bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 43
Ezekiel 43
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 44 →
1
Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatuu na geesse.
2
Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii karaa aduun baatuun dhufuun dhagge. Shookkessi dhufiisaa isaa akka shookkettii bisaan xinniquu ti; ulfinna isaatiin latti balaqqitte.
3
Mudhiin ani dhagge ta akka ani yennaa inni qachaa balleessiisaaf dhufe dhagge fakkaattu, mudhii laga Kebaarii biratti dhaggelle'een ta wol fakkaatti. Anille addaan lafatti gad gombifame.
4
Ulfinni Mootii Waan Maraa karaa karra karaa aduun baatuutiin gara Galma Waaqaa akkuma seeneen,
5
Ayyaanni ol na fuudhee gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geesse; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa guute.
6
Namichi sun adoo na bira dhaabbatiisatti jiruu, nami tokko Galma Waaqaa keessaa natti dubbatuun dhage'e;
7
inni anaan, «Ee ilma Namaa! Tun addee barcumaa mootummaa tiyyaa, addee ijjata miila kiyyaa, addee ani kolbaa Israa'elii odduu haga bara baraa le'u. Kolbaan Israa'eliitii fi moototi isaanii haganaa achi gaarayyeeffatiisaan, waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii addee waaqonfannaa ifiititti waaqonfatiisaan maqaa kiyya woyyicha hin batteessanu.
8
Karaa seensuma balbala isaanii, karaa seensuma balbala tiyya bira, mikikkila isaanii mikikkila kiyyaa biratti dhaabiisaan, anaa fi isaan wodhakkaa dhaaba dhaka'aa tokko qofatti jira. Isaan waan diqachiisaa ifiitiin maqaa kiyya woyyicha batteessane; tanaaf ani aarii tiyyaan isaan fixe.
9
Amma isaan gaarayyeeffata ifiitii fi waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii anarraa geegessanuu ti; anille odduu isaanii haga bara baraa hin jiraadha.
10
«Ee ilma namaa! Yakkaa hujane akka fokkifatanu, marroo Galma Waaqaa kolbaa Israa'eliititti himi; isaan attam akka inni itti ijaaramiisaaf karoorfameeru yaadanuu ti.
11
Isaan waan godhane maratti yoo fokkifatane, Galmi Waaqaa attam akka itti ijaaramiisaaf akeekkameeru, attam akka ijaaramaaru, karaa gad baya isaa, karaa seensuma isaa akka isaan beekanu godhi; akeeka ijaarsa isaa duudii, seerataa fi seera isaa mara akka dansaa akka beekanu godhi; akka isaan seeraa fi seerata isaa hubatanee muummessanu ila isaanii duratti barreessi.
12
Seerri Galma Waaqaa kana: gaarri gubbaan adaallii gaaraa sun marti lafa irra caalaa woyyuu hin te'a. Kunoo, kun seera Galma Waaqaa ti.
13
«Mikiin addee ciinca'aa ta ciqilee dheertu'uu, ta ciqilee tokkoo fi taakku'uu ta asii gad jirtu. Jalli isi'ii ciqilee tokko hojjaa ol dheerata; isiin ciqilee tokko badhatti; irgi isi'ii ka itti naannoweeru taakkuu tokko hin te'a; kun hojjaa addee ciinca'aa hin te'a:
14
Hundee lafa irra jirtu irraa ka'ee haga irga buusaa gad aanuutitti hojjaan isi'ii ciqilee lama; badhinnille ciqilee tokko. Irga buusaa diqqa'aa irraa kaasee haga irga buusaa gudda'aatitti hojjaan isi'ii ciqilee afur, badhinni isi'iille ciqilee tokko.
15
Addeen ibiddaa ta ciinca'aa hojjaan isi'ii ciqilee afur; addee ibiddaa irraa gaafoti afur ol bayeera.
16
Addeen ibiddaa ta ciinca'aa cinaan isi'ii arfanuu wol qixa teetee, dheerinni ciqilee kudhanii lama, badhinnille ciqilee kudhanii lama.
17
Kaabiin dhaka'aa sun cinaan arfanuu wol qixxee te'ee, dheerinni isi'ii ciqilee kudhanii afur, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii afur te'ee, badhinni xiyyoo isi'ii ka itti marfameeru gamisa ciqile'ee ti; naannoon hundee isi'ii martinuu badhinni ciqilee tokko; yaabbannooti addee ciinca'aa karaa aduun baatuun jiraniiyyu» jedhe.
18
Achiin duuba namichi anaan, «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Addeen ciinca'aa tun hujantee, kennansi gubamu yennaa dhikaatuu fi addee ciinca'aa tana irratti dhiigi yennaa fiffixamu, seerri isaanii kana:
19
Ati dardara tokko ka kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, hayyoota natti dhikaatanee ana tajaajilanu, sanyii Zaadoqii gosa Lewwootaatiif kenni.
20
Ati dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii gaafota addee ciinca'aa afur irratti, roga kaabii dhaka'aa afur san irratti, marsa xiyyoo isaa mara irratti dibi. Akka kanaan addee ciinca'aa qulleessiitii, cubbuu isi'iitiif gumaa tolchi.
21
Dardara kennansa cubbu'uutiif dhikaate san fuudhiitii, adaala Galma Waaqaatitti, addee waan kanaaf adda baatetti, addee woyyitti'iin alatti gubi.
22
Guyyaa lammeesso'oo korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne fuudhiitii kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; addeen ciinca'aa akkuma dhiiga dardaraatiin qulleeffante, dhiiga korbeessa saniille'een qulleeffantuu ti.
23
Qulleessiisa kana qulleessitee yennaa fixxe, tika keessaa dardaraa fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko,
24
Mootii Waan Maraa dura dhikeessi; hayyooti soodda itti fiffixanee, kennansa gubamu godhanee Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessan.
25
Guyyuma guyya'aan, guyyaa torbaaf korbeessa re'e'ee tokko kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; tika keessalle'ee dardara fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne qopheessan.
26
Isaan guyyaa torbaaf addee ciinca'aa saniif, gumaa tolchanee isii hin woyyoonsan.
27
Guyyooti kun yennaa dabarane, guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee gara duraatitti hayyooti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa keessan addee ciinca'aa irratti hin dhikeessan; anille isin hin fudhadha› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 44 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48