bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 7
Romans 7
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Yaa obboleeyyan! Kana hin beekittan ree? Ka dubbadhu namoota seera beekaniif, seerri nama irratti aangoo ka qabaatu haguma naminni lubbu'uun, jiru qofaaf.
2
Fakkeennaaf dubarttiin heerumtte abbaan worraa isi'ii lubbu'uun haga jirutti, isaan woliin seeraan ta hidhamtte, abbaan worraa isi'ii yoo du'e garuu, seera ittiin hidhamtte irraa isiin bilisa.
3
Kanaaf abbaan worraa isi'ii lubbu'uun uduu jiru dhiira bira'aa titti yoo heerumtte, sagaagalttuu ni jedhamtti. Abbaan worraa isi'ii yoo du'e garuu seera isa woliin ittiin hidhamtte irraa bilisa ni baati, dhiira bira'aa titti yoo heerumtte'llee sagaagalttu'uu miti.
4
Yaa obboleeyyan haalli keessan'llee akkanuma, isin kutaa qaama Kristosii waan taataniif haga waan du'a irraa fooyamu'uu titti seera irraa fooyamittanii jirttan, kanaaf tajaajila Waaqaatiif firii akka daraarruuf worra Kirstosii du'aa ka'ee taatanii jirttan.
5
Fedhii fooniitiin ni dedeebina yeroo turretti seeraan ka kaka'u hawwiin hamaan du'aaf firii akka daraarru, kutaawwan qaama keennaa keessatti ni hojjata ture.
6
Amma garuu seera nu hidhee ka ture san irraa haga fooyamu'uu titti waan fooyaminneef hidhamiinssa seeraa jalaa bilisa baanee jirra, kanaaf ammaa achitti ka tajaajillu qajeelffama hafuura haarawaatiin malee, durssee ka barreeffameen qajeelffama seera moofa'aatiinii miti.
7
Eegaa maal jenna ree? Seerri mataan isaatuu cubbu'uu ree? Miti! Garuu cubbuun maal ta'uu isaa akka beeku ka ana taasise seera. Seerri, «Hin hawwin!» uduu jechuu dhabaateetii, hawwiin maal akka ture ni beeku ture.
8
Cubbuun ajaja seera irraa dhufeen carraa argatee, hawwii marrinuu ana keessatti akka kakaafamuuf ni taasise. Seerri yoo hin jiraatin garuu cubbuun waan du'e.
9
Duraan seerri yeroo hin jirretti ani lubbu'uun ni jiraadha ture, ajajinni seeraa yeroo dhufetti garuu, ani du'ee cubbuun jireenna ni argate.
10
Jireennaaf'llee ka kenname ajajinni seeraa, ana irratti du'a ni fide.
11
Cubbuun ajaja seeraa sababa taasisee ana ni sobe, karaa ajajatiin'llee ana ni ajjeese.
12
Kanaaf seerri Qulqullu'u, ajajinni'llee Qulqullu'uu fi sirri'i, misha'lle'e.
13
Eegaa wonitti mishaa ta'e kun, ana irratti du'a ni fide jechu'uu ree? Miti! garuu cubbuun cubbuu ta'ee akka muldhatuuf karaa waan misha'aatiin du'a natti ni fide, kanaaf cubbuun karaa ajajaatiin caala'atti cubbamaa ni ta'e.
14
Seerri hafuurawaa ta'uu isaa ni beekinna. Ani garuu garbcha cubbu'uu ta'u'uuf ka gurgurame, nama fooniiti.
15
Ani waan raawwadhu hin beeku, waan jaaladhu raawwachuu dhiisee, waan jibbu ni raawwadha.
16
Eegaa ani ka raawwadhu waan hin barbaanne yoo ta'e, seerri mishaa akka ta'e ragaa ni baya.
17
Raawwachuu waan hin barbaanne ka raawwatu cubbuu ana keessa jiru malee, anaa miti.
18
Ana keessa yookiin amala foonayaa anaa keessa wonitti mishaan woyiituu akka hin jirre ni beeka, waan mishaa raawwachu'uu fedhii yoma qabaadhe'llee, waan mishaa raawwachu'uuf danddeettii hin qabu.
19
Raawwachu'uuf ka barbaadu waan mishaa hin raawwadhu, garuu ammoo waan hamaa hin barbaanne, ni raawwadha.
20
Waan hamaa raawwachu'uuf hin barbaannee ka raawwadhu yoo ta'e, kana ka raawwatu cubbuu ana keessa jiru malee, anaa miti jechu'u.
21
Kanaaf seerri hujii irra oolee ni arga, waan mishaa raawwachuu yoo barbaadu, waan hamaa raawwachu'uuf ni dirqama.
22
Keessi qaama kiyyaa seera Waaqaatiin ni gammada.
23
Haa ta'u malee seera sammuu kiyyaatiin wolitti bu'a'aa kutaawwan qaama kiyyaa keessatti ka hojjatu seera cubbu'uutiif hidhamaa ka ana taasisu, ka bira'aa laalchi fedhii uumamaa kutaawwan qaama kiyya ka uumamaa keessa akka jiran ni arga.
24
Ani'llee nama dadhabaa attamiitii! Qaama kiyya du'aa kana jalaa'llee eennutu ana baasa?
25
Karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, ka ana fayyisu, Waaqaaf galanni haa ta'u! Eegaa ani sammuu kiyyatti, seera Waaqaatiif bitamaa yoo ta'u, amala kiyya ka fooniitiin seera cubbu'uutiif, bitamaa ta'ee jira.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16