bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 15
Romans 15
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Nu'u amanti'iin cicimoo ka taane, dadhabbii dadhabiddootaa baadhachuu ni qabnna malee, mataa keenna qofa worra gamachiifnnu ta'uu hin qabnnu,
2
tokkoon tokkoon keennaa naminni bira'aa amantii isaatiin akka jabaatuuf waan isa fayyaduu fi isa gammachiisu, haa raawwannuu.
3
Kristos mataa isaa hin gammachiifinne, gonkumaa, «Arrabnni namoonni si ittiin arrabissan ana irratti ni bu'e» ka jedhu, jechi kitaabban Qulqullu'uu isa irra ni gaye.
4
Kitaabban qulqulluuwwan irraa obissaa fi jajabeenna argannuun, abddii akka qabaannuuf, barsiisommi durssanii barreeffaman marrinuu, barnnootaaf akka ta'an barreeffamanii jiran.
5
Waaqinni obissaa fi jajabeennaa ufii keessan, fakkeenna Yesus Kristosii horddofu'uun, tokkummaa woliin jiraachu'uu isiniif haa kennu.
6
Akkuma kana Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni, onnee tokkoo fi jecha tokkoon akka isa kabajitaniin, isin haa taasisu.
7
Kristos ulfinna Waaqaatiif isin akkuma ufitti fudhate, isin marri'llee tokko ka bira'aa, gammachu'uun ufitti haa fudhatuun.
8
Kana'llee yoo dubbadhu Waaqinni abbootii durssaniif abddii kenne akka raawwatuu fi dhugaa ta'uun Waaqaa'llee akka beekkamuuf, Kristos tajaajilaa Yihudotaa ni ta'e jechu'uu kiyya.
9
Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee, «Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha, maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa» jedhamee, akkuma barreeffame.
10
Dabalee'llee, «Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, ummata Waaqaa woliin gammadaa!» jedhamee, barreeffamee jira.
11
Deebi'ee'llee, «Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu! Gooftaa galateeffadhaa, ummatoonni marrinuu isa galateeffadhaa!» jedhamee, barreeffamee jira.
12
Akkuma kana'llee Isaayaas, «Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa, durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a, isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha.
13
Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna.
14
Yaa obboleeyyan! Mishumma'aan ka guutamttan, beekkomissaan ka duroomittanii fi tokkoon tokkoon keessan'llee ka bira'aa gorssu'uuf, ka dandeettan ta'uu keessan hubadhee jira.
15
Wonittoota tokko tokko isin yaadachiisu'uuf barbaadee ergaa kana akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin, uggiinsaan isiniif ni barreesse.
16
Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.
17
Waayee kanaan Yesus Kristosiin Waaqa tajaajilu'uuf danda'uu kiyyaan, ufi ni dhaada.
18
Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ajajamoota akka ta'an taasisu'uuf, Kristos dubbi'ii fi karaa hujii kiyyaatiin hujii hojjate yoo ta'e malee, womaayyuu dubbachu'uuf hin uggine.
19
Akkuma kana baasota ol aanota ta'anii fi hujiiwwan maalale'eetiin, huminna Hafuura Qulqullu'uun'llee Yerusaalemii fi naannoo isi'iitii jala qabee haga biyya Iliwaarqoonii titti, wongeela Kristosii barsiisee jira.
20
Hawwii kiyya ka yeroo maraa'llee bu'ura naminni bira'aa hunddeesse irratti ijaaru'uuf uduu hin ta'in, bakka maqaan Kristosii itti hin dhagayamin maratti, dubbii gammachu'uu lallabu'u.
21
Kun'llee, «Asiin durana namoonni waayeen isaa womaayyuu isaatti hin himamin, ni argan, waayee isaa'llee worri hin dhagayin, ni hubatan» jedhamee, akkuma barreeffame.
22
Haga ammaa titti gara keessan dhufu'uuf ka hin danda'in, waayee dhimma durssee dubbadheetiin.
23
Amma garuu biyyoota naannoo kana jirantti bakkeewwan itti hojjadhu waan hin jirreef, akkuma kana woggoota baayi'e'ee kaasee'llee isin laalu'uuf, hawwii ol aanaa waan qabuuf,
24
gara Isphaaniyaa yeroo deemutti, karama saniin isin laaluu'uuf'llee karoorffadhee jira. Yeroo muraasaaf isin woliin gammadee eega tureen duubatti, deemissa kiyya itti fufu'uuf ka gargaarssa ana dandeesisu akka naaf taasfttan, abddii ni taasisa.
25
Amma garuu ummata Waaqaatiif ka kennu qarshii gargaarssa qabadhee, gara Yerusaalemii ni deema.
26
Kun'llee Maqedooniya'aa fi Akaayiya'atti ka argaman worri Waaqaa hiyyeeyyii Yerusaalemiin jiraniif gargaarssa qarshi'ii ergu'uuf, fedhii isaaniitiin waan murteessaniif.
27
Gargaarssa kana'llee fedha isaaniitiin ka arjooman dirqqama isaanii ta'uu isaatiin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne isaan'llee eebba isaanii ka fooniitiin, dirqama Yihudota gargaaru'uu ni qaban.
28
Kanaaf qarshii wolitti qabame ka gargaarssaa kana gara Yerusaalemii fudhadhee, eega kenneen duubatti karaa keessaniin dabrree, gara Isphaaniyaa ni deema.
29
Gara keessan yeroo dhufutti'llee eebba Kristosii guutumma'aan isiniif qabee, akka dhufu ni beeka.
30
Yaa obboleeyyan! Waayee kiyyaaf gara Waaqaa kadhachu'uun woldhaanssoo kiyyaan akka ana gargaarttaniif, Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi jaalala Hafuura Qulqullu'uutiin, isin ni kadhadha.
31
Ka anaaf kadhattan'llee namoota arddii Yihuda'aa jiran, worra hin amanne harkaa akka bayuu fi tajaajilli Yerusaalemitti qabu'llee, worra Waaqaa biratti fudhatama akka qabaatuuf.
32
Kun'llee eega ta'een duubatti fedha Waaqaa yoo ta'e, gammachu'uun gara keessan dhufee, isin woliin boqachu'uuf ni jaaladha.
33
Waaqinni nagayaa isin mara keessan woliinuu haa ta'u! Amen.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16