fi marri dabaa adeemisisan irratti garuu, dheekkamissi Waaqaatii fi balaan isaanitti ni dhufa.
9
Jalqaba Yihuudotatti, itti aanssee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti hammeenna namoota raawwatan mara irrattuu, rakkinnaa fi sarddamnni isaanitti ni dhufa.
10
Garuu waan mishaa namoota raawwatan maraaf, Yihudotaa fi ta'ee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef'llee, galataa fi ulfinna nageenni'llee isaaniif ni kennama.
11
Waaqinni namoota jiddu'utti hin dalu.
12
Seera uduu hin qabaatin cubbuu ka hojjatan marrinuu, seericha qabaachuu yoo dhabaatan'llee ni badan, seera uduu qaban cubbuu worri hojjatan marri garuu, seerichaan isaanitti ni murtteeffama.
13
Waaqa duranatti ka qulqullaayan seericha dhagayanii hujii irra worra oolichan malee, seericha dhagayanii hujii irra worra hin oolichinee miti.
14
Seera ka hin qabnne Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, umamuma isaaniitiin waan seerri ajaju ni raawwatan, sababa kanaan'llee seera qabaachuu yoo dhabaatan'llee seera mataa isaanii ka uumamaa waan qabaniif, raawwachuu waan qaban ni beekan.
15
Haalli isaanii kun'llee wonitti seerri isaan ajaju marrinuu onnee isaanii titti ka barreeffame ta'uu isaa ni muldhisa, akkuma kana sammuun isaanii'llee isaanitti ragaa ni baya, sammuun isaanii yeroo tokko tokko isaan ni himata, yeroo tokko tokko'llee isaan ni irkisa.
16
Kun'llee ka ta'u akkaataa wongeela ani lallabuun Waaqinni karaa Yesus Kristositiin, hujii namoonni hojjatan ka dhossa'aa irratti, guyyaa murtteessutti.
17
Kunoo ati, «Ani Yihudicha» ni jetta, seeratti ni irkatta, ka Waaqaa ta'uu keetiin'llee ni dhaadatta.
18
Ati fedhii Waaqaa ni beekitta, seera'llee waan baratteef waan mishaa raawwachuu ni beekitta.
19
Ati «Ani eemaraa jaamotaati, worra dukkana keessa jiraniif'llee ifale'e,
20
worra hin baratin ni leenjisa, daa'imman ni barsiisa» ni jetta. Akkuma kana, «Seeraan malikata beekkomisaa fi dhuga'aa ni qaba» jetta.
21
Kanniin ka barsiifittu yoo taatu, eegaa mataa kee maali'iif hin barsiifinne? Hin hatnaa jetta, ati garuu ni hatta,
22
hin sagaagalinaa jetta, ati garuu ni sagaagalitta, ati waaqolee harkaan hojjataman ni jibbita, mana isaanii ka waaqeffanna'aa garuu ni saamitta.
23
Ati seera Waaqaatiin ni dhaadatta, garuu seericha diigu'uun Waaqa ni tuffatta.
24
Kun'llee, «Isin sababa Yihudotaatiin maqaan Waaqaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne biratti ni arrabsama» jedhamee, akkuma barreeffame.
25
Gadoomuun dhugamaan ka si fayyadu seera yoo raawwatte, seera ka diigiddu yoo ta'e garuu gadoomuun kee akka waan hin gadoominii titti ni lakkaayama.
26
Kanaaf ka hin gadoomin worri gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ajaja seeraa ka raawwatu yoo ta'e, gadoomuu dhabuun isaa akka waan gadoomee titti isaa ni laakkayaamaafii mitii ree?
27
Ati seera barreeffamee uduu qabdduu fi ka gadoomittee jirttu'llee taatee seera yoo diigidde, fooniin ka hin gadoome ta'ee seera ka raawwatu, ka gara worra Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee sirratti, ni murtteessa.
28
Eegaa maqama qofaan Yihudicha ka ta'e Yihudicha dhuga'aatii miti, akkuma kana duubanaan ka muldhatu gadoominni foonii, gadoominna dhuga'aatii miti.
29
Yihudichi dhuga'aa ka keessa isaa Yihudicha ta'e, Gadoominni dhuga'aa ka Hafuura Waaqaatiin ka ta'u gadooma onne'ee ka dhuga'aatii malee, akkaataa seeraan barreeffameetiin, gadooma fooniitii miti. Naminni akkanaa kun'llee galata ka fudhatu Waaqa irraayyi malee, nama irraayyii miti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16