bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 26
Ezekiel 26
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 27 →
1
Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo keessa, ji'a keessa guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Ee ilma namaa! Qachaan Xiiroosii qachaa Yerusaalemiitiin, ‹Baga! Karri gosa biyya adda addaa caccaddeerti; balbalti isi'iille naaf bananteerti; inni waan oneef, ani hin qananooma› waan jedheef,
3
Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Xiiroos! Kunoo, ani si'i irratti hin ka'a; akka abbaayaan danbalii ifii kaachu, anille gosa biyya adda addaa si irratti hin kaasa.
4
Isaan dalleya dhaka'aa keeti balleessanee, xelleephoo eeddotaalle hin caccassan; ani biyyee haree rassaa duwwaa si hin godha.
5
Akka addee odduu abbaaya'aa ta worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatuu si hin godha; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. Gosi biyya adda addaa si hin saaman;
6
kolbaan adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtulle shallaaga'aan hin ijjeefaman; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha.
7
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida.
8
Inni kolbaa adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtu shallaaga'aan hin fixa; haga qaccee dalleya dhaka'aa keetiititti kaabii itti marsee hin ijaara; wontee guddoo si irratti ol hin kaasa.
9
Inni waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganu gara dalleya dhaka'aa keeti deebifatee hin diiga; inni agaraa ifiitiin xelleephoo eeddota teetii hin diiga.
10
Fardoon isaa bacaa waan teeteef, bukuun isaan kaasane si hin golliti. Inni akka nama qachaa cassee seenuu tokko karra teeti cassee yennaa seenu, hididdeessi abbootii fardo'oo, ka garreettaa geejjibaatii fi ka garreettaa fardaan harkifamuu dalleya dhaka'aa keeti hin raasa.
11
Kottee fardoo ifiitiin karaa keeti mara irra hin hirbeessan; kolbaa teeti shallaaga'aan hin fixan; utubooti keeti jajjabootille gad lafatti hin jigan.
12
Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan.
13
Ani sirba keeti hin dhaabbachiisa; kiraarri keetii guddichi deebi'ee hin dhage'amu.
14
Ani rassaa duwwaa si hin godha; atille addee worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatu hin teeta. Ani Mootiin Waan Maraa waan dubbadheef, ati ijjumaa deebitee hin ijaarantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
15
«Goottaan Mootiin Waan Maraa Xiiroosiin, ‹Worri madowe yennaa aadu, si keessatti yennaa wol qalanu, gikkeessa jinnana keetiitiin oddoolli hin raafamuu ree?
16
Qondaaltoti abbaayaa qarqaraa marti barcumaa mootummaa ifii irraa hin bu'an; woyaa ifii ta mootumma'aatii fi woyaa ifii ta seesaa san hin mulqatan. Isaan rommaa lafa irra hin tee'an; waan si irratti te'e kana hedaa yennaa mara hin sheephisan.
17
Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa, «‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante, ka abbaayaa irratti bulchaa teete, atii fi worri si keessa le'anu, ka worra achi le'anu bararassitane, ati attam ijjumaa badde!
18
Guyyaa jinnanaa keetii qarqarri abbaaya'aa hin raafama; badii teetiin oddoolli hin rifata› jedha.
19
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani yennaa akka qachoota nami keessa hin jirree ona si godhu, yennaa bisaan qilee abbaaya'aa si irra garagalchu,
20
gara worra duri du'eeruu worra gad bu'u woliin, nami si keessa le'u akka hin jirraanne, diigama durii odduu akka leetu, gara boolla lafa jalaa gad si hin buusa; ati achii deebitee lafa worra jiraata'aa keessatti addee hin dhaggattu;
21
muummee teeti dhagganee akka sodaatanu hin godha; ati barbaadantulle ijjumaa deebitee hin dhaggantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48