bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 42
Ezekiel 42
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 43 →
1
Achiin duuba inni karaa kaabaatiin gad na baasee gara badhinna dalleyaa keessaa ka gara alaatitti na fidee, gara kolloota fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi fuullee ijaarsa gara kaabaa sanitti na geesse.
2
Dheerinni ijaarsaa ka balbalti isaa karaa kaabaa fuula galteertuu sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama.
3
Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa irraa ciqilee diddama irratti, fuullee afinaa dhaka'aa ka badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti kollooti addee bashannanaa heellichoo gubba'aa qaddu fuula wolitti galanee wol irratti sufaa sadiin ijaaramaneeran.
4
Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran.
5
Akkuma kollooti wol irratti sufamaa ol ideemanuun, addeen bashannanaa ta heellichoo gubba'aa badhataa waan ideentuuf, kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan.
6
Kollooti sufaa sadiin wol irratti waan ijaaramaneeranuuf, akka badhinna dalleya keessaa utuboota hin qabanu; tanaaf kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan.
7
Karaa badhinna dalleya keessaa gara alaatiin fuullee kollootaa dalleenni dhaka'aa ka ciqilee shantama dheeratu tokko jira.
8
Kollooti badhinna dalleya keessaa ka gara alaa ciqilee shantama dheeratan; tarreen kolloota fuullee Galma Waaqaa jiranu ciqilee dhibba dheeratti.
9
Badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin yennaa ol seenanu, karaa aduun baatuun, gara kolloota gad aananu seensuma tokkotti jira.
10
Karaa kibbaatiin badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti, badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti aananee, fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin kollooti jiran.
11
Kolloota san dura karaan dabaranu jira; kollooti sun dheerinnii fi badhinni isaanii, karaan gad bayanu, akki isaan itti ijaaramaneeranu, balbalti isaaniille kolloota karaa kaabaa woliin wol fakkaatan.
12
Balbalti kolloota karaa kibbaalle wol qixa; jalqaba karaa dabaranuu san seensumatti jira; maarre nami dhuma dalleyaatiin karaa aduun baatuun seena.
13
Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan.
14
Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe.
15
Namichi sun Galma Waaqaa keessa mikee fixeen duuba, gara karra karaa aduun baatuutiin gad na baasee, adaala alaa san mike.
16
Inni ulee miki'ii fuudhee cinaa karaa aduun baatuu mikee ciqilee dhibba shan te'e.
17
Achiin duuba karaa kaabaa ulee miki'iitiin mikee ciqilee dhibba shan te'e
18
Karaa kibballe mikee ciqilee dhibba shan te'e
19
karaa aduun seentulle mikee ciqilee dhibba shan te'e.
20
Maarre inni Galma Waaqaa cinaa arfanuu mara mike. Dalleenni dhaka'aa ka addee woyyittii addee woyyittii hin te'in irraa adda baasu ka dheerinni isaa ciqilee dhibba shanii, badhinni isaalle ciqilee dhibba shanii adaala san jiraayyu.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48