bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 18
Ezekiel 18
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 19 →
1
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Marroo lafa Israa'eliitiif, mammaassi isin itti deddeebitanee, ‹Abbootiin midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatte; ilkaan ijoolle'ee tutume› jettanu kun maan inni?
3
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Dhugumaan ani Goottaa Mootii Waan Maraa jiraata'a! Isin haganaa achi lafa israa'elii keessatti mammaassa kana hin mammaattanu.
4
Lubbuun nama maraa tiyya; lubbuun abba'aa akkuma tiyya teete, lubbuun ilmaalle tiyya; lubbuun cubbuu hujju hin duuti.
5
« ‹Nami balchaan tokko waan haqaatii fi dhuga'aa yoo huje,
6
inni waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraatitti dhikaate hin nyaatu yookiin gara waaqota dharaa ka Israa'elii hin ilaalu; niitii namaa batteessu yookiin dubartii aadaan dubarti'ii irra jirtu bira hin gewu.
7
Inni waan qaddii qabate nama liqeeffate saniif hin deebisa malee, nama tokkolle hin cunqursu; nama hin saamu; ka beeloteef sagalee kenna; ka daare woyaa itti uffisa.
8
Dhalaan hin liqeessu yookiin dhala bacaa hin fudhatu; inni harka ifiitiin cubbuu hin huju; namaa fi nama wodhakka'atti muraa dhuga'aatii fi haqaa mura.
9
Inni seerata kiyya gula deema; seera kiyya addatamumma'aan eegata; inni balcha'a; dhugumaan inni lubbu'uun hin jiraata› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
10
«Te'uu malee, namichi sun ilma hunnaan nama irratti ka'u ka dhiiga namaalle dhangalaasu, ka waan kana keessaa takkattiille huju yoo uumate,
11
ta abbaan sun waan kana keessaa tokkolle hin hujin, ilmi isaa ammoo waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo nyaate, niitii namaalle yoo batteesse,
12
hiyyeessaa fi rakkataa yoo cunqurse, yoo saame, qaddii qabate yoo deebisuu dhabe, gara waaqota dharaa yoo ilaale, waan diqachiisu yoo huje,
13
dhalaan yoo liqeesse, dhala bacaalle yoo fudhate, nami akkasii kun dhugumaan lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni hin jiraatu; inni waan diqachiittuu tana mara waan hujeef, dhugumaan hin du'a; dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama.
14
«Ilmi kun ilma yoo uumate, ilmi isaa kun cubbuu abbaan isaa huje mara ilaalee, cubbuu akka abbaa ifii yoo hin hujin,
15
waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo hin nyaatin, gara waaqota dharaa ka Israa'elii yoo hin ilaalin, niitii namaa yoo hin batteessin,
16
nama yoo hin cunqursin yookiin liqaa kenniisaaf qaddii yoo hin fudhatin, yoo hin saamin, ka beeloteef sagalee ifii yoo kenne, ka daare yoo uffise,
17
harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du'u.
18
Abbaan isaa ammoo karaa haqa hin te'iniin beesee namaa waan fudhateef, nama ifii waan saameef, kolbaa ifii keessatti waan dansaa hin te'in waan hujeef, kunoo inni cubbuu ifiitiin hin du'a.
19
«Isin, ‹Ilmi sababa cubbuu abbaa ifiitiif maaf hin adabamin ree?› jettan. Ilmi isaa haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, seerata kiyya mara waan eegateef, inni dhugumaan lubbu'uun hin jiraata.
20
Lubbuun cubbuu hujje isiin hin duuti; ilmi cubbuu abba'aatiif, abbaalle cubbuu ilmaatiif hin adabamin. Balchummaan balcha'aaf laakkowantuu ti; hammeennille hama'aaf laakkowamuu ti.
21
«Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi'ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee hin du'u.
22
Cubbuun inni huje marti itti hin laakkowantu; inni balchummaa waan hujeef lubbu'uun hin jiraata.
23
Nami hamaan hammeenna ifii irraa deebi'ee akka lubbu'uun jiraatu malee, ani dhugumaan du'a isaatitti hin gammadaa ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
24
«Nami balchaan tokko ammoo balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan diqachiisu ka nami hamaan huju mara yoo huje lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni addatamummaa dhabee cubbuu waan hujeef, hin du'a malee, balchummaa inni huje marti isaaf hin laakkowantu.
25
«Isin ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'a moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Na dhage'a'a; karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?
26
Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee cubbuu yoo huje cubbuma saniin hin du'a; sababa cubbuu huje saniitiif hin du'a.
27
Nami hamaalle cubbuu ifii irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, lubbuu ifii hin baafata.
28
Inni cubbuu huje san mara hubatee irraa waan deebi'eef, jiru'uun jiraata malee hin du'u.
29
Isin kolbaan Israa'elii ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'aa moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?
30
«Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa'elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa'a.
31
Cubbuu hujjane mara lakkisa'aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha'a; ee kolbaa Israa'elii! Isin maaf duutan ree?
32
Ani du'a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi'a'aatii jiru'uun jiraadha'a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48