bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 30
Ezekiel 30
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 31 →
1
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Ee ilma namaa! Raaga raagiitii, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Wiiccifadhuu bowiitii: Guyyaa saniif aanne'e jedhi.
3
«‹Guyyaan sun dhikaateera; guyyaan Mootii Waan Maraa dhikaateera. Guyyaan sun guyyaa duumensaa ti; gosa biyya adda addaatiif yennaa mura'aa ti.
4
Biyya Gibxi'iititti shallaagaan hin dhufa; biyya Itoophiya'aalle'etti muddam hin dhufa. Worri qalame biyya Gibxi'ii keessatti yennaa jiganu, karri isi'ii hin fudhatanti; hundeen isi'iille hin diiganti.
5
« ‹Itoophiyaan, Fuxi, Ludi, worri Arabaa marti, gumiin kolbaa garagaraalle, biyyi Kubiitii fi kolbaan biyya sanii worri ani dur isaan woliin gondooroo godhadhe biyya Gibxi'ii woliin shallaaga'aan hin dhumatan› jedha.
6
«Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Gibxi qarqaaru marti hin dhumatan; hunni isiin ittiin koortulle hin salphatti; Miigdolii haga Aswaaniititti isii keessatti shallaaga'aan hin dhumatan.
7
Biyyi Gibxi'ii biyyoota onane wodhakka'atti ona hin teeti; qachooti isi'iille qachoota diigamane wodhakka'atti hin diigaman.
8
Yennaa ani biyya Gibxi'iititti ibidda qassiisu, worri isii qarqaaru marti yennaa caccabu, isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
9
« ‹Guyyaa san ergantooti na biraa hobolo'oon, kolbaa Itoophiya'aa ta bidhaa hin qanne akka bararaqanu godhiisaaf hin bayan; guyyaa Gibxi'itti muratu san muddam isaanitti hin dhufa. Kunoo, muddam sun hin dhufa› jedha.
10
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti kolbaa Gibxi'ii bindillaa hin fixa.
11
Innii fi loltooti isaa gadhi-jabeeyyiin lafa balleessiisaaf hin dhufan; shallaagaa ifii worra Gibxi'iititti buqqifatanee lafa san worra qalameen hin guutan.
12
Ani laga Nayilii hin gossa; lafalle worra hamaaleyyi'itti hin gurgura; lafaa fi waan isii keessaa mara harka worra ormaatiin hin onsa. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.
13
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani waaqota dharaa hin balleessa; fakkii waaqotaalle qachaa Memfiisii keessaa ijjumaa hin balleessa; biyya Gibxi'ii keessa haganaa achi qondaalli hin jiraatu; lafa Gibxi'iititti sodaa hin buusa.
14
Ani kibba Gibxi'ii hin onsa; Zo'aanitti ibidda hin naqa; qachaa No'iille'etti hin mura.
15
Ani kushee jadduu biyya Gibxi'ii qachaa Siinii irratti mufii tiyya hin dhangalaasa; kolbaa bindillaa No'iille hin balleessa.
16
Ani biyya Gibxi'iititti ibidda hin naqa; qachaan Siinii akka dubartii deettuu hin ciniinsifata; dalleenni dhaka'aa ka No'ii hin caba; qachaan Memfiisiille yennaa mara diinaan hin rakkata.
17
Dargaggooti qachaa Aweeniitii fi Phii-Besetii keessa jiranu martinuu shallaaga'aan hin dhumatan. Dubartooti qachaa san keessaa hin booji'aman.
18
Yennaa ani waanjoo biyya Gibxi'ii caccassu, qachaa Taahafenee keessatti guyyaan hin dukkana; hunni isiin ittiin koortulle hin baddi; duumensalle'een hin gollama; worri aadaa isaa le'u hin booji'aman.
19
Akka kanaan ani biyya Gibxi'ii hin adaba; isaanille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
20
Booji'anee woggaa kudhanii tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo, guyyaa torbeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
21
«Ee ilma namaa! Ani irree Fara'oonii mootii Gibxi'ii casseera; kunoo, hiituu itti mariisaan fayyitee, jabaattee shallaagaa qabatuu akka dandeettu, irreen sun hidhantee hin jirtu.
22
Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani Fara'oonii mootii Gibxi'ii irratti hin ka'a; irree isaa lamaanuu ta caddee fi fayyaalettiille hin caccassa; shallaagaan harka isaatii akka bu'u hin godha.
23
Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Biyya hedduu keessa hin faffacaasa.
24
Irree mootii Baabilonii hin jabeessa; shallaagaa kiyya harka isaa keessa hin keya; irree mootii Gibxi'ii ammoo hin caccassa; inni akka nama akka malee madowee isa duratti hin aada.
25
Ani irree mootii Baabilonii hin jabeessa; irreen motii Gibxi'ii ammoo irraa hin buuti; yennaa ani shallaagaa kiyya harka mootii Baabilonii keessa keyee, yennaa inni worra Gibxi'iititti mirmirsu, yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.
26
Ani worra Gibxi'ii gosa biyya adda addaa odduu hin bittinneessa. Yoos isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha» jedhe.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48