bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Luke 10
Luke 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 11 →
1
Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge.
2
Inni isaaniin, “Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf kadhadha'a.
3
Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga.
4
Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a.
5
Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‘Nageenni mana kanaaf te'uu!’ jedha'a.
6
Yoo nami nageya jaallatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a.
7
Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof minddaan barbachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a!
8
Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a;
9
qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhi'aateerti’ jedha'a.
10
Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii,
11
isaaniin ‘Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhi'aatte beekka'a!’ jedha'a.
12
Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o.
13
Yesuus ede'ee, “Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu.
14
Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif kasoo teeti.
15
Qifirnahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta.
16
“Ka isin dhage'u ana dhage'a; ka isin didu ana dida; ka ana didu ka ana erge dida” jedhe.
17
Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, “Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane” jedhaneen.
18
Yesuus deebisee, “Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge.
19
Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu.
20
Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a” isaaniin jedhe.
21
Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, “Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde.
22
“Abbaan kiyya waan mara dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; ilma isaatii fi worra ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru” jedhe.
23
Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, “Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante.
24
Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isintti hima” jedheen.
25
Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?” jedhe.
26
Yesuus deebisee, “Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbitee hiitta?” jedhe.
27
Namichille, “Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaalladhu; ‘Akkuma ifi jaallattu ollaa keetille jaalladhu’ jedhe.
28
Yesuus, “Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta” jedhe.
29
Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, “Ollaan kiyya kam inni?” jedhee gaafate.
30
Yesuus deebisee, “Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme.
31
Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare.
32
Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare.
33
Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef.
34
Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheefi; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare.
35
Guyyaa itti aanu diinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‘Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna’ jedheen” jedhe.
36
Achiin duuba Yesuus, “Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?” jedheen.
37
Beekaan Seera Muuse'ee, “Ka marareef” jedhee deebise. Yesuus isaan, “Atille dhaqii, akkasuma tolchi” jedhe.
38
Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate.
39
Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu.
40
Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, “Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargartuuf itti himi” jette.
41
Goottaan deebisee “Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata,
42
ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filateerti, isii irralle'ee hin fudhatamu” isi'iin jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24