bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Ezekiel 17
Ezekiel 17
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 18 →
1
Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
2
«Ee ilma namaa! Ati hiibboo hiibbifadhuutii, kolbaa Israa'eliititti mammaassaan dubbadhu;
3
Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Risaan guddaan ka koola gudda'aa fi baala dhedheeraa dansaa bifa adda addaa qabu tokko gara gaara Libaanonii dhufee, qaccee hindheensaa qabate.
4
Inni qaccee san irraa kutee, lafa daldaltootaatitti geessee, qachaa daldaltootaa keessa keye.
5
Achiin duuba inni lafa Israa'elii keessaa sanyii fuudhee, lafa dansaa, addee bisaan guddaan jiru biratti akka muka laga qarqaraa tokkootitti dhaabe.
6
Sanyiin yennaa latte muka woyni'ii gabaabaa banqaaqaa teete. Dameen isaalle garuma isaa deebite; hiddi isaalle isuma jalatti hafe; maarre inni muka woyni'ii te'ee dameelee baca'aa fi baala bacaa yaafate.
7
« ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate.
8
Muki woyni'ii sun dameelee hedduu baasee midhaan akka buusu, muka woyni'ii dansaalle akka te'uuf, lafa dansaa irratti addee bisaan guddaan jiru biratti dhaabbameeraayyu› jedha.
9
«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu.
10
Kunoo, addee tana irraa buqqifamee addee dhibi'itti yoo dhaabame hin oshobaa ree? Qilleensi o'aan karaa aduun baatuu yennaa isa dhowe, addee itti oshobe sanitti ijjumaa hin qooruu ree?› jedha» jedhe.
11
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,
12
«Ati worra finqilaa kanaan, ‹Isin hiikkaa waan kanaa hin beettanii ree? Kunoo, mootiin Baabilonii gara Yerusaalemii dhufee, mootii isi'iitii fi qondaaltota isi'ii booji'ee fudhatee Baabilonitti hin deebi'a.
13
Inni sanyii mootota Yihuda'aa keessaa tokkocha fuudhee isa woliin gondooroo godhatee, isa kakachiisee, isa woliin sooressitoota Yihuda'aalle fudhatee deeme.
14
Mootiin sun mootummaan Yihuda'aa gad jettee, adoo ol ifi hin qabin gondooroo mootii Baabilonii san jabaattee akka eegattuuf tana godhe.
15
Mootiin Yihuda'aa ammoo mootii Baabilonii irratti finqila kaasee, fardoole'ee fi loltoota bacaa akka isaaf kennanu ergantoota gara Gibxi'ii erge. Tun isaaf hin milkoottii ree? Nami waan akkasii godhe miliquu hin dande'aa ree? Gondooroo san diigee, miliquu hin dande'aa ree?› jedhi.
16
«Ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Mootiin Yihuda'aa kun biyya Baabilonii biyya mooticha isa mootonsetti, kakuu isaa san tuffatee, gondooroo isa woliin godhate waan diigeef, inni biyya baabilonii keessatti hin du'a.
17
Worri Baabilonii namoota bacaa ijjeesiisaaf kaabii dalleya dhaka'aatitti marsanee yennaa ijaaranu, mootiin Gibxi'ii loltoota ifii guddo'oo fi kolbaa bindillaa ifii woliin dhufee loliisaan isa qarqaaruu hin dande'u.
18
Inni kakuu san tuffatee, gondooroo san diigeera. Kunoo, inni wolii galtee san diigee waan kana mara waan godheef, adabbii jalaa miliquu hin dande'u.
19
Tanaaf, ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Kakuu tiyya ta inni tuffatee fi gondooroo tiyya ta inni diige san mataa isaatitti hin deebisa.
20
Ani caccoo tiyya isa gubbaa diriirsee, inni tiyyoo tiyyaan hin qabama; waan naaf addatamuu dhabeef gara baabilonii isa geessee, achitti itti hin mura.
21
Loltooti isaa worri beekkamane ka baqatiisatti jiranu marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worri jiru'uun hafelle gara mara hin bittinnowan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan; ani tana dubbadheera» jedhe.
22
Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani ifuma kiyyaan qaccee hindheensa dheera'aa san irraa quunxoo kutee hin dhaaba; quunxoo san keessaa kichuu tokkocha fuudhee, ifuma kiyyaan gaara ol aanaa dheeraa irratti hin dhaaba.
23
Ani gaara Israa'elii ol aanaa irratti isa hin dhaaba; inni achitti dameelee bacaa baasee, midhaanille buusee, hindheensa guddaa dansaa hin te'a. Sinbirreen gosa adda addaa marti isa jala hin leeti; gaaddisa dameelee isaa keessalle'etti mana hin ijaarratti.
24
Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48