bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 11
Ezekiel 11
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 12 →
1
Ayyaanni ol na fuudhee, gara seensuma karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara aduun baatuu na geesse; achi seensuma karra sanii namooti diddamii shan jiran; odduu isaaniititti sooreyyii kolba'aa ilma Azurii Yaazaaniya'aa fi ilma Benaaya'aa Phelaatiyaa dhagge.
2
Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Namooti kun qachaa kana keessatti worra karoora hamaa baafatuu fi worra gorsa hamaa gorsu.
3
Isaan, ‹Yennaan nuuti mana ijaarru dhikaatteerti; qachaan kun okkote'e; nuutille akka foon okkotee keessa bulfatanuu ti› worra jedhu.
4
Tanaaf, ati raaga isaan irratti raagi; ee, ilma namaa itti raagi!» jedhe.
5
Achiin duuba ayyaanni Mootii Waan Maraa na irratti bu'ee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin kolbaan Israa'elii akkana jettanee yaadattan; waan gara yaada keessanii dhufe san anille beekeera.
6
Isin qachaa kana keessatti nama bacaa ijjeettaneertan. Karaa qachaa kanaa reeffaan guuttaneertan› jedhe.
7
«Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, ‹Worri isin ijjeettanee qachaa keessatti gattane foon; qachaan kunille okkote'e; ani ammoo qachaa kana keessaa isin hin baasa.
8
Isin shallaagaa sodaattaneertanii motii? Ani ammoo shallaagaa isinitti hin fida. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.
9
Ani qachaa kana keessaa isin hin baasa; harka ormaalle'etti dabarsee isin kennee, isinitti hin mura.
10
Isin shallaaga'aan hin dhumattan; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura. Yennaa san isin ani Mootiin Waan Maraa akka te'e hin beettan.
11
Qachaan kun okkotee isiniif hin te'u; isinille isii keessatti foon hin teetanu; ani biyyuma teessan keessatti isinitti hin mura.
12
Yennaa san isin ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. Isin akka seera gosa biyya adda addaa ta adaala keessaniititti hujjane malee, akka seerata kiyyaatitti hin ideenne; seera kiyyalle'eef hin ajajanne› jedha» jedhe.
13
Ani raaga adoo dubbatiisatti jiruu, ilmi Benaaya'aa Phelaatiyaan du'e; anille fuulaan lafatti gad gombifamee, «Maalo'o, Goottaa Mootii Waan Maraa! Worra Israa'el keessatti baraaree hafe maraa ijjumaa fixu'uufii?» jedhe iyye.
14
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
15
«Ee ilma namaa! Worri Yerusaalem keessa jiru, obboleeyyan teeti, firoottan keeti, kolbaa Israa'elii maraan, ‹Isaan Mootii Waan Maraa irraa fagaataneeran; latti tun qabeenna keenna akka teetu nu'uuf kennanteerti› jedhan.
16
«Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani isaan kaasee odduu gosa biyya adda addaa, biyya hedduu keessa isaan bittinneessulle, addee isaan dhaqanetti yennaa diqqo'oof addee woyyittii isaaniif te'eera jedha› jedhiin.
17
«Tanaaf ati, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ani gosa biyya adda addaa biyya isaan itti bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, deebisee fidee, lafa Israa'elii deebisee isaaniif hin kenna.
18
Isaan yennaa achi deebi'ane, waan batti'ii fi waan diqachiisaa mara achi keessaa hin balleessan.
19
Ani akka isaan ijjumaa naaf addatamanu gadhaa addatamumma'aa isaaniif hin kenna; qalbii haareyalle isaan keessa hin keya. Gadhaa isaanii ka akka dhaka'aa isaan keessaa baasee, gadhaa isaanii ka foonii isaaniif hin kenna.
20
Achiin duuba isaan ajaja kiyya hin muummessan; seera kiyyalle hin eegatan; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille Waaqa isaanii hin te'a.
21
Worra gadhaan isaanii waan batti'ii fi waan diqachiisaa gula deemu ammoo ani Goottaan Mootiin Waan Maraa akka hujii isaaniititti isaan hin adaba jedheera› jedhi» jedhe.
22
Achiin duuba dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun koola ifii badhifatane; korbootille cinaa isaanii jiraniiyyu. Ulfinni Waaqa Israa'eliille isaaniin gubbaa jiraayyu.
23
Ulfinni Mootii Waan Maraa qachaa wodhakka'aa ka'ee, gaara qachaa irraa gara aduun baatu jiru gubbaa dhaabbate.
24
Ayyaanni ol na fuudhee, mudhii Ayyaana Waaqaatiin, gara worra booji'amee Baabilon keessa jiruu na geesse; achiin duuba mudhiin ani dhagge sun kaatee na irraa deente.
25
Anille waan Mootiin Waan Maraa natti mudhise mara worra booji'ametti hime.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48