bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 13
Romans 13
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Angoon kum'llee ka argamu fedhii Waaqaatiin waan ta'ee fi namoonni amma aangoo qaban'llee ka muudaman Waaqaan waan ta'eef, naminni marrinuu, aangoo qabeessa isaa oliitiif ajajamuu ni qaba.
2
Kanaaf nama aangoo qabuun ka mormmuu marrinuu, ajaja Waaqaatiin ni mormma, ka hin ajajaminne marri'llee mataa isaa irratti, murtii adabbi'ii ni fida.
3
Bulchitoonni ka sodaachisan hamaa raawwattoota malee, worra mishaa raawwatoota ta'aniifii miti, nama aangoo qabu akka hin sodaanneef ni barbaaddaa ree? Eegasuu waan mishaa ta'e raawwadhu, isaan irraa'llee galata ni argatta.
4
Aangoo isaatiin waan mishaa akka si raawwatuuf ka muudame, tajaajilaa Waaqaati, ka aangoo qabu billaya ka hidhate tasaaf waan hin ta'iniif, hamaa raawwataa yoo taate ka aangoo qabu sodaadhu, inni hamaa raawwattoota adabu'uu fi haloo Waaqaa muldhisu'uun, Waaqa ni tajaajila.
5
Kanaaf namoota Mootumma'aa ka aangoo qabaniif, ajajamuun isin irraa ni mala, ka ajajamittan'llee dheekkamssi Waaqaa waayee sodaachu'uu qofaaf uduu hin ta'in, waan sammuun keessan isin comatuuf ta'uu ni qaba.
6
Gibira ka kafalttan'llee kanaaf, worri aangoo qaban hujii kana irratti ka bobba'an, Waaqa tajaajilu'uuf.
7
Eegaa nama aangoo qabu ka ol aanaa ta'eef raawwatamuu waan qabu maraa raawwdhaa, gibirri ka isaan maluuf gibira, ashuuraan ka isaan maluuf ashuuraa kafalaa, sodaachuun ka maluuf sodaachuu, ulfinni ka maluuf ulfinna kennaa.
8
Liqaan eennuutuu isin irra hin jiraatin, liqaan isin irra jiraachuun malu ufii keessan wol jaalachuu qofa haa ta'u, nama ka jaalatu seera ni raawwata.
9
«Hin sagaagalin, hin ajjeessin, hin hatin, ka nama bira'aa ka ta'e woma kamiinuu hin hawwin!» ajajoota jedhanii fi ajajoota kaanniin mara'llee, «Nama akka mataa keetii taasisii jaaladhu» ka jedhu'llee, ajajuma tokko keessatti, wolitti qabamee ni argaman.
10
Naminni ka jaalatu marrinuu ka jaalatu irratti waan hamaa hin raawwatu, kanaaf nama ka jaalatu seera maraa ni raawwata jechu'u.
11
Eegaa hirribaa saa'aatiin itti dammaxxan amma gayuu isaa beekaa, duraan yeroo itti amanne irra amma guyyaan itti fayyinu caala'atti, gara keenna dhiyaatee jira.
12
Halkan dabrra'aa jira, guyyaan'llee dhiyaatee jira, kanaaf hujii dukkanaan hojjatamu akka dhiisuuf, meeshaa woraanaa ka ifaa haa uffannuu.
13
Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu.
14
Kanaaf Gooftaa Yesus Kristosiin uffadhaanii malee, fedhii foon keessan guutu'uuf, hin yaadinaa.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16