bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 25
Ezekiel 25
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 26 →
1
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Ee ilma namaa! Fuula keeti gara biyya Amoonii deebifadhuutii, raaga isaan irratti dubbadhu.
3
Worra Amoonotaatiin, ‹Jecha Goottaa Mootii Waan Maraa dhage'a'a› jedhiin; Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Galmi kiyya yennaa battowe, latti Israa'elii yennaa onte, kolbaan Yihuda'aalle yennaa booji'ante, waan gammaddaneef,
4
kunoo, ani akka isin qabatanu harka kolbaa karaa aduun baatuutitti dabarsee isin hin kenna; isaan odduu teessanitti hin qubatan; dunkaanii ifii odduu teessanitti hin dhaabbatan; midhaan keessan hin nyaatan; aanan keessanille hin unan.
5
Qachaa Raaba'aa dheeda gaalotaa, biyya Amooniille boqaata hoole'ee hin godha. Achiin duuba akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan› jedha.
6
«Mootiin Waan Maraa, ‹Isin hammeenna keessan maraan firinxiixanee, badii lafa Israa'eliititti, harka keessan dhowaa, sarbicha waan dhiittanneef,
7
kunoo, anille harka kiyya isin irratti hin diriirsa; gosi biyya adda addaa akka isin saamanuuf, harka isaaniititti dabarsee isin hin kenna; ani gosa biyya adda addaa keessaa ijjumaa isin hin balleessa; achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan› jedha.
8
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Mo'aabii fi Se'iir, «Kolbaan Yihuda'aa akkuma gosa biyya adda addaa taanii ti» waan jedhaneef,
9
kunoo, ani qachoota Mo'aabiif akka dalleyaa te'anee ulfinna isi'ii te'aneeranu, Bet-Yeshimooti, Ba'aal-Me'onii fi Kiriiyatayim irraa jalqabee akka banamanu hin godha.
10
Haganaa achi Mo'aab gosa biyya adda addaa oddu'utti akka hin qaabatanne, worri Mo'aabii worra Amoonii woliin kolbaa worra gara aduun baatuutiin akka qabatamanu hin godha.
11
Ani worra Mo'aabii irratti muraa hin kenna. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
12
«Mootiin Waan Maraa, ‹Kolbaan Edoomii kolbaa Yihuda'aa irratti quuqeffattee haluu waan baateef, yakkaameyyii teeteerti;
13
tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Edoomii irratti harka kiyya diriirsee, namoota isaaniitii fi horii isaanii ijjumaa hin balleessa; qachaa Temaaniitii haga qachaa Dedaaniititti akka onu hin godha; kolbaalle shallaaga'aan hin dhumatti.
14
Ani harka kolbaa tiyya Israa'eliitiin, kolbaa Edoomii irratti haluu tiyya hin baafadha; isaan akkuma aari'ii fi mufii tiyyaatitti kolbaa Edoomii irratti hin tolchan; kolbaan Edoomiille akka ani haluu tiyya baafadhe hin beetti› jedha, Mootiin Waan Maraa.
15
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Filisxeemotaa quuqaa duriitii fi hammeennaan worra Yihuda'aa irratti ka'anee haluu bayanee isaan balleessiisaaf waan yaadaneef,
16
ani Goottaan Mootiin Waan Maraa: Kunoo, harka kiyya worra Filisxeemotaa irratti hin diriirsa; worra Qareexii fixee, ka qarqara abbaaya'aatitti jiru'uun hafanelle hin balleessa.
17
Ani xixansa halu'uutiin guddisee haluu isaan hin baya; mufii tiyyalle'een isaan hin adaba; yennaa ani haluu isaan baye, akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48