bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 10
Ezekiel 10
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 11 →
1
Ani gubbaa gombobbittii mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanuun gubbaa jirtu ol ilaalee, mataa dada ol-gubba'aa ta koola qabanu gubba'aan wonni barcumaa mootumma'aa fakkaatu ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame tokko mudhate.
2
Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruun, «Korboota dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jala jiranu odduu seen; kashila odduu dada ol-gubba'aa ka koola qabu jiru irraa ooboo harka keetii guutadhuu hammaaradhuutii, qachaa irratti bittinneessi» jedhe. Namichille adoo ani dhagguu ol seene.
3
Yennaa namichi ol seene, dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu Galma keessa gara kibbaatiin dhaabbataneeraniiyyu; duumensille badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa guute.
4
Ulfinni Mootii Waan Maraalle dada ol-gubba'aa ka koola qabanu irraa ka'ee gara gulantaa seensuma Galma Waaqaa dhaqe; duumensille Galma Waaqaa guute; Badhinni dalleya keessaalle calalaqa ulfinna Mootii Waan Maraatiin guutame.
5
Huuruun koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanuu, akka qoonqoo Waaqi Waan Mara Dande'u yennaa dubbatuu, haga badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti dhageessitte.
6
Mootiin Waan Maraa namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeru saniin, «Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu wodhakkaa korboota oddu'uu ibidda fuudhi» jedhee yennaa ajaje, inni yoosuma gara keessaa seenee korboo san keessaa takkattii bira dhaabbate.
7
Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san keessaa tokkochi harka ifii diriirsee ibidda odduu dada ol-gubba'aa ta koola qabanu jiru san irraa diqqaa isaa hammaaree, ooboo harka namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffateeruu san keessa keye; namichille ibidda san fudhatee gad baye.
8
Koola dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san jalaan wonni harka namaa fakkaatu tokko mudhate.
9
Anille kunoo, dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san biratti korboota afur dhagge. Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san tokko tokkooyyuu bira korboo tokko tokkotti jiraayyu; bifi korboota saniille akka dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa.
10
Bifi korboota san arfaniituu wol fakkaata; tokko tokkoon isaaniituu akka korboota wol keessa jiranuu ti.
11
Korbooti sun yennaa deemanu, adoo gara hin galin gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun deemanu gara arfanuu deeman. Korbooti fuula duraa gara dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu deemanu yennaa deemanu, korbooti tuun adoo gara hin galin korboota fuula duraa gula deeman.
12
Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu san nafi isaanii martinuu duddi isaanii, harkii isaanii, koolli isaanii, korbooti isaaniille arfanuu naannoo irga ifii mara irraa ila hedduu qaban.
13
Korbooti sun, «Korboota konkolaattu» jedhantee waammantuun dhage'e.
14
Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaanii fuula afur qaban; ka qaraa fuula kormaa, ka lammeesso'oo fuula namaa, ka sadeesso'oo fuula neenqaa, ka arfeesso'oo ammoo fuula risa'aa qabaniiyyu.
15
Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun ol ka'ane; isaan kun dada ol-gubba'aa ka koola qabanu afur ta ani laga kebaarii biratti dhagge san.
16
Dada ol-gubba'aa ka koola qabanu sun yennaa deemanu, korbootille isaan cinaa deeman; dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu lafa irraa ol ka'iisaaf koola ifii yennaa badhifatanu, korbootille isaan biraa hin goranu.
17
Ayyaanummaan dada lubbuu qabanu keessa jiru sun, korboota san keessalle waan jiruuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa dhaabbatanu korbooti sunille hin dhaabbatan; dadi lubbuu qabanu sun yennaa lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille woliin ol ka'an.
18
Achiin duuba ulfinni Mootii Waan Maraa gulantaa seensuma Galma Waaqaa irraa ka'ee, addee dadi lubbuu qabanu jiranuun gubbaa dhaabbate.
19
Dadi ol-gubba'aa ka lubbuu qabanulle adoo ani dhagguu, koola ifii badhifatanee lafa irraa ol ka'anee deemane; korbootille cinaa isaanii deemane; isaan seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa, ta gara aduun baatuutitti dhaabbatane; ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu
20
Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu kun ka ani laga Kebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti dhagge san. Anille akka isaan dada ol-gubba'aa ka koola qabanu te'ane beeke.
21
Tokko tokkoon isaanii fuula afurii fi koola afur qaban; koola isaanii jala wonni harka namaa fakkaatu tokko jiraayyu
22
Fuulli isaanii fuula dada ol-gubba'aa ka koola qabanu ka ani laga Kebaarii biratti dhagge woliin wol fakkaata; tokko tokkoon isaanii qajeelanee gara duraa deemane.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48