bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Romans 8
Romans 8
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Kanaaf Yesus Kristosiin ka jiraatan, amma cubbuun hin qabaatan.
2
Jireenna Yesus Kristosiin ariggamu ka kennu seerri Hafuura Qulqullu'u, seera cubbu'uu fi du'aa jalaa bilisa ana baasee jira.
3
Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.
4
Kana'llee ka raawwateef fedhii fooniitiin uduu hin ta'in, hafuuraan ka dedeebinu nu'uun ajajinni seeraa ka sirrii ta'e akka raawwatamuuf.
5
Fedhii fooniitiin ka jiraatan waan foonii, fedha hafuuraatiin ka jiraatan garuu waan hafuurawaa ni yaadan.
6
Waayee waan foonii yaaduun du'a ni fida, waan hafuuraa yaaduun garuu jireennaa fi nagaya'llee ni fida.
7
Waan foonii naminni yaadu Seera Waaqaatiif waan hin ajajaminnee fi ajajamu'uuf'llee waan hin dandeenneef, inni diina Waaqaati.
8
Waan fooniitiif worri bitaman, Waaqa gammachiisu'uuf hin danda'an.
9
Isin garuu Hafuurri Waaqaa isin keessa ka jiraatu yoo ta'e fedha Hafuuraatiin malee fedha fooniitiin hin jiraattan, Hafuura Kristosii naminni hin qabaanne'llee, inni ka gara Kristositii miti.
10
Kristos isin keessa yoo ta'e yoma foon keessan'llee sababa cubbu'uutiin ka du'u ta'e'llee Waaqinni waan isin qulqullaawomsseef, hafuurri keessan jiraata'a.
11
Yesusiin du'aa ka kaaseen Hafuurri Waaqaa keessa keessan yoo jiraate, Yesus Kristosiin du'aa kaaseen Waaqinni keessa keessan ka jiraatu karaa hafuura isaatiin, foon keessan du'aaf jireenna ni kenna.
12
Kanaaf yaa obboleeyyan! jireenna keennatti dirqama ni qabnna, garuu dirqamnni kun fedha fooniitiin jiraachu'uufii miti.
13
Fedhii fooniitiin yoo jiraattan ni duutan, garuu huminna Hafuura Qulqullu'uutiin, hujii keessan ka foonii yoo ajjeefttan, lubbu'uun ni jiraattan.
14
Hafuura Waaqaatiin worri eemaraman marrinuu, ijoollee Waaqaati.
15
Kanaaf, «Abbaa, yaa Abbaa keenna!» jettanii ka ittiin waamittan, hafuura finnumma'aa ni fudhattan malee, soda'aan jiraachu'uuf deebitanii hafuura garbumma'aa hin fudhanne.
16
Hafuurri Waaqaa hafuura keennaan woliin ta'ee, ijoollee Waaqaa ta'uu keenna nu'uuf ragaa ni baya.
17
Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.
18
Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan.
19
Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan.
20
Uumaminni marrinuu tasa akka ta'uuf itti murtteeffamee jira, kun'llee fedha mataa isaatiin uduu hin ta'in, abddi'iin akka eeggatu ka taasise, fedhii Waaqa tiin.
21
Abddiin'llee uumaminni mataan isaatuu garbummaa badi'ii jalaa bilisa bayee, ijoollee Waaqaa woliin qoodamaa bilisumma'aatii fi ulfinnaa akka ta'uuf.
22
Uumaminni marrinuu bakka tokkotti haga adhaa titti sarddamaa ciniinisu'uutiin qabamee woyata irra jiraachuu ni beekinna.
23
Garuu woyachuu irra ka jiru uumama qofaa miti, kennaa Hafuura Qulqullu'uu ka jalqabaa ka fudhanne, nu'llee wobii qaama keennaa ka ta'e ijoollee Waaqaa ta'iinsa abddi'iin eeggata'aa keessa qaama keennaa titti woyata irratti ni arggaminna.
24
Nu'u ka fayyine abddima kanaan. Garuu abddii ka taasffannu ka muldhatu yoo ta'e abddii ta'uun ni hafa, waan muldhatuu eennutu abddii isa taasfata?
25
Waan hin argine abddii yoo taasfanne garuu, obissaan ni eeganna.
26
Akkuma kana attamitti kadhachuu akka nurraa malu waan hin beekinneef, Hafuurri Qulqulluun dadhabbii keennaan nu ni gargaara, woyata dubbi'iin ibisamu'uuf hin dandanda'aminneen'llee, nuuf ni kadhata.
27
Onnee namaa Waaqinni qoratu, yaadinni Hafuura Qulqullu'uu maal akka ta'e ni beeka, Hafuurri Qulqulluun waayee amanttootaatiif ka kadhatu, akka fedhii Waaqaa titti.
28
Worra Waaqa jaalatanii fi akka fedhii isaa'llee namoota waamamaniif, Waaqinni waan maraa mishumma'aaf, akka isaanii taasisu ni beekinna.
29
Kun'llee sababaan ta'eef durssee worra isaan beeke ijoollee isaa akka fakkaatanii fi obboleeyyan isaa baayi'ee jiddu'utti'llee hangafa akka ta'uuf, Waaqinni durssee waan murtteesseef.
30
Durssee worra murtteesse ni waame, worra waamee'llee ni qulqulleesse, worra qulqullaayomsse'llee isaan ni kabaje.
31
Eegaa waayee waan kanaa maal jenna ree? Waaqinni nu'u woliin yoo ta'e eennutu nu mormmu'uuf dandda'a?
32
Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree?
33
Worra Waaqinni isaan filate eennutu isaan himataa? Ka isaan qulqullaayomssu'llee isa.
34
Eennu ka muritteessu? Yesus Kristos isaanitti ni murtteessa ree? Inni waayee kennaaf ka du'e, du'aa'llee ka'ee mirga Waaqa Abba'aatiin ka taa'e, waayee keennaaf'llee ni kadhatu.
35
Jaalala Kristosii irraa ka nu fooyuu dandda'u eennu? Rakkinna moo yookiin sarddama, ari'atama moo yookiin beela? Yookiin daara, yookiin galttee yookiin billaya?
36
Kun'llee, «Waayee keetiif guyyama maratti ni ajjeeffaminna, akka hoolota qalamanii titti'llee ni laakkayamnne» jedhamee, akkuma barreeffame.
37
Eegaa ka nu jaalate Kristosiin wonittoota kanniin maraa injifachu'uun, worra injifattootaa maraa ni caala.
38
Kanaaf du'a'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, maleyikkoota'llee yoo ta'an, worra aangoo qaban'llee yoo ta'an, ka amma jiru'llee yoo ta'e, ka maa'ii dhufu'llee yoo ta'e, humnnoonni'llee yoo ta'an,
39
Ol fageenna ta'ee gad bu'iinssa umaminni kum'llee yoo ta'e Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ka arganne, jaalala Waaqaa irra nu fooyu'uuf ka danda'u wonitti tokko'llee akka hin jirre mirkaneeffadhee jira.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16