bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 14
Romans 14
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
1
Isin jiddu'utti amantii isaatiin nama dadhabaa ta'e ufitti fudhadha'aanii malee, yaada isaa irratti mormmii hin kaasinaa.
2
Fakkeennaaf naminni tokko waanuma kamiinuu nyaachu'uuf amanitii dandeesisu ni qabaata, amantii isaatiin naminni hin jabaatin garuu kuduraa qofa ni nyaata.
3
Kanaaf woma kamiinuu naminni nyaatu nama hin nyaanne hin ashiniin, ka hin nyaatu'llee nama nyaatu irratti hin murtteessin, isa'llee Waaqinni ufitti fudhateenii jiraatii.
4
Eegaa, nama bira'aa tajaajilaa irratti ka murtteessitu, ati eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufe'llee, dhimma Goofta'aati. Gonkumaa Waaqinni isa dhaabu'uuniif waan danda'uuf, jabaatee ni dhaabata.
5
Akkuma kana guyyaan tokko guyyaa bira'aa caala'atti kabajama'a jedhee ka yaadu ni jiraata ta'a, ka bira'aa ammoo guyyoonni marrinuu wol qixa kabaja ni qaban malee, guyyoota jidduu garaa garummaan hin jiru jedhee ni yaada. Eegaa wonittoota kana fakkaataniin tokkoon tokkoon namaa, waan onne'een itti amane haa raawwatu.
6
Guyyaa tokko guyyaa bira'aa irra caalisisee ka kabaju yoo jiraate, kana raawwachuun isaa, ulfinna Goofta'aatiif jedheeti, nyaata kamiinuu ka nyaatu ulfinna Goofta'aatiif jedhee ni nyaata, waayee nyaata nyaatuutiif'llee Waaqa ni galateeffata, nyaata kamiinuu ka hin nyaanne ulfinna Goofta'aatiif jedhee hin nyaatu, nyaachuu dhabuu isaatiin'llee Waaqa ni galateeffata.
7
Nu keessaa tokkoon tokkoon jireenni isaa ta'ee duuti isaa'llee, ka mataa isaatii miti.
8
Yoo jiraanne Goofta'aaf ni jiraanna, yoo duune'llee Goofta'aaf ni duuna, kanaaf yoo jiraanne'llee, yoo duune'llee ka Goofta'aati.
9
Kanaaf Kristos du'ee du'aa ka ka'e, Gooftaa jiraattotaatii fi worra du'aanii'llee ta'u'uuf.
10
Eegaa, ati obboleessa kee irratti maali'iif murtteesita ree? yookiin obboleessa kee maali'iif tuffattaan? marri keennaa teessoo Waaqaa ka murti'ii durana ni dhaabanna.
11
Sababinni'llee, «Ani jiraata'a jedha Waaqinni, naminni marrinuu jilbba isaatiin ana duranatti ni jilibbiiffata, arraba isaatiin'llee ani Waaqa ta'uu kiyya ragaa ni baya» jedhamee, barreeffamee jira.
12
Kanaaf, tokkoon tokkoon keenna waayee hujii mataa keennaatiif Waaqaa duratti dhiyaannee, deebii ni kennina.
13
Kanaaf tokkoon keenna tokko irratti hin murtteessin, garuu naminni kami'llee karaa obboleessaa isaa irra gufannaa yookiin gufuu kaayuu dhabu'uuf, ufi haa eeggatu.
14
Wonitti tokkoon batti'ii jedhee nama yaaduuf wonitti sun isatti battii itti ni ta'aan malee, wonitti kumiiyyuu mataa isaa titti battii akka hin ta'in, ani Gooftaa Yesusiin beekee ni mirkaneessa.
15
Ati waayee nyaata nyaatuun obboleessa keetitti gufuu yoo taate jaalalaan ka jiraatuu miti, kanaaf nama Kristos isaa du'eef waayee nyaata nyaatuun, akka badu hin taasisin.
16
Eegaa isin biratti waan mishaa ta'e, kuunniin akka ashaniin hin taasisinaa.
17
Mootummaan Waaqaa qulqullaawoma Hafuura Qulqullu'uun argamu, nagayaa fi gammachu'uuti malee, waayee nyaataatii fi dhugaati'iitii miti.
18
Haala kanaan Kristosiin naminni tajaajilu Waaqa ni gammachiisa, nama biratti'llee ka galateeffame.
19
Kanaaf nageenni ka ittiin argamuu fi ufii keennaa waan ittiin ijaaramnnu, haa horddofinnu.
20
Waayee nyaataatii diiguu hin qabnnu. Nyaanni marrinuu Qulqullu'u, garuu nama bira'aa nyaata gufachiisu dogoggora.
21
Kanaaf obboleessa kee gufachiisuu dhabu'uuf foon nyaachuu dhabuu yookiin daadhii dhuguu dhabuu, yookiin woma kamiinuu waan nama gufachiisu, raawwachuu dhabuun misha'a.
22
Eegaa amaatitti kee kun si'ii fi Waaqa jiddu'utti haa ta'u, dhuga'a jedhee waan itti amanu yoo raawwatu naminni sammuun isaa isa hin gilndifinne ka galateeffame.
23
Shakka'aa naminni nyaatu garuu gochi isaa amantii irratti ka hundaaye waan hin ta'iniif, itti ni murtteeffama, amanti'iin wonitti hin raawwatamin marrinuu cubbu'u.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16